Darbiin Maadriid waggaa 75 booda seenaa haaraa galmeesse

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa kaleessaa Maadriiditti kilaboota masaanuuwwan magaalaa tokkoo Riyaal Maadriifi Atileetikoo Maadriid gidduutti morkiin godhame waggoota 75 booda seenaa haaraa galmeesse.
Atileetikoo Maadriid dirreesaatti Maadriidiin keessummeessee goolii shan lakkoofsisee yoo injifatu erga bara 1950 seenaa haaraa dalage.
Darbii Maadriid irratti Atileetikoon yoo xiqqaate goolii shan galchee kan beeku yeroo afuri. Yeroo dhumaaf kana kan godhe bara 1950, 6-3 Riyaal Maadriidiin wayita injifateedha.
Morkii Sambata kaleessaa Riyaal Maadriid bara Laaligaa kana yeroo jalqabaaf mo'ame. Taphoota jalqabaa jaha marayyuu injifateera.
Dhiyootti gooliin hedduun itti galee kan injifatame morkii El Kilaasikoo bara 2018n Baarseloonaan 5-1 wayita injifateedha.
Atileetikoon dirreesaatti dursee goolii galchus Kiiliyaan Imbaappeefi Ardaa Guular dafanii deebii kennuun 2-1n Maadriid dursuu eegalee ture. Garuu dursi isaanii hanga boqonnaa osoo hin gahiin Atileetikoon qixxee ta'e.
Boqonnaa booda jifataan duraanii Maanchister Siitii Juliyaan Alvareez goolii lama galche, sa'aatii dhumaatti ammoo Giriizmaan goolii shanaffaa galchee Atileetikoon 5-2 injifate.
Qabxiin kun leenjisaa Diyaagoo Simooniif hiika addaa qaba. Lenjisaan kun morkii Maadriid waliin godhe morkii walittii aanu jaha takkaawuu hin mo'amne.
Simoonii Laaligaa Ispeen akka gaariitti hin jalqabne. Taphoota shan keessaa tokko qofa injifate. Morkii jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaas Anfiilditti mo'atamee deebi'e.
Maadriidiin injifachuu booda imimmaaniin guutamee barichi akka gaariitti hin jalqabne, hin mul'atu malee namni hedduun waan hedduu yaale'' jedhe.
Waggoota 14 Atileetikoo kan leenjisaa jiru Simoonii ''jalqabarraayyuu eessatti akka isaan miinu beekna ture'' jedheera. Gooliin lama itti galuun badaa akka isa hin yaaddessine dubbate.
Leenjisaan Maadriid Zhaabii Aloonsoo gama Isaan gahumsi Maadriid hanga irraa eege akka hin taane amaneera.
''Sadarkaa gahumsa keenya yeroo kaaniitti hin taphanne, nu miidhuu qaba. Dhukkubbiinsaa garuu akka irraa barannu ni godha'' jedhe.
Haalli taphaasaanii kan gurmaa'e akka hin taane hubachuu kan himu Zhaabiin fuula durattis qormaatni isaan mudachuu akka danda'uu himee, waanti goonu murteessaadha jedheera.















