Olompikii irratti kufaatii atileetota Itoophiyaafi gootummaa Siifan Hasan

Siifan Hasan Olompikii Paaris irratti waqee injifatte

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist
    • Gabaasni irraati, Kenya, Nairobi

Siifan Hasan Olompikii Paaris irratti biyya dhalootashee baqattummaan keessaa baate Itoophiyaatti deebitee qormaata jabduu taate.

Siifan Hasan dubartii jalqabaa Olompikii tokko irratti medaaliyaa sadii argatte taate. Itoophiyaan medaaliyaa afur.

Siifan qofaashee biyyoota hedduu caalte.

Lammiileen Itoophiyaa hedduun ‘intala keenya’ jechuun isheetiin boonaniiru. Kan qeeqanis inuma jiru. Ciminaa fi kutannoo ishee garuu eenyutu haala?

Gonfoon argatte garuu gara biyya dhaloota ishee osoo hin taane biyya ijoollummaan itti baqatte Nezerlaandisiif taha.

Wal tajjii Olompikii kufaatii atileetiksii Itoophiyaa ifatti agarsiise, gama biraan ammoo wal tajjii dhalattuun Itoophiyaa Siifan Hasan akka bakkalchaatti keessaa iftee adunyaatti mul’atte ture. Olompikiin Paaris bara 2024.

Yeroo hundumaa waan haaraa yaaluu kan jaalatu Siifan Olompikii Paaris irratti waan dubartiin tokko ni milkeessiti jedhamee hin eegamne milkeessuun adunyaa ajaa’ib jechiisiifte.

Siifan medaaliyaa sadii, biyyi dhaloota ishee atileetota hedduu fageenya adda addaan hirmaachiste Itoophiyaan ammoo medaaliyaa afur argachuun Olompikii Paaris xumuran.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Siifan medaaliyaa qofaaf waan fiidgu hin fakkaattu. Hamma geessu ilaaluu fi waan haaraa gochuu akka dandeessu adunyaatti agarsiisuuf fakkaata.

Miira lama irraa dubbista. Injifannoof kutannoo fi xiiqii keessa ishee jiru. Yoo injifattes, yoo hin injifatamtes kolfa fi fuula ifaadha.

Kuftee kaatees Tookiyoo irratti mo’atteetti. Paaris irratti ammoo fageenya meetira 5,000, 10,000 fi Maraatooniin medaaliyaa sadii argatte.

Sanuu fiigicha Maraatoonii kiilomeetira 42 tahu dadhabbii guddaa booda waan fiigduuf medaaliyaa keessa galti jedhanii tilmaamuun ulfaataa ture.

Inumaayyuu isarratti warqee argamsiifte. Bakka hin dandeessu jettee ishee shakkitetti dogogoruukee ifatti sii mirkaneesiti.

Jecha piroofeser Mararaa tokko na yadaachiifte.

''Faranjii fi Waaqayyo abbuma jabaate gargaaru,'' jedhan.

Har’a Siifan Nezerlaandis keessatti akka baqattuutti osoo hin taane akka goota isaaniitti ilaalamti. Adunyaatu harka rukuteef.

Nezerlaandiif haa fiigdu malee hiddishee ammayyuu saba irraa dhalattetti hidhameera.

Maatiin ishe eyeroo umuriin ishee waggaa 15 ture Itoophiyaatii baqatanii bahuun Awurooppaa galan.

Kanaaf alaabaa Nezerlaandis dabalata alaabaa paartii Mormituu ABO waggoota dheeraaf fayyadamaa jiru ol kaasti.

Tarii sababa rakkoo siyaasaa yeroo sana Itoophiyaatti maatii ishee mudateen biyyaa baqatanii waan bahanif tahuu mala.

Saba irraa dhalatte Oromoo biratti hedduu akka jaalatamtu hubachuuf guyyaa isheen dorgommii qabdu maxxansaalee miidiyaa hawwaasaa ilaaluun gahaadha.

Magaalaa Adaamaatti dhalattee Arsii aanaa Muunessaatti kan guddatte Siifan idileedhaan dorgommii atileetiksii kan jalqabde Nezerlaandis erga galteeti.

Milkaa’uuf garuu waggaa dheeraa itti hin fudhanne. Tarii hiddi dhaloota ishee burqaa atileetota Itoophiyaa Arsiitti waan hidhatuuf tahuu mala.

Ganzabee Dibaabaa, Letesenebt Gidey. Gudaaf Tsaggaay fa'aa morkattoota Siifan jajjaboo turan.

Atileetonni Keeniyaas akkuma jiranitti tahee jechuudha.

Olompikii Riyoo bara 2016 irratti m1,500 dorgomtee shanaffaan xumurte.

Siifan Shaampiyoonaa Atileetiksii Adunyaa Dohaatti bara 2019 gaggeeffame irratti milkaa'ina guddaa argatte. Fageenya 10,000m fi 1,500m irratti dorgomtee medaaliyaa warqee mo'atte.

Olompikii Tokiyoo 2020 irratti Siifan yaaddannoo guddaa kan qabdu kuftee ka'uun 10,000m fi 5,000m irratti injifachuun medaaliyaa warqee lamas mo'atte. Waliigalaan medaaliyaa sadii argatte.

Garuu akka kan Paaris Maraatoonii hin dabalatu.

Siifan waan hundaa milkeessuun akka danda’amu agarsiifte jechuun miidiyaalee hedduun barreessaniiru.

Osoo Itoophiyaaf fiigdi taheeyyuu eenyutu carraa 1500m, 5000m, 10000m fi Maraatoonii kennaaf?

