Qumaara Gaardiyoolaan Arsenaal irratti yaade Liivarpuul akkamiin mo'ate?

Madda suuraa, Getty Images
Karoorri Peep Gaardiyoolaa Arsenaal danquun qabxii sadii dhuunfachuuf yaadan xiqqumaaf bu'aa buusee ture. Xiqqumaaf.
Haa ta'u malee, galchiin Gabreel Maartineelii daqiiqaa 93ffaarratti galche abbaan dirree Arsenaal qabxii akka qooddatu gargaareera.
Gareen lamaanuu garuu qabxii kanaan hin gammanne.
Mufiin Gaardiyoolaa taphni yeroo xumuramu fuula isaarratti mul'ateera.
Siitiin 1fi 0'n dursaa erga turee booda Arsenaal boodarra galchii qixxeessituu galchuun isaan kan gammadu ligicha dursaa kan jiru Liivarpuulidha.
Arsenaal fi Siitiin waan qixa bahaniif Liivarpuul morkattoota isaa shaniin caalee liigicha dursaa jira.
Shaampiyoonaan bara darbe, Liivarpuu, bara dorgommii baranaa taphoota liigichaa shan taphate hunda mo'ateera.
Ittisaan duraanii Maanchistar Yunaayitid Gaari Neevil, ''Peep Gaardiyoolaan gateettii isaa raasaa ture,'' tapha booda waan ta'e yoo dubbatu.
Taphni osoo hin xumuramiin daqiiqaan 25 yookiin 30 yeroo hafu Peep mo'achuuf ture jedhe Neevil.
Ta'us, kan mo'ate Liivarpuulidha jedha.
'Dadhabbii baay'ee qabna'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphni eegalee hanga daqiiqaa 92'tti taphichi akkuma Siitiin yaade adeemee ture. Warri Arsenaal immoo galchuu hin dandeenye.
Peep Gaardiyoolaan taphattoonni hiriirse kanneen taphoota lamaan darban irratti hiriirsedha.
Peep Maanchistar Siitii leenjisuu erga eegalee waggaa sagal keessatti yeroo sadii qofaaf akkana godhe.
Galchii Halaandiin daqiiqaa 9ffaarratti erga dursuu eegalan booda, boqonnaa booda Peep ittisuu filate.
Hiriira taphattoota kanaan Siitiin torban dura Maanchistar Yunaayitid mo'atus, Chaampiyeens Liigii irratti Naappolii taphattoota 10 qabu baay'uma rakkatee mo'ate.
Arsenaal irrattis mo'icha gonfachuuf yaaliin taasisan walitti aansanii mo'achuu hin dandeenye.
Gaafa taphni daqiiqaa 76ffaarra gahu akkaataa hiriira taphattoota isaa 5-5-0 tolche.
Kunis, Haalaand dirreedhaa baasee utubaa ittisu Nikoo Gonzaalez erga galche boodadha.
Murteen akkanaa silaa Josee Morinihoo irraa eegama ture.
Kaayyoon ijoo Peep moo'icha mirkaneessuudha. Haa ta'u malee, hammi kubbaa to'atan 38% qofa ta'e.
Kuni, erga Gaardiyoolaan leenjisaa ta'u eegalee taphoota 601 taphachiise isa xiqqaadha.
''Akkas ta'uf hin yaallu. Haa ta'u malee, yeroo morkataan cimaa ta'u cimsinee ittisna, deebisnees jifanna - kaayyoon keenya garuu kana miti.
Gaardiyoolaan waan kana deebisee raawwachuu akka hin barbaanne hime.
Haa ta'u malee, Gaardiyoolaan taphni lama itti cimuufi taphattoonni boqonnaa dhabuu isaanii hime.
''Baay'uma dadhabne,'' jedhe.
''Taphni Naappolii waliin ture miiraan kan guutame ture. Eegasii gara Landan imaluuf sa'aatiii afur, shan nu fudhate.
''Arsenaal bara dorgommii lamaan darbe Pirimeer Liigii irratti morkataa cimaa ture, Chaampiyeens Liigii irrattis walakkaa maayii gaheera. Kanaaf baay'ee ni cima.''
''Taphattoonni baay'ee dadhabaniiru. Kan miidhamanis baay'eedha,'' jedhan.
Gaardiyoolaan BBC Radio 5 Live'tti qabxii galmaa'een ''mufachuu'' dubbatani.
Ta'us, ga'umsa bara darbe waan fooyyessaniif taphattoota isaaniin ''boonuu'' beeksisaniiru.
Waggaa darbe Arsenaal garee Mikeel Arteettaan 5 fi 1'n mo'amee ture.
Maanchistar Siitiin bara dorgommii baranaa taphoota liigii shan taphate keessaa qabxii torba qofa argate.
Kuni Maanchistar Siitiif waaggoota 19 keessatti qabxii isa gad-aanaadha.
Shaampiyoonaan bara darbee Liivarpuul yeroo ammaa Siitii irraa qabxii 8'n fagaatee jira.
Arsenaal fi Siitiin qixa bahuun leenjistoota Peep waliin taphatan keessaa Arteettaan leenjisaa jalqabaa taphoota shan Peep waliin taphate hin mo'amne ta'eera.












