Arteettaan akkamiin akka Tiraampii kaardii filachuun milkaahuu eegale?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal kaleessa falmii hanga daqiiqaa dhumaatti taasiseen Niwu Kaasil mo'atee bahe. Hanga daqiiqaa 83tti galchii boqonnaa dura Niik Woltimeed lakkoosiseen Niwu Kaasil qe'eesaatti dursaa ture.
Arsenaal adabbiin penaalaatii kennameefii jalaa haqamuun alatti yaalii gara garaa godhanis cimina karra eegaa Niwu Kaasil Niik Poopitiin jalaa fashalee ture.
Daqiiqaan 90 dhumuuf daqiiqaan jaha hin caalle yeroo hafutti jijjiiramee kan gale Mikeel Meriinoo wal-qixa taasise.
Daqiiqaan dabalataa kenname dhumuuf yeroo jedhutti, Gabreel Magaalezh mataan dhahee manii keessa buuse.
Tapha kana mo'achuun Arsenaal murteessaa ture. Arteettan rukuttaan penaaliitii kennameef jalaa haqamuutti garaansaa gubatus, gareensaa mo'achuutti gammachuunsaa guddaadha.
"Haala itti mo'annee kanaan mo'achuun, maal jedheen sitti hima? miira addaa si keessatti uuma. Kubbaa jechuun waa'ee miirati," jechuun dhuma taphichaarratti Arsenaal haala gaariin taphatee mo'ochuu hime.
Arteettaan kaardii Tiraampiin taphate
Qe'een Niwu Kaasil Arteettaaf rakkisaadha. Arsenaal taphoota darban irratti surraa isteediyeemii Jeems Paark dandamachuu hin dandeenye ture. Taphoota sadi darban irratti Niwu Kaasil dirreesaa Jeems Paarkitti Arsenaal injifateera.
Arfaffaa akka hin injifatamneef Arteettaan kaleessa waan addaa gochuutu irraa eegama ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan Niwu Kaasil Edii Hoowe akkuma yeroo kaanii taphattoota ciccimoo sarara gidduu kanneen akka Joolintan fa'aatti amanachuun Arsenaal injifachuuf dhaadatee ture.
Arteettaan garuu akka Tiraamp kaardiwwan qabu fayyadamuu eegale. Taphattoota jijjiiree galchuun mo'atee bahuu itti milkaa'aa dhufeera.
Taphattoota jijjiiruf filannoo danuu lafaa qaba.
Tapha Manches Siitii waliin taphatan irratti Ebereechee Eezee baasee Martineelii galchuun galchii mo'amuu jalaa isaan baasise lakkoofsisee ture.
Dorgommii Shaampiyoons Liigii irratti tapha Atileetik Kilab waliin taasiserratti Martineeliifi Tiroosaad jijjiiramanii galuun lamaanuu galchii lakkoofsisuun isaanii ni yaadatama.
Tapha Niwu Kaasil kanarrattis Arteettaan mo'atee bahuuf kaardii qabutti fayyafame. Mikeel Meriinoo jijjiiramee galee osoo hin turin galchii wal-qixxeessituu lakkoofsise.
Kaardiin Tiraamp Arteettan fayyadame sirriitti hojjateef. Miidhamarra kan ture Odigard jijjiiramee galuun ammoo taphicha jijjiire. Arsenaal taphicha guutummaan to'atee gara fuulduraatti akka dhiibu taasise.
Kubbaa kooraa irraa Odigard bareechee erge, Gabreel Magaalezh jifatee manii keessa buuse.
'Kubbaa koornarraa dhiitamu lakkoofsisuu ittuma fufna'
Arsenaal bara dorgommii 2023-24 irraa kaasee kubbaa koornaa irraa dhitame irraa galchii 36 lakkoofsisuu danda'eera. Kubbaa koornaa irraa dhiitamu gara galchiitti jijjiirun kilaboota kaan caalaa dachaa 15 Arsenaal milkaa'adha.
Galchii wal-qixxeessituu Arsenaaliif kan lakkoofsise Meriinoon kilabasaa duraanii Niwu Kaasil irratti lakkoofsise.
Meriinoon galchii koornaa irraa dhitame ilaalchisee yaada kenneen, kilaboonni kaan koornaa heddu argatanii galchiitti akka hin jijjiirrefi Arsenaal garuu koornaa galchiitti jijjiiruu irratti adda ta'uu dubbate.
"Kilaboonni biroo koornaa jaha ykn torba argatanii garuu hin lakkoofsisan, dandeettii isaanitti amanuu shakkuu eegalu," jechuun Arsenaalif garuu koornaan adda ta'uu dubbate.
"Waan amma gochaa jirru [koornaa gara galchiitti jijjiiruu] ittuma fufna, sadarkaa olaanadhaan itti fufna, hanga sakandii dhumaatti itti fufna," jechuun mo'atanii bahuutti gammachuu qabu ibsate.
Sambata darbe Liivarpuul Kiristaal Paalaasiin injifatamuunsaa Arteettaaf carraa guddaa uume. Garaa garummaan gidduusaanii jiru gara qabxii lamaatti gadi bu'eera.












