Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii: Itoophiyaan medaaliyaa 12n afraffaa ta'uun xumurte

Atileet Taaddasaa Warquu Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii irratti medaaliyaa lama argate

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Taaddasaa Warquu Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii irratti medaaliyaa lama argate

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti dorgomamaa ture medaaliyaa 12 argachuun addunyaarraa sadarkaa afraffaa argachuun xumurte.

Dorgommii gaafa Roobii eegalee hanga Dilbata kaleessaa guyyoota shaniif taasifameen sababa koronaavaayirasiitiin deeggartoonni isteediyeemii seenuu hin dandeenye.

Gareen atileetiksii Itoophiyaa dorgommicharra hirmaate har'a ganama Finfinnee buufata xiyyaaraa Boolee yoo gahu simannaan taasifameeraaf.

Itoophiyaan dorgommii kana irratti gara caalu medaaliyaa meetii argatte.

Gabatee medaaliyaa biyyoota waliigalaa qopheessituun dorgommichaa Keeniyaan Warqii 8, Meetii 1 fi Nahaasa torbaan walumaagala medaaliyaa 16'n tokkoffaan xumurte.

Itoophiyaan biyyoota lamaan warqii afur qaban Finlaandiifi Naayijeeriyaatti aanuun akka addunyaatti afraffaa, akka Afrikaatti sadaffaan xumurte.

Dorgommiin gara caalu Itoophiyaan meetii itti argatte kan atileetonni Keeniyaa itti warqii argatanidha.

Atileetonni Itoophiyaa lama dorgommii kana irratti medaaliyaa lama lama argataniiru.

Atileet Ayyaal Daanyaachaw gaafa Sambataa 800m injifachuun warqii argatte
Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Ayyaal Daanyaachaw gaafa Sambataa 800m injifachuun warqii argatte

Atileetiin medaaliyaa warqii argate maal jedhe?

Dorgommii warqii itti argate booda BBC’n kan isa dubbise atileet Taaddasaa Warquun guddaa gammaduu hime.

‘’Dorgommiin waggaa 20 gadii kuni ka’umsa waan ta’efi dorgomees warqii waan fideef baay’ee gammadeera,’’ jechuun dorgommii fuulduraaf akka isa kakaasu hime.

‘’Kana dura kanneen akka Salamoon Baaraggaafi Muktaar Idiriis fa’i dorgommii kana irratti medaaliyaa argatanii turan.

''Anis isaan fakkeenya godhadhee Shaampiyoonaa addunyaafi Olompikii dhufu irratti cimee hojjedhee nan hirmaadha jedhee nan yaada.''

Medaaliyaawwan argaman:

Warqii

  • 3000m Dhi Taaddasa Warquu
  • 800m Dha Ayyaal Daanyaachaw
  • 5000m Dhi Miizaan Alam

Meetii

  • 3000m Dhi Ali Abdulmannaan
  • 5000m Dhi Taaddasaa Warquu
  • 3000m Dha gufachiisaa Zarfee Wandimmaagany
  • 1500M Dhi Waganee Addisuu
  • 3000m Dhi gufachiisaa Taaddasaa Taakkalaa
  • 1500m Dha Dirribee Waltajjii
  • 5000m Dha Malkinaat Wudduu

Nahaasa

  • 3000m Dha Malkinaat Wudduu
  • 1500m Dha Malkinaat Azzaze
Atileetonni Wiixata ganama yeroo biyya gahan simannaan taasifameeraaf

Madda suuraa, EAF

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetonni Wiixata ganama yeroo biyya gahan simannaan taasifameeraaf