Diraamaa Aanfiildi hanga Arnee Isloot rifeensa ofirraa ciran dhabanitti isaan geessisee injifannoon xumurame

Liiverpuul 3-2 Atileetiikoo Maadirid, Vaan Daayik daqiiqaa 93ffaatti galchii injifannoo lakkoofsise

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Liiverpuul 3-2 Atileetiikoo Maadirid, Vaan Daayik daqiiqaa 93ffaatti galchii injifannoo lakkoofsise

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot rifeensuma ofirraa ciraniyyuu hin qaban malee guyyaa dhaloota isaanii waggaa 47ffaa kabajatan irra Aanfiilditti hanga daqiiqaa dhumaatti dhiphina guddaa keessa galanii ture.

Leenjisaan Atileetiikoo Maadirid Deegoo Simoonee ammoo deeggartoonni na arrabsaniiru jechuun lola kaasanii kaardii diimaan ari'aman.

Gareen Arnee Isloot Atileetiikoo Maadiridiin erga dursaa turanii gara xumuraatti mo'amuutti dhiyaannaan dhiphina guddaa keessa galanii ture.

Aara galfii guddaa argatanii kennaa guyyaa dhaloota isaanii gammachuudhaan kan fudhatan daqiiqaa dhumaatti erga galchii lakkoofsisanii Aanfiildi irratti injifannoon galaniiti.

Bara kana daqiiqaa dhumaa irratti diraamaa guddaa agarsiisuu itti fufaniiru. Injifannoo Piriimer Liigii keessattis argatan akka jiruun gara daqiiqaa dhumaattidha.

Liiverpuul 2- 0 osoo dursuu gara dhumaatti galchiin irratti lakkaa'amee diraamaa guddaa keessa yeroo galu barana kan jalqabaa miti.

Barnimoozii fi Niwkaastliin 2-0'n osoo dursanii galchii lama irratti lakkaa'amee ture. Taphoota lameenuu daqiiqaa dhumaa irrattidha kan mo'atanii bahan.

Shaampiyoonsi Liigii jalqabaa bara kanaa irratti Atileetiikoo Maadiridiin dirree isaanii irratti kan keessummeessan Isloot 2-0 osoo dursaniiti galchii lama Looreentee taphataan jedhamu kan irratti lakkoofsise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan kun Aanfiildi irratti kana duras galchii lakkoofsisuun beekamus diraamaa guddaan tapha irratti argamedha.

Virjil Vaan Daayik daqiiqaa 93ffaa irratti galchii injifannoo yoo lakkoofsisu humni Aanfiildi maal akka tahe addunyaatti agarsiisan.

Bara dorgommii kanatti daqiiqaa 90 booda galchii injifannoo afur Liiverpuul lakkoofsiseera.

Deeggartoonni Liiverpuul mo'amaa jirra ykn qixa bahuuf jenna jedhanii hedduun taa'anii qeensa isaanii nyaachaa turan.

Galchii sadaffaa Vaan Daayik yeroo lakkoofsise Arnee Isloot haala adda taheen gammachuu isaa ibsate.

Dorgommii bara kanaa hundaa aluma takkaan kan mo'ate fakkaata miirri Isloot har'aa jedhe xiinxalaan kubba miilaa Fiil Maaknaaltii.

Liiverpuul taphattoota sarara duraa addunyaa irratti jaboo jedhaman qabaatus xiyyeeffannoo dhabuu ykn ammoo hanga daqiiqaa dhumaatti carraa argatan galchiitti jijjiiruu dhabuun isaanii garuu Islootiin yaadessa.

Aleeksaander Isaak kaleessa Aanfiildi irratti carraa taphaa jalqabaa argateera.

Atileetiikoo irrattis Vaan Daayikii fi Roobertisantu galchii lakkoofsise. Mohaammad Saalaanis galchii lakkoofsisuu itti fufeera.

