Waa'ee morkii Arsenaal fi Maanchistar Siitii eegamu maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Tapha torban shanaffaa Pirimeer Ingiliziin morkiin jabaa har'a Arsenaal Maanchistar Siitii waliin taasisu eegamaa jira.
Kilaboonni lamaan tapha Chaampiyeens Liigiirratti torban darbe kana morkattoota isaanii injifataniiru.
Taphoota afur liigichaan taphate keessaa tokko qofaan kan mo'ame Arsenaal, Siitii injifachuuf taphata.
Siitiin immoo Tootanhaamiifi Biraayitaniin yoo mo'amu, torban darbemmoo Maanchistar Yunaayitid injifatee ture.
Morkiin kuni yeroo Arsenaal ga'umsa gaarirra jiruufi Siitiin immoo qormaata keessa jirutti taasifama.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Suutan tilmaama Arsenaaliif kenneera.
Waa'ee tapha kanaa waan tokko mirkana - Arsenaal ni injifata jedhe.
Kilaboonni Waancaa Pirimeer Liigiif wal morkatan lamaan tapha isaanii Emireetis irratti taasisu.
Maanchistar Siitiin torban darbe Maanchistar Yunaayitid injifatus kan inni injifate garuu garee isa dadhabaa Yunaayitidinidha jedheera Suutan.
Arsenaal garuu sadarkaa biraarra jira jedhe.
Arsenaal Siitii injifachuu qofa miti Erliing Halaand garatti taphatu isa dhowwu jedha.
Gareen jifataa Siitii Haalaandiin durfamu, ittistoota Arseenal ciccimoo ta'an waliin wal qarqabuun isaanii waanuma eegamu.
Tooftaa Gaardiyoolaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara dorgommii darban, Siitiifi Arsenaal haala wal fakkaatuun taphataa turan.
Kunis, yeroo taphaa gara caaluuf tapha to'achuu akkasumas yoo harkaa fudhatamee muddanii kubbaa harkaa to'achuudha.
Ga'umsi garee lamaanii yeroo kubbaa to'atan taphoota gara caalu akka mo'atan isaan gargaareera.
Yeroo morkataan isaanii laafu yookiin ittisni garee morkataa isaanii dadhabu saffisa dabaluun atattamaan jifachuun hiree isaanii akka bal'ifatan gargaara.
Bara dorgommii baranaa yeroo Woolvis mo'atan, ''yeroo kubbaa argannu, kan durii caalaa saffisaan jifachuu'' yeroo jedhu dhagahameera.
''[Saffisaan cabsanii seenuun] meeshaa [waraaanaa] bara dorgommii baranaa fayyadamuu barbaannudha,'' jedha Gaardiyoolaan.
''Yeroo morkataan kubbaa haalaan to'atee taphatu, ni danqina, garuu eegasii booda kubbaa si'a kuma, miliyoona walii daddabarsuu nan jaalla.''
Ilaalchi Peep kuni yeroo Siitiin Woolvis 4fi 0'n mo'ate galchii Tijjani Reijnders galcheerratti mul'ateera.
Siitiin gidduu dirreerraa erga to'ate booda utubaan lammii Nezarlaandis galchuuf sakandii jaha qofa isa fudhate.
Tooftaa Arsenaal sodaachisoo taasise
Arsenaal bara dorgommii baranaa tapha kallattii taphachuun beekamu.
Maadukeefi Giyokereesh lafa bal'aa to'atanii taphatu, akkasumas kubbaan Maartin Zubimendiifi Odegaardiif qaari'amu Arteettaan kallattii kanatti akka kala'aa jiru agarsiisu.
Kubbaa kallattiin taphachuun yeroo hedduu kubbaan gidduutti akka morkataan fudhatamu taasisa.
Garuu, taphicha to'achuufi saffisuun Arsenaal akka irraa buufatu isa gargaara.
Ittistoonni Arsenaal immoo cimoodha. Yeroo gareen isaanii jifachuuf fuulduratti adeemu, utubdootaafi jifattoota Arsenaaliif karri banama.
Tapha Foorast fi Yunaayitid irratti barana yeroo taphatan, saffisi Arsenaal kubbaa fuulduratti qajeele kan waggaa darbe taphateerraa baay'ee caala.
Taphi Arsenaal Liivarpuul waliin taphate tooftaa amma dubbataa jirurraa addadha.
Arsenaal Liivarpuul ittisuu filate. Kunimmoo carraa deebisanii jifachuu hin kennineef.
Haala amma jiruun morkataa isaaniirratti hundaa'uun garee injifachuu danda'u ijaaraa waan jiru fakkaata.
Eenyutu hiriira?
Mikeel Arteettaan bara kana taphattoota ciccimoo hedduu waan qabuuf filannoof rakkachaa jira jedhu xiinxaltoonni.
Tapha Arsenaal dirree isaa irratti Maanchister Siitii waliin qabu irratti eenyufaatu jalqaba irratti filama?
Deklaan Raayisii fi Mikeel Meerinoon yeroo waliin taphatan Arsenaal tapha hedduu hin mo'anne. Garuu taphattoonni lameenuu gahumsa guddaa irra jiru. Tokkoo isaanii kaa'uun baay'ee ulfaata.
Yeroo Deklaan Raayisii fi Meerinoon waliin taphatan Meeriinoon fuulduratti siquun taphata. Raayis ittisa gargaara.
Amma garuu Maartiin Zuubimandiin taphattoota ittisaa gargaaruu irratti gahumsa guddaa waan qabuuf Arteettaan garee Gaardiyoolaa mo'achuuf maal godha kan jedhu ammayyuu gaaffiidha.
Odeegaardi miidhama irraa hin bayyaannatu taanaan Etaan Nawaneerii, ykn Meerinoon taphachuu ni danda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Yoo Bukaayoo Saakaa miidhamairraa bayyaannatee tapha kanaaf gahe Noonii Maduweekeen gara bitaan bakka Maartineelii taphachuu danda'a.
Bakkichatti Arteettaan Eezzee fayyadamaa jira. Bakki filatamaa Ebereche Eezzeen barbaadu, lakkoofsa 10 bakka Maartin Odeegardi taphatudha.
Eezzeen bakkicha yoo taphate Deklaan Raayisii fi Zuubimandii waliin fayyadamuun sarara gidduu irartti olaantummaa fudhachuu danda'u.
Gareen Gaardiyoolaa akka durii tahuu baatus Erliingi Haalaandi ammas galchii lakkoofsisuu fi rikardii cabsuu itti fufeera.
Garuu yeroo Arsenaal waliin taphatan Gabri'el Magaleshii fi Wiiliyaam Saaliibaadhaan waan qabamuuf galchii lakkoofsisuuf ni rakkaata.
Haalaandi taphataa jalqabaa tapha xiqqaa irratti galchii Shaampiyoonsi Liigii 50 lakkoofsise tahuun rikardii cabseera.
Haalaand Shaampiyoonsi Liigiidhaan galchii 50 lakkoofsisuuf taphoota 49 qofa isatti fudhate. Rikardii Ruud Vaan Niilstiruuyiin qabame cabse.
Arsenaal jalqabbii gaariin eegaleera. Teerii Heneriin hamma Arsenaal kilebni taphattoota jajjaboon guutame hin jiru. Waa injifachuu qabu jedhe.Gettg












