Paalasiin mo'amuun rakkoo Liverpuul saaxile, Amoriim ari'amuurraa 'yaaddoo hin qabu' jedhe

Leenjisaa Ruuben Amoriim

Madda suuraa, Getty Images

Piriimiyeer Liigiin Ingiliz morkiin torbee jahaffaa Sambata gaggeeffame qabxiilee hin eegamne galmeesseera.

Morkiin kilaboota lamaan hanga ammaa hin injifatamne Kirsitaal Paalaasiifi Liiverpuuliin walitti fide injifannoo Paalaas 2-1n goolabame.

Injifannoo kana booda Paalaas qabxii 12n Liiverpuul kan ammas sadarkaa tokkoffarratti argamutti aanee lammaffaatti dhufuu danda'eera.

Taphoota shanan darban mara goolii daqiiqaa 80ffaa booda lakkoofsiseen injifachaa kan ture Liverpuul alana daqiiqaa dhumaatti goolii itti galeen sa'aatii dhumaatti mo'amuun isas mudateera.

Liivarpuul dirree Paalaasitti daqiiqaa 9ffaarratti gooliin itti gale; jijjiiramee kan seenee Kiyeezaaan goolii walqixxeessitu daqiiqaa 87ffaarratti lakkoofsise. Liiverpuul akka amaleeffate gochuufi jedhamee osoo eegamuu daqiiqaa 97ffaatti Edii Nekiitihaa goolii Paalaas ittiin injifate galcheera.

Gareen Gilaasneer amma taphoota walitti aanan 18 irratti osoo hin injifatamaniin jira.

Leenjisaa Gilaasneer tapha booda yaada kenneen gareensaa kubbaa bareeda walii dabarsaa yaalii goolii hedduu gochaa waan turen injifachuun akka maluuf hime. Xiinsammuun garichaa jabaa ta'uu fi injifannoosaanii kanatti akka gammadan ibse.

Shaampiyoonaan bara darbee Liiverpuul gatii qaqqaalii liigichaan taphattoota haaraa fideera. Garuu ammatti gahumsi isaanii amansiisaa hin taane.

Aleksaander Isaak kan gaati rikardii Pirimeerliigii Ingiliziin gara Anfiild dhufe taphasaa jalqabaa hiriire irratti gahumsa guutuutti akka hin dhufne mul'iseera.

Lammiin Jarman Filiooriyaan Wiirtiz akka odeeffame hin taane. Taphoota shan irratti hiriiruus taphataa garaagarummaa uumu ta'uu hin dandeenye.

Gilaasneer

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rakkoo biraan ammas ittisa. Liiverpuul ittisa dabalataa argatu malee akka tilmaamame irra deebiin shaampiyoonaa ta'uun akka itti cimu qaawwa agasiiseera.

Leenjisaan liiverpuul Arni Isloot tapha edaa Paalaas injifachuun ni malaaf jedhe.

Inumaa boqonnaa dura goolii lamaafi sadii dabalanii bahuuf carraa guddaa uumanii ture Alisan Beekartu baraare malee jedhe.

Erga qixxee ta'anii boodaas injifachuurratti qalbiinsaanii waan qabameef gooliin lammaffaa itti galuu hime.

Morkii kan bira Sambata gaggeeffameen Maanchister Yunaayitiid Bireentifoordiin 3-1 mo'ameera.

Torbee darbe Chelsii injifatee hamilee horatee kan ture gareen Amoriim amma tarkaanfii tokko boodatti deebi'eera.

Yunaatiid Amoriim jalatti tapha lama walitti aansees mo'achuu hin dandeenye. Taphoota 33 irraa qabxiin argachuu danda'es 34 qofa.

Amoriim injifatamuu booda miidiyaaleef ibsa yoo kennu gaaffii hedduun hegereesaarratti ka'aniiru.

Yaada BBC Match of the Day jedhamuuf kenneen ''tasa waayee hojiikoo dhabuu yaaddahee hin beeku - ani nama akkasii miti'' jedhe.

Amoriim turuufi gadhiisuun murteeesaa akka hin tanne hime ammoo hanga jirutti wanta danda'u mara akka godhu dubbate.

Jifataan Ingilaand duraanii Alan Shirar Ruuben Amoriim ''dhiibbaa guddoo jala jira'' jedhe.

Morkii liigichaa isa biraan Cheelsiin dursee galchii galchus dirreesaa Istaanfoord Biriijitti biraayitaniin 3-1 injifatameera.

Totenhaamis dirreesaatti Wolviz waliin tokko qixxee bahe.