Himannaan Dr Ashabbir W/Giyoorgis fa'i maalirra gahe?

Dhimmi atileetiksii Itoophiyaa yeroo dheeraaf miidiyaarratti dhimma komiin jabaa irratti dhihaachaa turedha

Madda suuraa, Ministry of Culture & Sports

Ibsa waa'ee suuraa, Dhimmi atileetiksii Itoophiyaa yeroo dheeraaf miidiyaarratti dhimma komiin jabaa irratti dhihaachaa turedha

Dhimmi atileetiksii Itoophiyaa ijoo dubbii miidiyaafi dhimma biyyaalessaa ta’urra darbee yeroo duraaf fakkaatuun mana murtii gaheera.

Torban dura haala kana dura hin baramneen Kumaalaa Atileet Hayilee G/Sillaasee fa’i Pirezidantii Koree Olompikii Itoophiyaa fa’i irratti himannaa garagaraa bananiiru.

Qabxii atileetiksii Itoophiyaa Olompikii Paaris irratti galmaa’e kan ummata mufachiiseefi atileetota boquu cabsedha.

Qabxiin dhibuu isaaf Hayilee dabalatee atileetonni fi leenjistoonni akkasumas Atileet Gazzaahany Abarraa hoggantoota Koree Olompikii komachaa turan keessaati.

Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaafi miseensonni korichaa itti-gaafatamarraa akka ka’an waggootaaf gaaffiin cimee dhagahamaa ture.

Haa ta’u malee, Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis aangoorraa hin ka’u jechuun deebii kennaniiru.

'Angoorraa ka'un furmaata hin ta'u, rakkoon kanaaf itti gaafatama kan fudhatu Koree Olompikii qofaa mitis' jedhan.

Himannaan Koree Olompikiifi hoggantootasaarratti shaampiyoonaa Olompikii si'a lamaa kan ta'e Hayileefi kaaniin mana murtiitti banamees kana booda ture.

Hayileen fa'i daddabarsa namootaa seeraan alaa dabalatee dhimmoota biroon himannaa banuu isaanii gama abukaatota isaanii beeksisaniiru.

BBC'n Dr Ashabbir fa'irraa yaada dhagahuuf yaalii taasiseera. Ammatti deebii hin arganne.

Maalirra gahe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torban darbe Atileet Hayilee G/Sillaasee, Federeeshinii Buunyaa Itoophiyaa, Federeeshinii Tenisii Itoophiyaafi Atileet Gazzaahany Abarraa ifatti himannaa bananiiru.

Himannaan kuni daddabarsa seeraan alaa namootaa dabalatee wantoota shanirratti xiyyeeffata.

Pirezidantiin Koree Olompikii Dr Ashabbir si'a sadaffaaf ''yaa’ii dhoksaan'' filatamuun himatamaniiru.

Kan himatamanis qaamolee shanidha; Koree Olompikii Itoophiyaa, Pirezidantii korichaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis, fi qabduu maallaqaa koree kana Dr Edan Ashannaafiidha.

Akkasumas, Barreessaa Olaanaa Koree Olompikii Obbo Daawwit Asfaaw fi Itti-aanaa isaanii Obbo Gazzaahany Waldees kanneen himataman keessaati.

Akkaatuma kanaan Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddachi Lidataa Baankii Herreegaa Koree Olompikii fi Yaa’iiwwan Waliigalaa koreen kuni taasise torban darbe dhorkeera.

Eegasii Dr Ashabbir fa’is mana murtitti iyyataniiru, kanneen isaan himatanis qeequun deebii kennan.

'Hayileen eessa ture?'

Torban darbe Koreen Olompikii Itoophiyaa ibsa miidiyaaleef ergee jedhame keessatti himannaa irratti dhihaate mormeera.

Ibsa miidiyaalee muraasatti erge jedhameen kanneen isaan himatan afran irratti qeeqa dhiheesse, badiinis himate.

Komiin koree kanarratti ka'u yoo jiraate akkaataa dambii ittiin bulmaata dhaabbatichaarratti eerameen mana murtiin hin ilaalamu jedhe.

Osoo kuni beekamuu ‘’dhaddacha dogoggorsuun’’ sirrii miti jechuun ibse.

Sochiin Haayilee fa’i ‘’biyya adabsiisuuf taasifamu atattamaan dhaabbachuu qaba’’ jechuunis akeekkachiise.

‘’Sochii seeraan alaa ifa ta‘e’’ hawaasni ‘’bitaa mirga ilaalee akka hubatuus’’ ummata gaafateera.

‘’Himattoonni kakuu sobaan mana murtii kan dogongorsan waan ta’ef ofii isaanii yeroon itti seeraan itti gaafataman fago omiti,’’ jechuunis ibse.

