Dr Ashabbir dabalatee hoggantoonni Koree Olompikii nama daddabarsuun himataman

Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis qabxii Itoophiyaa Olompikii Paaris irratti badeef qeeqamaa turan

Madda suuraa, EOC

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis qabxii Itoophiyaa Olompikii Paaris irratti badeef qeeqamaa turan

Pirezidantii Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis dabalatee hoggantoonni Koree Olompikii Itoophiyaa daddabarsa seeraan alaafi kaanin himanni irratti baname.

Kanneen himata kana banan Kumaalaa Atileet Hayilee Gabrasillaasee, Atileet Gazzaahany Abarraa, Federeeshinii Buunyaafi Federeeshinii Teenisii Itoophiyaadha.

Galmee himannaa Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddacha Araadaatti banameerratti maqaan namoota afuriifi dhaabbata tokko eerameera.

Himatamtoonni kuni Koree Olompikii Itoophiyaa, Pirezidanticha Dr Ashabbir W/Giyoorgis, Qabduu maallaqaa Dr Edan Ashannaafiidha.

Akkasumas Barreessaa Olaanaa Koree Olompikii Obbo Daawwit Asfaaw fi Itti-aanaa isaanii Obbo Gazzaahany Waldees jiru.

Gama abukaatota himataniin himanni kan dhihaatef Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddachi Araadaa Yaa’iin Waliigalaa ALI Caamsaa 5 fi Waxabajjii 4, 2016 Koreen Olompikii taasiseefi murteen darbe akka dhorkamu ajaja kenneera.

Abukaatoo kanneen himatanii kan ta’an Obbo Ayyaaloo Bitaane ‘’Olompikii Paaris waliin walqabate [himatamtoonni] daddabarsa namoota seeraan alaa irratti bobba’aniiru jennee shakkina.

‘’Yakkaan gaafatamuun akkuma jirutti ta’ee aangoo isaanii karaa hin malleen fayyadamuun Koree Olompikii [qisaasessani],’’ jechuun BBC’tti himani.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Waanuma xalayaan barraa’ef qofa namoonni isaan hin ilaallanne [gara Paaris] deemaa turan,’’ jedhaniiru.

‘’Dhaabbatichi hanga yoonaa odiitii hin taane,’’ jedhu abukaatoon kuni.

‘’Xalayaa Ministeera Aadaafi Ispoortiif deebii hin kennine, Odiitarri Federaalaa akka odiitii ta’an xalayaa si’a lama barreessuus Koreen Olompikii dide,’’ jechuun himani.

‘’Sababa kanaaf dhaabbata walabaan odiitii ta’ee itti gaafatamni haa mirkanaa’u,’’ jechuun gaaffii haqaa gaafataa jiran eeran.

Kanaan ala ‘’Yaa’ii waliigalaa atattamaafi idilee Caamsaa shan fi Waxabajjii afur taasifaman irratti murteen murtaa’e seeraafi qajeeltoo Koree Olompikii kan hin hordofne isa jedhun akka shaaraman [kan gaafanne],’’ jechuun himani.

Abukaatoon ‘’wantoonni dabalataa kanaaf sababadha jenne jiru,’’ jedhaniiru.

‘’Tokkoffaa Dr Ashabbir, Dr Edan, fi Obbo Daawwit yeroo sadaffaafi karaa seeraan alaa kan filataman,’’ jechuun sababa jalqabaa eeru.

Yeroon turtii Koree Olompikii marsaa lama ta’u kan ibsan abukaatoon, isaan garu ‘’karaa seeraan alaa yeroo sadaffaaf filatamaniiru, kan filatamanis yaa’ii dhoksaan adeemsifameeni,’’ jedhan.

Dabaluunis, ‘’seeraan filus ta’e filatamuuf aangoo osoo hin qabaatin namoonni tokko tokko filataas filatamaaf ta’anii seenuun isaanii seeraan ala [yaa’icha] taasisa,’’ jechuun BBC’tti dubbatani.

‘’Yaa’iin waliigalaa yeroo waamamu qaburraa yeroo gabaabaa keessatti waamame. Kunis seeraan ala taasisa,’’ jechuun eeran.

Kanneen Dr Ashabbir irratti qeeqa jabaa dhiheessan keessaa tokko Atileet Yoomiif Qajeelchaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen Dr Ashabbir irratti qeeqa jabaa dhiheessan keessaa tokko Atileet Yoomiif Qajeelchaadha

Manni murtii iyyannoon kuni dhihaatef torban kana ALI Qaam’ee 04, 2016 ajaja kenneera.

Oolmaa dhaddachaa kanaan manni murtii Koreen Olompikii ALI Caamsaa 05 fi Waxabajjii 4 yaa’iin taasifamaniifi murteen murtaa’e dhorkamee akka turu ajaja kenneera.

Kanaan alas, filannoon Koree Hojii Raawwachiiftuu Koree Olompikii Itoophiyaas ‘’dhorkamee akka turu’’ ajajeera.

Ajaja kana raawwachiisuf itti-gaafatamni Ministeera Aadaafi Ispoortiif mana murtiin kennameera.

Himatamaa tokkoffaa Koree Olompikii Itoophiyaan herreegni baankii baname ‘’falmii himataafi himatamaa gidduu jiruurratti manni murtii murtee hanga kennutti osoo hin socho’in dhorkamee akka turu,’’ dhaddachi ajajeera.

Olompikii Paaris Hagayya keessa Faransaay dorgomameerratti qabxiin Itoophiyaa galmaa’e hawaasa atileetiksii guddoo mufachiiseera.

Aaddattis filannoo atileetotaafi kaan irratti Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis qeeqamaa turan.

Haa ta’u malee, isaan ‘’itti gaafatamarraa ka’uf’’ yaada akka hin qabne miidiyaa biyyaalessaarratti dubbachuun isaanii ni yaadatama.