Silashii Sihiin Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'un filame

Atileet Silashii Sihin Olompikiifi Shaampiyoonaa Addunyaarratti biyya bakka bu'uun medaaliyaa danuu injifateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Silashii Sihin Olompikiifi Shaampiyoonaa Addunyaarratti biyya bakka bu'uun medaaliyaa danuu injifateera

Atileet Silashii Sihiin Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'un filame.

Silashiin oolmaa guyyaa lammataa Yaa'ii Waliigalaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarratti sagalee kennameen morkattoota isaa mo'uun injifate.

Akka gabaasonni himanitti, waluumaagala sagalee 26 kennamu keessaa 11 argachuun waggaa afran dhufaniif hiree federeeshinicha hogganuu argateera.

Atileet Silashiin yeroo qabxiin Itoophiyaa keessumaa waltajjii Olompikiirratti xiqqaachuun mufii kaase kanatti itti gaafatamatti dhufe.

Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii ta'uf Atileet G/Igzaaber G/Maariyaam, Obbo Duubee Jiiloo dabalatee walumaagala morkattoonni jaha hirmaataniiru.

Kanneen keessaati Olompikii fi Shaampiyoonaa Addunyaarratti faana Qananiisaa hordofuun medaaliyaa meetii argamsiisuun kan beekamu Atileet Silaashii Sihiin kan injifate.

Atileet Silashii Sihiin Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa bakka bu'uun dorgome.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Itoophiyaa Aadde Shawwiit Shaankaa Silashiitiin baga gammadde jechuu isaanii ministeerichi beeksiseera.

Aadde Shawwiit, Itoophiyaan ''waltajjii addunyaarratti guddattee akka mul'attuufi milkaa'ina duraanitti akka deebitu'' Silashiin akka hojjetu dhaamaniiru.

Atileet Silashiin itti gaafatama kana Atileet Daraartuu Tulluurraa fudhata.

Daraartuun erga Haayileen itti gaafatamarraa fedhiin ka'ee booda bakka bu'uun tajaajilteetti.

Waggaa afur durammoo Yaa'ii Waliigalaa taasifameen Pirezidantii ta'un tajaajilaa turte.

Waggoota afran darban dorgommii Ardii Afrikaafi sadarkaa addunyaatti taasifameen atileetonni Itoophiyaa medaaliyaa 238 injifachuu Daraartuun Yaa'ii Waliigalaa kanarratti himteetti.

Haa ta'u malee, dhibdeen Koree Olompikii, milkiin akka yaadan galmaa'uu dhabuufi sababoonni kaan atileetiksii Itoophiyaa miidhaniiru.

Dhimmi atileetiksii kuni booda kana mana murtii gahuunillee ni yaadatama.

Dorgomtoonni eenyu?

Dorgommiin Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa xiyyeeffannoo guddaa argateera.

Xumurarratti kanneen pirezidantii ta'uf dorgoman namoota jahadha.

  • Risaal Opiyaw, Federeeshinii Atileetiksii Gaambellaarraa
  • Komaandar Girmaa Dhaabaa, Fed/ Atileetiksii Kibba Itoophiyaa
  • Atileet Silashii Sihiin, Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa
  • Obbo Yaayyah Addis, Federeeshinii Atileetiksii Naannoo Amaaraa
  • Obbo Duubee Jiiloo, Federeeshinii Atileetiksii Finfinnee
  • Atileet G/Igzaaber G/Maariyaa, Federeeshinii Atileetiksii Tigraay