Biyoonni hedduun hamma Siifan haa hafuutii medaaliyaa tokkoyyuu hin argannemmoo jiru.

Olompikii tokko irratti dorgommii fiigichaan dubartiin medaaliyaa sadii injifattee beektu hin jirtu. Bara 1952 Emil Zatopek jedhamtu yeroo sana biyya Cheekoosloovaakiyaa jedhamuun waamamtu bakka bu’uun warqee sadii argattee ture.

Bara dorgommii ammayyaa erga jalqabee garuu atileetiin xiiqii fi kaayyoon guutamtee medaaliyaawwan sadii milkeessite hin jirtu.

Xurunesh Dibaabaa Beejingi irratti medaaliyaa lama argattee ture. Qananiisaa Baqqalaas akkasuma medaaliyaa lama Olompikii tokko irratti warra argatan keessatti eeramu.

Siifan Hasanii fi atileetota Itoophiyaa

Daraartuu Tulluu dubartii jalqabaa Olompikii irratti Afrikaa irraa medaaliyaa waqee argattedha.

Atileet Abbabaa Biqilaa atileetii jalqabaa miilla qullaa fiiguun Olompikii irratti seenaa addaa galmeessedha.

Siifan Hasanii, Laawuraa Muwirii fi Ganzabee Dibaabaa wal tajjii tokko irratti, bara 2019

Madda suuraa, Getty Images

Ergasii wal tajjii Olompikii irratti lammiileen Itoophiyaa fageenya dheeraa fi gidduugaleessaan medaaliyaa abdiin eeggatu.

Ijoolleen Obbo Dibaabaa [ Ijigaayyoo, Xurunesh fi Ganzabee] yeroo jiran medaaliyaa eegun dirqama ture.

Haayilee Gabresillaasee booda Qananiisaa Baqqalaa yeroo fiigu warqee qofaan osoo hin taane daawwachuuf hedduu namatti tola.

Olompikii irratti warra medaaliyaa dachaan galaa turanidha.

Dhaloonni kun umurii, miidhamaafi kaaniin dorgommii irraa fagaataa dhufaniiru. Letesenbet Gideyii fi Gudaaf Tsgaay, fageenya dheeraan Tigist Asaffaa fa’aa atileetota dhiyeenya maqaa Itoophiyaa waamsisan keessaati.

Haa tahu malee, yeroo atileetiksiin Itoophiyaa kufaatii agarsiisaa jirutti Siifan Hasan jabaachaa adeemte.

Tarii Arsii bakka atileetonni hedduu argaman keessatti dhalattee guddachuun ishee bakka Xurunesh fa’aa hin jirretti giiftii Olompikii akka taatu ishee gargaaruu hin hafne.

Kutannoo Xurunesh fa’aa agarsiisaa turan sana Siifan keessattis argita. Bishaan isaamoo qilleensa isaa si jechisiisa.

Siifan Sanbata darbe atileetii biyya dhaloota ishee Tigist Asaffaa sekendii sadiin caaluun medaaliyaa warqee argatte.

Kaleessumtii isaa jechuun Jimaata darbe ammoo 10,000M Naasa argatte.

''Salphaa hin turre,'' kan jette atileetiin ganna 31 Siifan, ''baay’ee ho’a ture. Garuu miira gaarii keessan ture. Akka har’aa koo kanatti tokkoffaan xumuruuf humnakoo hundaan tattaaffii godhee hin beeku,'' jechuun injifannoo ishee maraatoonii ibsite.

''Fiigicha yeroo fiige hundatti maal taha 5,000m fi 10,000m qofa fiigee jiraadhe jedheen gaabbaa ture. Osoon akkas godheera tahee gammachuu har’aa kana hin argadhun ture,'' jechuun dorgommichaan booda dubbachuushee AFP gabaase.

Baqattummaa hanga Olompikii tokkorratti medaaliyaa sadiitti

Waggoota kurnan dura shamarreen waggaa 15 Itoophiyaa irraa maatii ishee waliin baqattummaan Nezerlaandis galte biyyattiif gonfoo akkasii fiddi jedhanii tilamaamuun ulfaata.

Mana barumsaa keessatti barsiisota isheen argamtee dandeettii ishee barsiisaan hubate gara dorgommiitti ishee fide.

Siifan jireenya ishee ergaa Quraana keessa ''qorumsa booda ulfina jira,'' ykn ammoo dadhabanii keessa darbuun gara boqonnaatti nama geessa kan jedhuun akka gaggeessitu pirezidaantiin garee leenjistootaa Kileba Indooven Atileetik Ad Piirsi jedhamu AFPtti himan.

''Nama miti farda jaamaanuu dandeettii fiigichaa guddaa akka qabdu irratti arga'' jedhan leenjisaan ishee kun.

Amma isa Siifan Nezerlaandi barbaaddu caalaa Nezerlaandisitu ishee barbaada.

Itoophiyaatii deemtee alaabaa isaanii adunyaatti ol kaaste.

Morkii Siifan atileetota Itoophiyaa waliin gootu akkaan jabaa tahus yeroo hundaa yoo mootes mo'amtes fuula isheerraa gammachuutu mul'ata.

Fiigicha irratti Letesenbet Gideyi fa'aa waliin wal dhiibuun tureera. Kuftee mo'amtee beekti. Gammachuu isaanii garuu achii kaatee waliin hirmaatteetti. Siifan uummati biyya dhaloota ishee akka jaalatu himaa turte.

Itoophiyaan baajata guddaa baasuun, atileetota hedduu hirmaachisuun medaaliyaa afuriin biyyatti deebite.

Siifan qofaashee warqee dabalatee waliigalaan medaaliyaa sadiin Olompikii Paaris xumurte.