Isloot ''tapha akka kanaa murteessaa ta'e injifachuuf hanga daqiiqaa dhumaatti eeguu hin qabnu ture'' jedhe.

''Nan hubadha, kun akkuma taphoota shanan kana dura taphanne daqiiqaa dhumaatti injifanneetti haasa'ama. Anaaf garuu taphni har'aa kun isa kanaan duraa arfan irraa addadha. Taphattoota sarara duraa jajjabaoo fi adda tahan baay'ee qabna. Galchii sadaffaa fi injifannoo daqiiqaa kana dursuun galchuu qabna ture,'' jedhe.

Iji hunduu Isaak irra ture, garuu saalaan taphataa urjii tahe

Iji addunyaa taphataa gatii rikardii gatii jijjiirraa Biriiten tahe paawondii miliyoona 125 tahuun Liiverpuul gale Aleeksaander Isaak irra ture.

Niwkaasil irraa Liiverpuul galee tapha jalqabaa isaati kilebichaaf kan taasise.

Hagi taphate kubba bareedaa ture. Garuu daqiiqaa 58ffaa irratti jijjiiramee bahe. Ddahabbiin irraa mul'ata. Sababni isaa ammoo tapha kilebaa dhumaa kan taphate Caamsaa 25 bara 2025 keessa ture.

Liiverpuul haala taphatichi keessa waan beekuuf eeggannoo godeeraafi.

Mohaammad Saalaan garuu bara kana jalqabbii akka durii gaarii jedhamu agarsiisuu baatis kaleessa Atileetiikoo Maadirid irratti gahumsa ajaa'ibaa agarsiiseera.

Galchii lakkoofsisee kan biraa ammoo muka galchiitu jalaa deebise.

Deegoo Looreenteen bara 2020 yeroo Atileetiikoo Maadirid 3-2'n Liiverpuuliin mo'ate galchii lama Aanfiildi irratti lakkoofsisee ture.

Kaleessas galchii lama lakkoofsisuun deeggartoota Atileetii qofa osoo hin taane deeggartoota Liiverpuuliyuu amansiiseera.

Vaan Daayik garuu Isloot guyyaa dhaloota isaa gammachuun akka kabajatuuf kennaa godhee galchii injifannoo kenneeraafi.

Isaak haga kana taphachuu isaayyuu waan guddaadha kan jedhan Isloot kana booda gahumsa qaamaa guddaa irra yeroo gahu kubba miidhagaa inni taphatu sana irraa argina jedhe.

Qindoominni Isaakii fi Filooriyaan Wiirzi Arnee Islootiif abdii guddaa kenneera. Lameenuu gatii qaalii taheen Liiverpuul galan.

Kennaa gddaa Isloot guyyaa dhaloota isaaniif argatan qindoominni Wiirzii fi Isaak akka isaan barbaadanitti hojjechuu isaa arguu isaaniiti jedhe Fiil Maaknaaltii.

Huugoo Ekitikee fi Isaak bakka wal fakkaataa waan taphataniif lamaan isaaniiyyuu haala gaariin ni fayyadamna jedhan Isloot.

Liiverpuul barana paawondii miliyoona 460 tahuun taphattoota haaraa mallatteesiseera.

Isloot namni hunduu baasii paawondii miliyoona 460 baasuu keenya qofa odeessa. Taphattoota gurgurree paawondii miliyoona 300 argachuu keenyas kaasuu qabu jedhe.

Isa baasnee fi isa gurgurtaan arganne yoo ilaalle taphataa haaraa mallatteesisuuf paawondii miliyoona 160 qofa baasuu himan.

Tapha biraan Cheelsiin 3-1'n Baayern Muunikiin mo'ame. Kool Paalmer gahumsa guddaa agarsiise. Haarii keen taphataa urjii Baayern Munik ture.

Arsenaalis Atileetikoo Bilbaayoo mo'atee injifannoon eegale.