Atileet Hayileen Itoophiyaa keessatti baay'ee beekamaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Hayileen Itoophiyaa keessatti baay'ee beekamaadha

Atileet Hayileen waggoota afran darbe Pirezidantii I/Aanaa Koree Olompikii Itoophiyaa ta’ee hojjetaa turee ‘’harka keessaa hin qabu’’ jechuu hin danda’u jechuunis gaafate.

Eegasii booda ture Dr Ashabbir W/Giyoorgis fa’i mana murtiitti herreegni Baankii Koree Olompikii Itoophiyaa fi sochii dhaabbatichaarratti dhorkaa ka’ame mormuun kan iyyatan.

Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddachi Lidataa dhorkaa kana torbanuma darbe kaaseera.

Dr Ashabbir fa’i ibsa miidiyaaleef guyyaa Sambata Xiqqaa kennaniin dhorkaan murtaa’e ture kan ka’ef kanneen nu himatan miseensota koree Olompikii waan hin taanefi jedhaniiru.

Atileet Hayileen dubbii Koree Olompikiirratti kallattiin deebii hin kennine.

Haa ta’u malee, dhimmicha mana murtii kan geessan Ministirri Aadaa fi Ispoortii itti gaafatama qabu waan raawwachiisuu dadhabeefi jechuun komate.

Hayileen ‘’ispoortii kana keessa waggoota 35’f dhamaheera. Dhamahuus ittan fufa. Nuti aangoo barbaanna miti.

''Kaayyoon keenya ispoorticha baraaruudha,‘‘ jechuun torban darbe miidiyaaleef ibsa wayita kennan dubbate.

'Deebisnee dhorkisiisne'

Eegasii abukaatonni Atileet Haayilee fa’i torban kana mana murtiitti iyyachuun dhorkaawwan lamaanuu akka itti fufan manni murtii ajajuu ibsaniiru.

‘’Ammammoo deebinee dhorkisisneerra,’’ jedhan abukaatoon Kumaalaa Hayilee G/Sillaasee BBC’tti wayita dubbatan.

‘’Keessumaa filannoo Boordii Koree Hojii Raawwachiiftuu ilaalchisee ifatti dhorkameera,’’ jedhan.

Abbootiin seeraa Dr Ashabbir fa’i dhorkaan akka ka’u kan gaafatanif ‘’hojjetaaf miindaa kaffaluu rakkanneerra’’ jedhanii iyyataniiti jedhan Obbo Ayyaalew Bitaane.

Akkaatuma kanaan ‘’miindaa hojjetaa qofa’’ akka kaffalan ‘’kan biraa garuu akka dhorkamu jennee amma dhorkameera,’’ jechuun murtee guyyaa Kibxataa darbe BBC’tti himaniiru.

Murteen kuni Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Lidataatti ajajamuu ibsani.

Himannaawwan shanan maali?

Himannaawwan ijoo Koree Olompikii Itoophiyaafi hoggantoota dhaabbatichaarratti dhihaatan shanidha.

Abukaatoon Haayilee fa’i Obbo Ayyaalew Bitaane himannaawwan shanan akkana jechuun ibsan:

Kan jalqabaa Yaa’iin Waliigalaa ALI Caamsaa 05, 2016 gaggeeffame ‘’seeraafi sirna kan cabse waan ta’ef akka hin gaggeeffamnetti akka nuuf lakkaa’amu’’ jedhanii gaafatan.

Lammaffaa filannoon Koree Hojii Raawwachiiftuu ALI Waxabajjii 04, 2016 taasifame ‘’seeraan alaadha’’ jechuun himatan.

Sadaffaa mootummaafi dhaabbilee misoomaarraa walumaagala birrii miiliyoona 200 ol kenname akka odiitii ta’u. Qaama sadaffaan akka odiitii ta'us gaafatan.

Akkasumas Olompikii Tookiyoorratti dolaara miiliyoona 6.5 ol maallaqaafi gosa biraan kenname ‘’waan hin taanerra oolera,'' jedhanii tilmaamu.

Akkaatuma kanaan Odiitara Olaanaa Federaalaan odiitii akka ta’u'' ajaja akka kennamuuf gaafatan.

Inni afraffaa Olompikii Paaris 2024 irratti ‘’wantoonni bu’uuraa caban’’ jiru jechuun isaan kanarrattis ‘’itti gaafatamummaan haa murtaa’u’’ kan jedhudha.

Shanaffaan dhimma daddabarsa namootaati. ‘’Olompikii Paaris waliin walqabate [himatamtoonni] daddabarsa namoota seeraan alaa irratti bobba’aniiru jennee shakkina,’’ jedhan.

‘’Yakkaan gaafatamuun akkuma jirutti ta’ee aangoo isaanii karaa hin malleen fayyadamuun Koree Olompikii [qisaasessani],’’ jechuun himachuu BBC’tti himani.

Haa ta’u malee, namootni gara Paaris haalli mijaa’ef geeffaman jedhaman lakkoofsaan hin ibsine.

