Ballon d'Or 2025: Taphattoota ajaa'ibaa badhaasa kana hin arganne

Madda suuraa, Getty Images
Galgala kana Faransaay magaalaa Paariis keessatti badhaasni guddichi kubbaa miilaa, Ballon d'Or, ni kan bara 2025 ni kennama.
Badhaasni kun bara 2025 keessa taphattoota gahumsa olaa agarsiisanii waancaa injifachuun milkaahaniif kennama.
Akkuma baroota kaanii bara kanas taphattootni 30 badhaasa guddicha kanaaf erga kaadhimamanii ji'oonni darbaniiru.
Kaadhimamtoota 30 keessaa BBCn morkattoota jaboo ta'u kan jedhe jaha filateera. Isaanis jifataa PSG Osmaan Dembeelee, kan Liiverpuul Mohaammad Saalaa, kan Baarseloonaa Lamiin Yamaal, kan Riyaal Maadriid Kiiliyaan Imbaappee, jifataa Baarseloonaa Raafiinaafi jifataa Baayer Muuniik Haarii Keen fa'i.
Dembeeleen PSG waliin yeroo duraaf shaampiyoonaa Awuroppaa ta'eera. Liigii biyyattiis injifateera. Raafinaafi Lamiin Yamaal Baarseloonaa waliin shaampiyoonaa Ispeen ta'aniiru.
Mohaammad Salaas shaampiyoonaa Ingiliziif taphataa cimaa liigichaa jedhameera. Harii Keen Baayer Muuniik waliin Bundasliigaa injifateera.
Eenyu akka injifatu Wiixata Fulbaana 22/2025 galagala beekama.
Ofii seenaa kubbaa miilaa keessatti taphattootni ajaa'ibaa badhaasa guddicha kana osoo hin injifatiin hafan eenyu fa'i?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Neeymaar, Roobert Lowaandooskii, Teeriiy Heneriiy, Deeniis Beerkaamp, Andirees Ineeshtaa, Deeviid Beekaam fa'a jechaa itti fufa.
Hundi isaaniiyyuu bara isaaniitti gahumsa addaa injifannoowwan gurguddan dabaalame qabu turan. Hunda isaanii kan walfakkeessu garuu badhaasa Ballon d'Or hin injifanne.
Badhaasni kun bara 1956 wayita gazexessitootni Faransaay lama taphattoota kubbaa miilaa cimoo jajjabeessuuf murteessan eegale.
Jalqaba taphattoota kubbaa miilaa lammiilee Awurooppaa qofa badhaasa ture. Yeroo murtaaheen booda garuu guutuu addunyaarraa warraa injifataniif kennuu itti fufe.
Zineediin Zidaan, Ronaaldiinihoo fi Ronaaldoon warra injifatan keessaayi.
Erga bara 2008 garuu badhaasni kun harka Kiristaanoo Ronaaldoofi Liyooneel Mesiitti kufe.
Meesiin yeroo saddeet, Ronaaldoon ammoo yeroo shan badhaasa kana injifatan. Gidduutti Luukaa Moodriich hiree argatee injifateera.
Teerii Heneriiy
Bara 1999 Arsenaaliif mallatteesse. Awurooppaa keessatti jifattoota goolii lakkoofsisuun maqaansaanii adda duree ta'an keesssaa tokko ta'uuf yeroo itti hin fudhanne.
Heneriin jaarraa kana keessa taphataa liigota jajjaboo Awurooppaa shan keessaa bara tokkotti goolii 20 galchee kubbaa goolii ta'an 20 mijeessee kenne ta'uun nama jalqabaati. Ergasii Liyooneel Meesii qofatu akkasaa gochuu danda'e.
Seenaa Arsenaal keessatti taphataan goolii hangasaa galche hin jiru. Tapha 377 irratti hirmaatee goolii 228 galcheera. Badhaasota hedduu argatusBallon d'Or irratti yeroo lama hanga sadarkaa sadii gahe malee injifatee hin beeku.

Madda suuraa, Getty Images
Neeymaar
Neeymaar miidhama irra deddeebiin isa mudatuun rakkatus barri dorgommiisa milkaahina addaa qaba. Biyyasaa Biraaziiliif taphataan isaan qixxee goolii galche hin jiru. Waliigalaan bara kubbaa taphatu kana goolii 400 ol galcheera.
Kana bira darbees kilaboota adda addaa sadii waliin goolii 100 ol lakkoofsisuun taphattoota seenaa hojjetan shan keessaa tokko. Seenaa kana Saantoos, Baarseloonaafi PSG keessatti dalage.
Seenaa jijjiirraa taphattootaa addunyaarratti Neeymaar taphataa gatii qaaliin jijjiirame ta'uun adda dureedha. PSGn paawundii miliyoona 200n Baarseloonaarraa isa fudhate. Haata'u malee taphataa cimaa addunyaa jedhamee Ballon d'Or injifachuu hin dandeenye.
Deeviid Beekaam
Taphattoota Sir Aleeks Fargusan jajan keessaa tokko Deeviid Beekaami. Bara 1996-97 gooliin lakkoofsise kan yoomuu hin dagatamneedha. Dirree alagaatti soos hin ce'iin dirree ofii keessaa dhiitee lakkoofsiseera.
Maanchister Yunaayitiid waliin ara 1999 tti waancaawwan sadii injifateera. Garee biyyaalessaa Ingilaandiif dursaa taphattootaa bara ajaa'ibaa san ture. Garuu badhaasa guddicha kana hin injifanne. Bara 1999 lammaffaa ta'e xumure. Baarseloonaaf kan taphatu lammii Biraaziil Rivaaldootu mo'ate.
Bara itti aanu gara Riyaal MNaadriid godaanee bara milkaaha dabarseera. Badhaasa kanaaf garuu hin milkoofne.

Madda suuraa, Getty Images
Ineeshtaa
Osoo Liyooneel Mesiifi Roonaaldoon akka malee cimoo ta'uu baataniiru ta'ee, taphataan sarara gidduu Ispeeniifi Baarseloonaa duraanii Andirees Ineshtaa warra injifachuu malan keessaa tokko ta'a ture.
Taphataan kun erga Akaadaamii Baarseloonaatii ol guddatee booda bara Baarseloonaa ture 16 keessatti injifannoowwan 32 mo'ateera.
Bara 2010 fi 2012 wayita Liyooneel Mesiin badhaasicha injifatu Ineeshtaan yeroo lamaanuu lammaaffaa bahuun xumure.
Baroota darbana kana taphattootni Ingiliz akka Firaank Laampaard, Riyaan Giigs, Isteeven Jeeraard, Haarii Keeniifi Maayikil Oween milkaahina dhuunfaa hedduufi gahumsa addaa agarsiisaniis badhaasa kana injifachuuf warra hiree dhaaban keessaayi.












