Itoophiyaan Shaampiyoonaa Ganna 20 gadii mataa biyyoota Afrikaa ta'un xumurte

Madda suuraa, World Athletics
Gareen Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ganna 20 Gadii Peeruu, Liimaatti adeemsifamaa ture medaaliyaa kudhaniin Afrikaarraa tokkoffaa, addunyaarraa lammaffaa ta'un xumure.
Gareen Itoophiyaa warqii jaha, meetii lamaafi nahaasa lama walumaagala medaaliyaa kudhan injifachuun mataa biyyoota Afrikaa ta'e.
Addunyaarraa immoo Ameerikaa kan warqii saddeet qabdu qofatu isaan caala.
Akka ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti, Itoophiyaan ‘’yeroo jalqabaafi’’ Afrikaarraa sadarkaa jalqabaan kan xumurte.
Dorgommiiwwan kana duraarratti Keeniyaan olaantummaa qabdi turte. Keeniyaan barana warqii 3, meetii 3 fi naasii tokkoon sadarkaa shanaffaan dorgommicha xumurte.
Dorgommii Hagayya 27-31, 2024tti Peeruutti gaggeeffamaa ture kanarratti biyyoonni 134 hirmaachuu gabaafameera.
Atileetonni Itoophiyaa dorgommii kanarratti biyya bakka bu’an 18 akka ta’an federeeshinichi ibseera.
Atileetonni medaaliyaa warqii fidan kami:
- Madiinaa Iisaa 5000m’n (riikardii shaampiyoonaa cabsuun)
- Simboo Alamaayyoo gufachiisa 3000m (riikardii shaampiyoonaa cabsuun)
- Janaraal Biraanuu meetira 800m
- Alashiinyi Baawwaqa 3,000m
- Atileeti Saaroon Barihee 1,500m
- Abdiisaa Fayyisaa 1,500m
Meetii:
- Abdiisaa Fayyisaa 5,000m (medaaliyaa isaa lammataa)
- Maqdas Alamisheet 5,000m
Nahaasa:
- Hayiluu Ayyaaloo 3,000m gufachiisa
- Maartaa Alamaayyoo 3,000m
Qabxii Itoophiyaa kana duraa
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii waggaa lama lamaan dorgomama.
Waggaa lama dura Kolombiyaa, Kaaliitti dorgomameen Itoophiyaan warqii jaha, meetii shaniifi nahaasa tokko walumaagala medaaliyaa 12 argachuun xumurte.
Kunis Afrikaarraa tokkoffaa addunyaarraa sadaffaa ishee kaa’ee ture.

Madda suuraa, World Athletics
Isa dura weerara Koovid booda bara 2021 Keeniyaa, Naayiroobiitti taasifameen immoo Keeniyaatu olaantummaan xumure.
Itoophiyaan warqii sadii, meetii torbaafi nahaasa lama walumaagala medaaliyaa 12’n Afrikaarraa keeniyaafi Naayijeeriyaatti aanuun sadaffaa, addunyaarraa immoo afraffaan xumurte.
Shaampiyoonaa bara 2018 Taamperee, Finlaanditti dorgomameenis Keeniyaatu mataa addunyaa ta’un xumure.
Itoophiyaan walumaagala medaaliyaa sagaliin addunyaarraa afraffaan xumuruun ni yaadatama.












