Hiree Ruuben Amoorim, Arsenaal v Maanchister Siitii, tapha guddaa eegamu

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa Maanchister Yuunaayitid Sir Jiim Raatkiliif tapha Yuunaayitid Cheelsii waliin qabu dursuun gara Kaariingitan dirree shaakala kilebichaatti balali'uun Amoorim waliin mari'ate.
Amoorim taphoota afur irraa qabxii afur qofa argate. Cheelsii waliin tapha ulfaataa qaba. Leenjisaan kun hojiisaa dhabuu malaa?
Ruuben Amoorim hojii isaa irra turuuf tapha sadii qofatu kennameef gabaasonni jedhan bahaa turan. Raatkiliif kanaaf Amoorim argachuu barbaade jechuun dubbatamaa ture.
Haa tahu malee, Raatkiliif kan Amoorim argachuuf karoorse kana dura malee leenjisichi hojiirra tiruufi ari'amuu tibbana odeeffame waliin wal qabatee miti jedhe barruun Atileetik jedhamu.
Raatkiliif rakkoo amma kilebichi keessa jiru irratti Amooriimiin deeggaruun waliin hojjechuu akka barbaadan himame.
Maanchister Yuunaayitid tapha tokkittii injifate rukuttaa peenaaliitii daqiiqaa dhumaatti Barnilee irratti argateeni.
Giriimzibii kileba jedhamuun ammoo dorgommii Karabayoo Kaappii keessaa bahe.
Namoonni Raatkiliifitti dhiyeenya qaban garuu abbaan qabeenyaa kun Amoorim kilebicha fooyyessaa akka jiru waan amananiif gargaaruu barbaadu jedhan.
Kaan garuu ragaan jiru kana garsiisu Amoorim isa eegamuun gadi akka hojjechaa jiru agarsiisa jedhan.
Maanchister Yuunaayitid Amoorim kilebicha keessa turuuf taphoota sadii qofa qaba kan jedhamu kuffiisan.
Garuu Cheelsii, Bireentifoordii fi Sanderlaandiin kan mo'aman yoo tahe garuu hoggantoonni kilebichaa yaada isaanii jijjiiruu danda'u jedhamaa jira.
Tapha Maanchister Yuunaayitid Cheelsii waliin qabuuf miidhamni haaraan gabaafame hin jiru. Garuu Maatiyaas Kuunaa fi Masan Maawonti tapha kanaaf gahuu isaanii ammayyuu hin mirkanoofne.
Deegoo Daaloo miidhama irra ture. Lisaandiroo Maartinez ammayyuu miidhama irraa hin fayyine.

Madda suuraa, Getty Images
Arsenal v Maanchister Siitii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mikeel Arteettaan bara kana taphattoota ciccimoo hedduu waan qabuuf filannoof rakkachaa jira jedhu xiinxaltoonni. Tapha Arsenaal dirree isaa irratti Maanchister Siitii waliin qabu irratti eenyufaatu jalqaba irratti filama?
Deklaan Raayisii fi Mikeel Meerinoon yeroo waliin taphatan Arsenaal tapha hedduu hin mo'anne. Garuu taphattoonni lameenuu gahumsa guddaa irra jiru. Tokkoo isaanii kaa'uun baay'ee ulfaata.
Yeroo Deklaan Raayisii fi Meerinoon waliin taphatan Meeriinoon fuulduratti siquun taphata. Raayis ittisa gargaara.
Amma garuu Maartiin Zuubimandiin taphattoota ittisaa gargaaruu irratti gahumsa guddaa waan qabuuf Arteettaan garee Gaardiyoolaa mo'achuuf maal godha kan jedhu ammayyuu gaaffiidha.
Odeegaardi miidhama irraa hin bayyaannatu taanaan Etaan Nawaneerii, ykn Meerinoon taphachuu ni danda'u.
Yoo Bukaayoo Saakaa miidhamairraa bayyaannatee tapha kanaaf gahe Noonii Maduweekeen gara bitaan bakka Maartineelii taphachuu danda'a.
Bakkichatti Arteettaan Eezzee fayyadamaa jira. Bakki filatamaa Ebereche Eezzeen barbaadu, lakkoofsa 10 bakka Maartin Odeegardi taphatudha.
Eezzeen bakkicha yoo taphate Deklaan Raayisii fi Zuubimandii waliin fayyadamuun sarara gidduu irartti olaantummaa fudhachuu danda'u.
Gareen Gaardiyoolaa akka durii tahuu baatus Erliingi Haalaandi ammas galchii lakkoofsisuu fi rikardii cabsuu itti fufeera.
Garuu yeroo Arsenaal waliin taphatan Gabri'el Magaleshii fi Wiiliyaam Saaliibaadhaan waan qabamuuf galchii lakkoofsisuuf ni rakkaata. Haalaandi taphataa jalqabaa tapha xiqqaa irratti galchii Shaampiyoonsi Liigii 50 lakkoofsise tahuun rikardii cabseera.
Haalaand Shaampiyoonsi Liigiidhaan galchii 50 lakkoofsisuuf taphoota 49 qofa isatti fudhate. Rikardii Ruud Vaan Niilstiruuyiin qabame cabse.
Arsenaal jalqabbii gaariin eegaleera. Teerii Heneriin hamma Arsenaal kilebni taphattoota jajjaboon guutame hin jiru. Waa injifachuu qabu jedhe.