Garuu baay’ee akka ta’an ibsa Finfinnee kennanirratti akeekaniiru.

Maaltu itti aana?

Abukaatoowwan bu’uura kamiin Koree Olompikiirratti himannaa daddabarsa namootaa seeraan alaa dhiheessan jechuun gaaffiin ka’u jira.

Sababi isaa dhimma yakkaarratti kan himannaa banuu danda’u Abbaa Alangee federaalaa waan ta’efi.

Dhimma kanarratti BBC’f deebii kan kennan Obbo Ayyaalew: ’’seerri hariiroo hawaasaa [fitihaaberii] himachuu nu hin dhorku’’ jedhan.

Abukaatonni qajeelfama naamusaa koree hojii raawwachiiftuu Koree Olompikii Itoophiyaa bu’uura gochuun himachuu dubbatani.

‘’Qajeelfama kana aangoo isaanii haala hin malleen fayyadamuun namoota daddabarsuuf sababa ta’aniiru. Sababa kanaaf seera cabsaniiru.

‘’Gaaffiin keenya seera hariiroo hawaasaan itti gaafatama qabuudha,’’ jechuun ibsan.

‘’Gaafa gaaffii kana kaafnu garuu qaamni isa ilaallatu gara dhimmichaa seena. Dhimmi keenya eeruu kennuudha.

''Dhimma yakkaarratti eeruu kennuun qofti gahaadha,’’ jechuun deebisan.

‘’Tarkaanfiin itti aanu Biiroon qorannoo yakkaa Poolisii Federaalaafi Abbaan Alangee [dhimma fedhii ummataa waan ta’ef] dhimmicha hordofanii furmaata kennuudha.

‘’Isaafis kan fayyadu iyyannoon bal’inaan ibsu seeneefiira. Qorannoon eegaleera,’’ jedhan.

BBC’n Biiroon Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa qorannoon eegalera jechuun abukaatoon isa dubbatanirratti poolisiirraa waan odeefffate hin qabu.

Akkaataa adeemsaa taanaan yoo ragaan yakkaa agarsiisu yoo argame Dr Ashabbir Miseensa Paarlaamaa Itoophiyaadha waan ta’anif dhimmi mirga himatamuu isaanii eegasii booda ilaalama.

Abukaatonni dhimmichi dhimma ummataafi mootummaa waan ta’ef eeruun gahaa akka ta’eefi ragaawwan dabalataa baasuun aangoo mootummaati jechuun ibsani.

Obbo Ayyaalew ‘’himannaan dhihaate himannaa salphaa miti’’ jechuun ibsu.

Hamma namoota biyyaa bahaniifi hafan baruuf Embasiin Faransaay fi Immigireeshiniin baay’ina VISA Koreen Olompikii gaafate akka baramu mana murtii gaafataniiru.

Waa’een himannaa garuu ammallee himatamtoota bira hin geenye.

Erga Onkololeessa keessa manni murtii hojii idilee eegale booda himanni isaan bira akka gahuufi yeroos deebii kennu jedhamee eegama.

Atileet Yoomiif Olompikii Paaris irratti dorgommii 5,000m keessaa baafamuufi 10,000m akka gareetti milkaa'uu dhabuu isaaniif aangawoota Koree Olompikiitti quba qabe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Yoomiif Olompikii Paaris irratti dorgommii 5,000m keessaa baafamuufi 10,000m akka gareetti milkaa'uu dhabuu isaaniif aangawoota Koree Olompikiitti quba qabe

Itoophiyaan Olompikii Paaris irratti warqii tokkoofi meetii sadii argachuun xumurte.

Olompikii Riyootii eegalee yeroo sadaffaafi atileetonni Itoophiyaa warqii takka qofaan kan biyyatti deebi'an.

Hayileen ‘’Olompikii sadiirratti warqii sadii qofa kan arganne rakkinootni ijoo waggootaaf osoo hin furamiin waan turaniifi,’’ jechuun miidiyaa biyyaalessaatti dubbatee ture.

Shaampiyoonaan addunyaafi Olompikii Atileet Gazzaahany Abarraas Koreen Olompikii filannoo atileetii keessa harka seensifate jechuun komataa ture.

Atileet Fireewaynii Hayilee kanneen komii jabaa dhiheessan keessaati. Olompikii Paaris irrattis osoo hin hirmaatin hafte.

Pirezidantii I/Aanaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan ta'e Gazzaahany dhimmasheerratti hoggantuu federeeshinichaa Daraartuu Tulluu qeeqeera.

Atileet Yoomiif Qajeelchaa immoo Olompikii Paarisitti 5,000m'n dorgomuu dhabuu isaafi qabxii 10,000m dhibeef aangawoota Koree Olompikii Itoophiyaa himate.

''Irraa ari’uudha. Bu’uu qabu'' jechuun BBC'tti dubbachuun isaas ni yaadatama.