'Aangoo gadi dhiisudhaan jijjiiramni dhufu hin jiru'- Ashabbir Waldagoorgis

Madda suuraa, EOC/FB
Koreen Oloompikii Itoophiyaa Olompikii Paaris booda ibsa miidiyaalef kenneen duulli gaggeessitoota korichaarratti taasifamu sirrii miti jedhe.
Olompikii Paaris irratti Itoophiyaan qabxii gadaanaa argachuutin komiin Koree Oloompikii Itoophiyaarratti dhiyaataa ture. Kanaafa ammoo gaggeessitoonni korichaa aangoo akka gadi dhiisaniif namoota heddu biraa yaanni ka'aa jira.
Addumatti ammoo pirezidaantii Koree Oloompikii Itoophiyaa kan ta'an Dr. Ashabbir Waldagoorgis bu'uura rakkoo qabxiidhabuu garee Itoophiyaati jedhamuun keessuma amiidiya ahawaasa agubbaa aangoo akka gadhisan waamichi godhamaa jira.
Ibsa korichi har'a miidiyaalef kenne irratti gaaffilee heddu gaazexeessitoonni dhiyeessan keessaa tokko gaggeessitoonni Koree Oloompikii aangoo maaf gadi hin dhiisne? kan jedhuudha.
Ibsa kana kan kennan pirezidantiin korichaa Dr. Ashabbir Waldagiyoorgis yoo ta'an, gaffii aangoo gadi dhiisuu dhiyaateef deebii "Aangoo gadi dhiisudhaan jijjiiramni dhufu hin jiru" jedhu kennan.
"Bu'aan argame uummata Itoophiyaa ni mala kan jedhu yaada hin qabnu. Garuummoo namoonni [aangoorraa ka'uudhan] jijjiiramni dhufu hin jiru. Ani kubbaa miilaa gadi dhiisee baheera; falmee mo'adheen mee gaggeessaa jedhee dhiisee bahe. Jijjiirama dhufe garuu hin agarre.
"Dhiisanii keessaa bahuun furmaata hin ta'u. Irra deebi'ee kanin isinii mirkaneessuu barbaadu, ani gama kootin aangoo gadi hin dhiisu. Kubbaa miilaa dhiisee bahee jijjiirmne dhufe hin jiru," jedhan.
Oloompikii Paaris irratti Itoophiyaan maraatoonii dhiirotaan qofa warqee tokko argachuun walumaa galatti ammoo medaaliyaa afur argachuun lammiilee biyyattii heddu dheekkamsiise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaggeessitoonni Koree Olompikii Itoophiyaa Paarisii yoo deebi'an aangoo gadi dhiisuu qabu yaadni jedhu atileetota maqaa guddaa akka Haayilee Gabrasillaasee fa'a irraa dhagaahamaa ture.
Atileet Hayilee Gabrasillaasee Itophiyaan qabxii gadaanaa argachuusheef sababni hoggansa ta'uu eerun, gaggeessitoonni uummata dhiifama gaafachuun aangoo gadi dhiisuu akka qaban yaada kenne.
Haayilee Gabrasillaasee akka jedhutti rakkoowwan yeroo dheeraaf osoo hin furamin turuun Itoophiyaan dorgommiiwwan Olompikii sadi irratti meedaaliyaa worqee sadi qofa akka argattu taasisuun sadarkaashee gadi buuseera.
''Dorgomaa ispoortii tokko deemi mo'adhu jennee erguu keenya dura qaamni ergu haqa qabeessaa? jennee gaafachuu qabna,'' kan jedhu Hayileen hoggansi haqa qabeessa hin taane ofitti amanamummaa fi qabxii dorgomtootaa irratti dhiibbaa guddaa akka uumu dubbate.
''Koreen olompikii Itoophiyaa yeroo lama, sadi dhimma kanarratti mari'ataniiru, garuu hin milkoofne.
''Amma Ashabbir Waldagoorgis irraa eegalee hoogganoonni jiran kan nuti irraa eegnu falmii osoo hin taane, uummata mufachiifneerra, sababa keenyatti biyyi qabxii dhabdeetti jedhanii aangoo akka gadhiisaniidha,'' jedhe Haayileen.
Koreen Olompikii Itoophiyaa garuu ibsa har'a kenneen dheekkamsa hawaasa irraa itti dhufeef gurra waan kenne hin fakkaatu.
"Aangon kan dhufu namatti duuludhaan, gaazexeessitoota namarratti ijaarun osoo hin taane ykn namoota dhuunfaa gurmeessun osoo hin taane karaa dimokiraasin ta'uu qaba.
"Osoon Paaris jiruu gara biyyaa hin deemin, hiriirri mormii sirratti qophaa'ee jira [naan jedhan]. Ani baay'en itti gammada, sababni isaa hiriirri mallattoo dimokiraasiti," jechuun yaada Hayileen kennetti qoosan Dr. Ashabbir.
"Ani akka Hayilee hiriira ilaalee hin fiigu. Hayileen hiriira argee bahe, amma immoo hiriira ilaalee gara aangootti fiigee dhufuu barbaada," jechuun duula amma gaggeeffamuun aangoo akka gadi hin lakkisne himan.












