Madiinaan 5,000m'n rikardii cabsuun injifatte, Abdiisaan xiqqumaaf warqii dhabe

Atileet Madiinaa Iisaa riikardii shaampiyoonichaa kana dura Ganzabee Dibaabaan galmaa'e cabsuun injifatte

Madda suuraa, World Athletics

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Madiinaa Iisaa riikardii shaampiyoonichaa kana dura Ganzabee Dibaabaan galmaa'e cabsuun injifatte

Atileet Madiinaa Iisaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadiirratti 5,000m’n riikardii Shaampiyoonaa Atileet Ganzabee Dibaabaan galmaa’e cabsuun warqii injifatte.

Olompikii Paaris dhihoo xumurameerratti fageenyichaan torbaffaa bahuun kan xumurte Madiinaan, dorgommii kana ga’umsa guddaan 14:39:71’n galuun mo’atte.

Isheetti aanuun atileetiin Itoophiyaa biroo Maqidas Alamishat 14:57:44’n lammaffaa yoo baatu, Ugaandaarraa Chaaritii Cheerop sadaffaan xumurte.

Atileetiin ganna 19 Madiinaan fageenyuma wal fakkaataan waggaa lama dura Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii Kaaliitti warqii injifattee turte.

Fiigicha 5,000m dhiiraan dorgomameen immoo atileetiin Itoophiyaa Abdiisaa Fayyisaa xiqqumaaf caalamee lammaffaan xumure.

Dorgommicha atileetii Keeniyaa Andiriiw Alaamisii 13:41:14’n seenuun yoo injifatu Abdiisaan 13:41:56’n lammaffaa bahe.

Atileetiin Ugaandaa Keneet Kiproop sadaffaa yoo bahu atileetiin Itoophiyaa biroo Nibrat Kindee jahaffaan xumure.

Dorgommii gulaalliin 3000m gufachiisaa dubartootaan kan dorgoman Simboo Alamaayyoofi Firehiwat Gassasaa lamaanuu ramaddii isaaniirraa tokkoffaa bahun xumuraaf darbaniiru.

Fageenya 800m dubartootaan Aster Areeriifi fageenya 800m dhiiraan immoo Janaraal Birhaanuu Ayyaansaa gara walakkaa maayiitti darbaniiru.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii guyyaa Kibxataa Liimaa, Peerutti eegale hanga Sambata Xiqqaatti itti fufa.

Qabxii Itoophiyaa kana duraa:

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii waggaa lama lamaan dorgomama.

Waggaa lama dura Kolombiyaa, Kaaliitti dorgomameen Itoophiyaan warqii jaha, meetii shaniifi nahaasa tokko walumaagala medaaliyaa 12 argachuun xumurte.

Kunis Afrikaarraa tokkoffaa addunyaarraa sadaffaa ishee kaa’ee ture.

Atileet Abdiisaa Fayyisaa gara xumuraa xiqqumaaf atileetii Keeniyaan caalamee warqiin jalaa bahe

Madda suuraa, World Athletics

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Abdiisaa Fayyisaa gara xumuraa xiqqumaaf atileetii Keeniyaan caalamee warqiin jalaa bahe

Isa dura weerara Koovid booda bara 2021 Keeniyaa, Naayiroobiitti taasifameen immoo Keeniyaatu olaantummaan xumure.

Itoophiyaan warqii sadii, meetii torbaafi nahaasa lama walumaagala medaaliyaa 12’n Afrikaarraa keeniyaafi Naayijeeriyaatti aanuun sadaffaa, addunyaarraa immoo afraffaan xumurte.

Shaampiyoonaa bara 2018 Taamperee, Finlaanditti dorgomameenis Keeniyaatu mataa addunyaa ta’un xumure.

Itoophiyaan walumaagala medaaliyaa sagaliin addunyaarraa afraffaan xumurte.

Medaaliyaa hanga ammaa jiruun Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii Liimaatti dorgomamaa jiruun warqii tokkoofi meetii lama argatteetti.