Garee atileetiksii Itoophiyaa Tookiyootti maaltu mudate?

Itoophiyaanis atileetonni Itoophiyaas Jaappaan, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti qoramaa jiru.
Shaampiyoonaa waggaa lama lamaan qophaa'u kanarratti gareen atileetiksii Itoophiyaa qabxii gad-aanaa galmeessuu ibsuun namuu komataa jira.
Fageenyawwan kana dura atileetonni Itoophiyaa itti milkaa'anin barana warqii miti medaaliyaa keessa seenuun ykn gulaallii darbuun yeroo rakkoo ta'u mul'ateera.
Dorgommii atileetiin Ugaandaa Joshuwaa Chepteege keessaa hafeerratti atileetota Itoophiyaaf carraadha osoo jedhamuu atileetonni Awurooppaa milkaa'aa jiru.
Rakkoon atileetiksii Itoophiyaa qunname bubbule, baranas ittuma fufee dhamaatii atileetiifi leenjisaa akkasumas abdii ummataa qilee buusaa jira.
Faallaan morkattuun ijoo Itoophiyaa, Keeniyaan, shaampiyoonaa warqii irratti guurratte, atileetota Itoophiyaa irra aanan ta'eera.
Bulchiinsi Atileet Silashii Sihiin erga gara aangotti dhufe baatii saddeet ta'us rakkoon ittuma fufuu qabxiin Tookiyootti galmaa'e ragaadha.
Maaltu adeemaa jira?
Itoophiyaan baatiwwanif atileetota filtee dorgommii guddaa kanaaf qophooftu, fageenyota atileetonni itti milkaa'u jedhamanii eegaman ni jiru.
Tokko kan atileetonni Itoophiyaa irra deddeebiin itti milkaa'an yoo ta'u kan biraammoo fageenya haaraa atileetonni itti milkaa'aan jiran waan jiraniifi.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Mana Keessaarratti warqii mootee Olompikarratti fageenya hin baramne 800m'n meetiin kan fidde Tsiggee Dhugumaan eegamtee turte.
Haa ta'u malee, gulaallii darbuu hin dandeenye.
Maaraatoonii dhiiraan atileetonni Itoophiyaa tokkoon isaanillee dorgommii fiiganii hin xumurre.
Maaraatoonii dubartootaa, fi 10,000m dubartootaa kan Itoophiyaan waggaa lama dura Budaapestitti warqii itti moote, barana warqii itti hin arganne.
Tigist Maaraatoonii Berliin riikardii itti cabsuuf kaayyeffatte dhiistee shaampiyoonaa irratti dorgomuun morkattee meetii injifatteetti.
Gudaaf immoo 10,000m dubartootaan wagga lama dura shaampiyoonaa turte. Barana falmitee nahaasa argatte.
Gudaaf dorgommii booda ''hojiin garee'' hin jiru yeroo jettu dhagahameera.
Fageenya 10,000m dhiiraan fiigichi xumuramuuf yeroo xiqqoo hafu caalamuun Yoomiif Qajeelchaa meetii injifateera.
Si'achi fiigicha daandiirraa malee fiigicha joorroo irraa [tiraakii] hin fiigus jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barana atileetiin Ugaandaa irra deddeebiin fageenya kanaan irra aane dhabamuun, atileetotaa Itoophiyaaf carraa bana jedhamee abdatamuus hin taane.
Itoophiyaan erga fageenya 10,000m'n warqii injifattee waggaan 14 darbeera.
Fiigicha 3,000m gufachiisaan Itoophiyaaf seenaa kan dalagaa jiru Lammeechaa Girmaa Dohaa, Oregoon fi Budaapestitti fageenyichaan meetii injifatee ture.
Barana osoo warqiif falmuu medaaliyaa osoo hin argatiin hafeera.
Simboo Alamaayyoon immoo 3,000m gufachiisaan nahaasa injifatteetti.
Itoophiyaan hanga ammaa medaaliyaa warqii ummati eegu injifachuu hin dandeenye.
Hanga yoonaa meetii lamaafi nahaasa lamatu galmaa'e. Faallaan morkattuun Itoophiyaa Keeniyaan warqii afur qabdi.
Meetii tokkoofi nahaasa lamas dabalachuun medaaliyaa torbaan Ameerikaatti aanti Keeniyaan.
Si'achi dorgommiin 5,000m dhiiraa atileetonni Itoophiyaa medaaliyaa ittiin eegaman ni jira.
Ta'us, haala amma jirun qabxiin Itoophiyaa kanneen kana dura turanirraa laafeera.
Maaltu bade?
BBC Afaan Oromoon yeroo adda addaatti atileetota duraanii, leenjisaa, federeeshinii atileetiksii fi ekispartoota dubbisuun rakkoon hidda gadi fageeffate akka jiru xiinxalee ture.
Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Silashii Sihiin, erga gara aangotti dhufe reefu baatii saddeeti.
Ta'us, atileetii waan ta'ef rakkinoota kana akka hubatuufi akka furu BBC'f himee ture.
Atileetiksii Itoophiyaa itti dhiheenyaan kan hordofuufi yeroo ammaa achuma Jaappaan kan jiru Eebbisaa Naggasaa rakkoo hubate qaba.
''Qabxii hin eegamnetu dhufaa jira,'' jedha haala atileetota Itoophiyaa yeroo ilaalu.
''Warqee malee biyyatti deebitee hin beektu [Itoophiyaan], addunyaarrattis seenaa gaarii qabdi,'' kan jedhu Eebbisaan, haalli kuni jijjiiramaa akka jiru hima.

