Laamiin Yamaal- taphataa kubbaa miilaatti simboo gochaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Laamiin Yamaal reefu ganna 18 guuta; barana badhaasa Ballon d'Or fudhateera osoo ta'ee, seenaa keessatti taphataa umuriin xiqqaa badhaasa guddaa kana fudhate jedhamee galmaa'a ture.
Garuu badhaasa Ballon d'Or Faransaayi magaala Paarisitti kenname kan injifate taphata lammii Faransaayi kan ta'e Osmaan Dembeleedha.
Laamiin Yamaal taphataa ganna 18 ta'ee osoo jiruu badhaasa Ballon d'Or irratti kaadhimamaa ta'ee dhiyaachunuu waan ajaa'ibaati.
Badhaasa Ballon d'Or mo'achuu baatullee taphataa cimaa barichaa jedhamuun Wiixata Fulbaana 22 sagantaa gaggeeffamerratti badhaafameera.
Laamiin Yamaal taphataa qofa osoo hin taane, dhaloota dargaggoota akkasaa ta'aniif of ilaalledha.
'Akka taphattoota durii muuxannoo heddu osoo hin qabaatin battalumatti gahuumsa addaarra gahe'
Kubbaa miilaa keessatti milkaa'ina guddaarra gahuun dadhabbiifi aarsaa heddu booda kan argamuudha jedhamee waggoota hedduuf nutti himamaa ture.
Liyooneel Meessii waa'ee Ballon d'Or gaafa dubbatu, "hojii garee booda waan argamuudha" jedhe.
Laamiin Yamaal garuu, faallaa kanaa, waan haaraa bakka bu'a. Dargaggeessa fedhiisaa hin dhokisneedha. Badhaasa Ballon d'Or heddu mo'achuu akka barbaadu dubbatee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"[Badhaasa] Ballon d'Or tokko qofa osoo hin taane heddu Ballon d'Or heddu injifacuun barbaada. Badhaasa heddu hin argadhu yoon ta'e dogoggora kootini jechuudha," jedhe Laamiin Yamaal.
Kuni gadi of qabuu Meesiis ta'ee ilaalcha banbanuu Kiristaanoo Ronaaldoo hordofu irraa adda: egereesaaf itti gaafatamummaa dhuunfaa fudhata.
Ilaalchi Laamiin Yamaal ilaalcha dhaloota Jeenzii ( Gen Z) fi Aalfatiin wal-fakkaata.
Dargaggoonni jireenya keessatti rakkoon garaa garaa kaneen akka rakkoo faayinaansii fa'aa irraa ka'uun dhaabbata ykn waan kana dura duudhaa hordofamuu qaba jedhamee amanamu irraa amantaa dhabuun karaa mataasaanii jireenya gaggeeffatan hedduummaataa jiru.
Namoota akkasiif milkaa'inni waan tokko itti cichanii duukaa bu'uu osoo hin taane waan sanarraa adda bahuun bilisummaa gonfachuudha jedhanii amanu.
Kana booda waan tokkoof aarsaa ta'uun dirqama miti, bilisummaa gonfachuudha malee. Mallaqa duukaa bu'uniis waan safuu ta'uun hafeera. Mallaqni mala ittiin of danda'uu bira gahan ta'aa dhufeera.
Beekamtiin waan nama karaa irraa maqsu osoo hin taane qaama milkaa'inaa ta'eera.
Laamiin Yamaal "hanga kubbaa taphachuu dandeessetti akkasitti jiraadhu jedhee namni sitti himuu hin qabu" jedhee amana.
Akka ebeluutti taphadhee, dhama'ee, kufee ka'een milkaa'ina bira gaha jedhee hin hin yaadu. Dargaggoonni baay'een Yamaal keessatti of ilaalu.
Duudhaa dur ture cabsuu

Madda suuraa, Getty Images
Liyooneel Meesiifi Ronaaldoo fa'aan duudhaa kubbaa miilaa baramaa ta'e kan hordofan qabu. Akkuma argan bahanii hin mul'atan.
Laamiin Yamaal garuu duudhaa hordofamuu qaba jedhamuu yaadamuun nama bitamuu miti. Miidiyaan hawaasaa ammoo kan ni saffisiise.
Waan jaalatu, barbaadufi waan itti dhagahameefi itti amane miidiyaa hawaasaa irratti maxxansa. Yeroo ragaduufi jireenya dhuunfaasaa kaanis miidiyaa hawaasaa gubbaatti hiriyootasaaf qooda.
Deeggartoonni isaa Laamiin isa dirree kubbaa miilaa irraa qofa osoo hin taane dirreen alas nama akkamii akka ta'e salphaatti akka baran isaan gargaaruu himu.
Kana gochuusaatiin dargaggoota Katalooniyaa biratti akka waaqa tolfamaatti akka ilaalamu isa godheera. Kuni ammoo adeemsa Meesii fa'aan keessa darban: gadi of qabuu, cimanii hojjachuufi muuxannoo yeroo dheeraa eegee osoo hin taane, duudhaalee duraan turan kanneen waan cabseefi.
Dargaggeessi Ispeen kun addunyaaf waan haaraa gumaachaa jira- amala, waan gochuu barbaade battalumatti addunyaaf qooduu, dirreefi dirreen alatti nama baay'ee pirotokoolii eeggatee namatti dhiyaatu akka hin taane.
'Amala mataa kiyyaa qabaachuun akkan of danda'ee dhaabadhu na gargaara'

Madda suuraa, Getty Images
Laamiin Yamaal sirriitti nama of-beekudha. Dandeettii addaa akka qabu bareechee beeka, nama biraa fakkaachufis tabba bahee hin bu'u.
Baarseloonaa keessatti rukuttaa adabbiifi rukuttaa peenaalitii rukutuu eegaluunsaa itti gaafatamummaan sirriitti itti dhagahamuu agarsiisa.
Lakkoofsa 10 kan kanaan dura Liyoon Meesifi Ronaaldiinhoo Goochoo fa'aa uffataa turan uffachuunsaa ammoo eenyummaa addaa kennaaf. "Amala mataa kiyyaa qabaachuun akkan of danda'u na gargaara," jedha.
Umurii kanaan itti gaafatamummaan itti dhagahamuun akkasumaan waan dhufee miti- jireenyatu barsiise. Mandara Rokaafoondaa kan hojjattoo dafqaan bulan itti heddummatan keessatti dhalatee guddate.
Haatifi abbaansaa biyya garaa garaa: Morookofi Giinii irra baqatanii Ispeen seenanii inni achitti dhalate.
Haatisaa hojii garaa garaa hojjattee isa guddifte. Yeroo Laamiin Yamaal ganna 16 abbaansaa waraanamee ture.
Akkadamii La Maasiyaatti Laamiin namoota waliin hariiroo uumurratti rakkataa ture. Rakkoo garaa garaa keessa darbuun akka inni jabaatee of baruufi itti gaafatamummaa fudhatuuf gumaachera.
Waan maatiinsaa itti dadhabanii guddisan amma deebisee harka baasafii jira. Taphataa ta'ee gaafa mindaa argachuu jalqabu, jalqaba haadhasaaf mana bite.
"Haati koo anaaf giiftii kooti," jechuun yeroo inni daa'imaa hojiidhaa galtee fa'aa nyaata akka bilcheessituuf dubbate.












