Siifan badhaasa Atileetii Cimtuu Bara Kanaa injifatte, Taammiraatiifi Simboonis badhaafaman

Atileet Siifan Hasan (bitaa) Atileetii Cimtuu Bara Kanaa jedhamuun yoo badhaafamtu, Taammiraat Tolaan (gidduu) ramaddii Atileetii Cimaa Dirreen Ala jedhuun Simboo Alamaayyoo (mirga) immoo Atileetii Cimtuu Lafaa Dhuftuun injifataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Siifan Hasan (bitaa) Atileetii Cimtuu Bara Kanaa jedhamuun yoo badhaafamtu, Taammiraat Tolaan (gidduu) ramaddii Atileetii Cimaa Dirreen Ala jedhuun Simboo Alamaayyoo (mirga) immoo Atileetii Cimtuu Lafaa Dhuftuun injifataniiru

Dilbata galgala Monaakootti filannoofi badhaasni atileetiksii inni guddaan wayita gaggeeffamu gama dubartootaan dhalattuun Itoophiyaa lammii Nezerlaands Siifan Hasan Atileetii Dubaraa Jabduu Bara Kanaa (2024) ta'uun filatamte.

Atileetiin fageenya gabaabaa lammii Bootsiwaanaa Letsiilee Tebogoo ammoo gama dhiiraan atileetii cimaa bara 2024 jedhamuun badhaasa 'World Atileetiks Award' injifateera.

Tebogoo badhaasa dabalataa Atileetii tiraakii bara kanaa jedhus kan injifate yeroo ta'u, Olompikii Paaris irratti dorgommii 200m injifachuun lammii Bootsiwaanaa isa jalqabaa ta'eera. Fageenyichaanis riikardii Afrikaa harkaa qaba.

Atileetiin ganna 21 kun fiigicha ulee wal-harkaa fuudhuu 4x400m lammaffaa bahuun meetii injifateera. Kanaanis riikardii Afrikaa haaraa galmeesseera.

''Anaaf bara addaati'' kan jedhe Tebogoon, hiika guddaa akka qabuuf dubbate. ''Deeggartootni keenya nuu waliin jiraachuu isaanii beekuun miira addaatis'' jedheera.

Dhalootaan Itoophiyaa lammummaan ammoo kan Nezerlaands kan taate Siifan Hasan gama isheen Olompikii Paaris irratti fageenya 5,000m fi 10,000m nahaasa injifattee booda maaraatoonii fiiguun warqee injifatteetti. Dorgommii tokko irratti fageenya sadiin hirmaattee meedaaliyaa injifachuun seenaa waggoota 72 dura galmaahe irra deebiteetti.

Sirna badhaasaa sagalee deeggartootaan gaggeefamu kanaan Atileetiin ganna 31 Siifan, atileetii cimtuu isaadiyoomiin alaa jedhamuunis filatamteetti.

Siifan yaada injifannoo booda kenniteen barri 2024 ajaa'iba jetteetti, ammoo ''badhaasa kana nan injifadha jedhee hin yaadne'' jette.

Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa ishee gubbaa maxxansiteen ammoo badhaasichi an, garee koofi biyya koo qofaaf osoo hin taane dubartoota ol adeemoo kana ilaalan, abjootaaniifi amantaa horatan ispoortiindhaan milkaahina guddaa ragachuun akka danda'amu agarsiisa'' jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabaluunis cimaa dhiibaa, cimaa amanaa, cimaa shaakalaa, ammoo wanta tokko yaadadhaa abjuun guddaadha jedhamu hin jiru''jette.

Bara kana Olompiika Paaris irratti fageenya sadiin dorgomuuf murtoon balaadhaan guutameefi rifaasisaadha jettuun bu'aa buusuu isaatti gammaduu himte.

Siifan marsaa xumuraa dorgommii atileetii cimtuu Istaadiyoomiin alaa kanaan kan morkataa turte atileetii Keeniyaa Ruut Cheptegiich turte.

Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa kan Olompika Paaris irratti eeggatummaan filamee ture dhumarratti hirmaate dorgommii argachuun injifate ammoo gama dhiiraan atileetii cimaa Istaadiyoomiin alaa jedhu goonfateera.

Taammiraat Tolaa riikardii olompikii haaraa galmeessuun ture kan injifate.

Atileetiin Itoophiyaa kan biraa Simboo Alamaayyoo atileetii cimtuu lafaa dhufaa jirtu ykn Female Rising Star damee jedhuun filatamteetti.

Gufachiisa 3000m kan fiigdu Simboon, bara 2024 keessa Shaampiyoonaa addunyaa fi Olompiika Paaris irratti biyya bakka buutee hirmaateetti.

Simboon Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ganna 20 Gadii Peeruu, Liimaatti adeemsifame irratti gufachiisa 3000m riikardii shaampiyoonaa cabsuun injifateetti.