Phaaphaasiinuu mala taphaa kiyya na jijjiirsisuu hin danda'u- Amorim

Ibsa waa'ee viidiyoo, Phaaphaasiinuu mala taphaa kiyya na jijjiirsisuu hin danda'u- Amorim

Leenjisaan Maanchestar Yunaayitid Ruuben Amorim eenyullee mala taphaa ittiin taliigamu jijjiirsisuu akka hin dandeenye ibse, Phaaphaasiinillee na jijiirsisuu hin danda'u jedhe.

Yunaayitid barana ni fooyya'a jedhamee abdatamus homaa jijjiirama hin fidne. Dorgommii baranaas ga'uumsa gaariidhaan hin eegalle.

Torbee darbe tapha darbii Maanchestar irratti hin milkaa'in kan hafe Yunaayitid qormaati irra bubbule kun taphattoota qofa osoo hin taane leenjistootaa fi abbootii qabeenyaa kilabichaas yaaddesseera.

Darbiin Maanchestariin erga injifatamanii booda abbaan qabeenyaa kilabicha keessaa qooda qaban Jim Raatkilif Kamisa darbe helikooptaraan dirree leenjii Carrington daawwatanii turan.

Aanga'oonni Maanchestar Yunaayitid daawwannaan kun tasa kan ta'e osoo hin taanee dursee itti karoorfamee akka ta'e himan.

Amorim waan qondaalota Yunaayitid waliin mari'atan wayita gaafatamu miira rifaatuu, naasuu fi gaddaan akkasumas miira qoosaan- waliigalatti miira walmakaa keessa ta'uun deebii kenne.

''Kontiraata haaraa naaf kennaa ture,'' jechuun kolfaa dubbate leenjisaan duraanii Ispoortiing.

Gareensaa barana taphoota afur keessaa tokko qofa mo'ate, dorgommii Karabaawoo keessaa kilaba sadarkaa gadii- Girimzbii jedhamtutu baaste.

Tarii Raatkilif waa'ee hiriira taphattootaa fi mala taphaa inni ittiin beekamu akka jijjiiru yaada kennuufii kan gaafatame Amorim ''lakkii, lakkii,'' jedhe.

Hiriira taphattootaa 3-4-2-1 ta'een yeroo hunda kan beekamu Amorin mala taphaa kana jijjiirsisuuf fedhii hin qabu, qeeqi itti hammaatus inni garuu mataa jabaata.

Eenyullee na jijjiirsisuu hin danda'u jedha. Garuu ittiin ammoo jijjiirama hin fidne.

''Eenyullee, Phaaphaasiinillee na jijiirsisuu hin danda'u.''

''Kun hojii kiyya beeki. Dirqama kooti. Jireenya kooti. Kanaafuu hin jijjiiru,'' jedhe Amorim.

Leenjisaa Maanchestar Yunaayitid Ruuben Amorim

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Maanchestar Yunaayitid Ruuben Amorim kilabicha waliin tapha walitti aansee mo'ate hin qabu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amorim mala taphaa isaatti akka cichuuf sababni inni dhiheessu yeroo hunda walfakkaata, sanuma.

Dhiibbaaf yoo harka kenne tapattoonni akka waan isa tuffataniitti ilaala, kana mirri isaa.

"Osoon taphataa ta'ee, leenjisaan koo dhiibbaa cimaa jala galee, namoonni addunyaarra jiran hundi sirna taphaa akka jijjiiru dirqamsiifamee, innis 'nan jijjiira' jedhee silaa ilaalcha biraa naaf qabaatu,'' jedhe.

''Murteen fudhatamu garee irratti dhiibbaa qabaata jettee wayita yaaduu eegaltu waan hundayyuu xiyyeeffannaan ilaalta, murteessaa ta'ee sitti mul'ata. An akkaataa natti fakkaateenan hojii koo hojjetaa jira. Osoon yeroo argadhee haalota jijjiiree natti tola, garuu jijjiiramni yeroo fudhata.''

Tapha Chelsii faana Old Tiraafoordi irratti taphatanirraa injifannoo akka eegus dubbate Amorim.

Aanga'oonni Yunaayitid Amorim taphoota hanga tapha intarnaashinaalaa ji'a dhufu keessa taphatamuutti jiran qofa akka qabu kan odeeffama kuffisaniiru.

Garuu taphi Chelsii, Bireentifoord fi garee barana ol guddatte Sandarlaand waliin qaban dubbii dhimmasaarratti odeeffamu gar tokkotti baasuuf murteessaa akka ta'e beeka Amorim.

Paawondii miiliyoona 62.5n Yunaayitid kan seene Maatewus Kunihaa miidhamarra deebi'uun, dursaan garee taphattootaa kilabichaa Buruunoo Fernaandeez tapha Chelsii waliin qaban irratti sarara gidduu (utubaa) irratti akka fuulleffatu gargaara.

Buruunoon tapha darbii Maanchestar irratti taphataa Siitii Fiil Fooden qabuu dhabuun dogoggora uumeen gooliin irratti lakkaa'amuun komatama.

Fulhaam waliin wayita Kiraavan Koteej irratti taphatanittis Emiil Ismiiz Roow Yunaayitid irratti goolii lakkoofsisuu isaaf Buruunootu komatame.

Amorim yeroo hunda Buruunoo Fernaandeez sarara gidduu irratti baayyee bu'aa buusa yaadi jedhu sammuusaa keessa jira.

''Buruunoon kubbaa qabachuun akka taphicha to'atun fedha,'' jedhe Amorim.

''Tarii sarara peenaalitii faallaa keessa seenuun goolii galchuuf walabummaa akka duraa hin argatu ta'a, garuu carraa argateen seenaama jira, kubbaa gara gooliitti dhiituu wanti isa dhorku hin jiru.''

''Yeroo garii Buruunoon sarara duraa irratti nu barbaachisa, amma garuu Kunihaan waan jiruuf taphataa dabalataa sarara sanarraa qabaanne jechuudha,'' jedha Amorim.

''Garee kana madaalawaan gochuufan yaalaa jira. Taphichas ilaalcha keessa galcheera. Buruunoon gaarii ta'ee natti mul'ata. Mo'ataa waan hin jirreef miira sodaan guutameera. Yeroo garii ofumaa fagaatee deemuuf yaala. Garuu ammallee hojii irraa eegamutu jira.''