Madda suuraa, Getty Images
''Kan baranaa garuu kan adda taasisu dorgommii Itoophiyaan irratti eegamteerratti qabxiin hin argamne.
''Gama biraatiin Keeniyaan akkuma beeknu milkaa'ina guddaa argachaa jirti. ''
Gaazexeessaan duraanii yeroo ammaa atileetota manajara ta'un kan hojjetu Eebbisaan, fageenya atileetonni Itoophiyaa itti eegaman akkanaan ibsa.
''Maaraatoonii dubartootaatin, kan dhiiraatiin, 10,000m dhiiraatiin akkasumas immoo kan dubaraa 10,000m'n, 1500m fi 3,000m gufachiisaan,'' medaaliyaan akka eegamaa ture hima.
Qabxiin amma argame garuu isaaf ''fuggisoodha.''
Inni waan hubaterraa yoo dubbatu, rakkoo garee atileetiksii Itoophiyaa qunname akkana jedha.
''Hojiin atileetiksii gara caalu hojii sammuuti. Dhibbantaa 75 hojii sammuuti. Atileetiin tokkommoo sammuun isaa yoo bohaare yoo boqote, yoo hojjete waan guddaa'' akka fidu hima.
''Akka ani ilaaletti, atileetonni tasgabbii waan argatan natti hin fakkaatu. Deebi'ee gareen tokkummaan isaa waan laaffate natti fakkaata. ''
Atileetonni Itoophiyaa haalli qilleensa ho'aa Tookiyoo keessa jiru komataa turan.
''Ana akka naa galutti atileetonni Itoophiyaa baay'inaan haala qilleensaa filatanii waan leenji'an natti hin fakkaatu,'' jechuun sababa tokko ta'u akka danda'u eera.
'Caalamnee mo'amne'
Atileetonni biyya alaa fageenya dheeraa kana dura atileetonni Itoophiyaa fi Keeniyaa beekaman irratti cimanii mul'ataa jiru.
Fakkeenyaaf fiigicha 10,000 Yoomiif lammaffaa ba'eerratti aatileetiin injifate kan Faransaayidha.
Atileetonni Itoophiyaa fageenyawwan isaan irratti mo'aman nama ilaaleef akkaataan isaan xumuran rakkoo akka qabudha.
Yookiin dursanii bahanii humna dhabuu yookiin yeroodhaan morkattoota isaanii kutanii bahanii injifachuu dhabuutu mul'ata.
Gudaaf 10,000m, Yoomiif 10,000m akkasumas Lammeechaan 3,000m gufachiisaa irratti kanatu qunname.

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoo kana hubachuu kan dubbatu Eebbisaan, atileetonni Awurooppaafi Ameerikaa ''xumurarratti baay'ee hojii waan hojjetaniif baay'ee jaboodha,'' jedha.
Dorgommii booda yeroo Yoomiif miidiyaatti dubbatu 300m osoo hin taane 200m gaafa hafu osoon saffisa dabalee morkattoota kutee bahe nan injifadha jedheera.
Fageenya 10,000m dhiiraa kana atileetii Faransaay Jiimii Gireesiyeeritu mo'ate. Atileetiin Siwiidiin Andreas Almgren immoo sadaffaa bahuun nahaaasa fudhate.
Eebbisaan kana kana yoo argu ''Caalamneetu mo'atamne qabxiii dhabaa jirra malee dadhabina duwwaatiin natti hin fakkaatu,'' jedha.
''Waggoota baay'eetiin daddarbaa daddarbaa dhufee rakkoo uumamedha iddoo kana kan qaqqabe qabxii laffate kanaaf sababa kan ta'e.''
Kanneen atileetiksii Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan rakkoo leenjii ammayyaaa, hojiin garee laafuu, bakki leenjii gahaa ta'e dhibuu, atileetiksiif xiyyeeffannoon kennamuu dhabuu komatu.
Dabalataanis, dhiibbaan manaajarootaa cimuu, biyyarra dhuunfaaf fiiguu xiyyeeffachuu, saayinsiin hogganamuu dhabuu, fi kaan sababoota jechuun eeru.
Hooggansi Silashii Sihiinin hoogganamu rakkoo qunnameef deebii akka kennu eegama.
Itoophiyaan akkanuma Olompikii Paaris waggaa darbeerrattis qabxiin dhibee dhimmichi gara mana murtiillee qajeeluun isaa ni yaadatama.












