Liiverpuul v Cheelsii, Arsenaal mo'achuun Liiverpuuliin qixxaataa?

Leenjisaa maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorimii fi taphattoota Arsenaal gara bitaan

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot tapha Chelsii waliin qaban dursuun waa'ee gahumsa taphattoota isaanii fi miidhama haaraa qabanii irratti ibsa kennan.

Siloot karra eegaa isaanii miidhame Aliisan ilaalchisee yoom akka deebi'u yeroo kaa'uun ulfaata jedhan.

Aliisan dhiyyootti hin deebi'u. Liiverpuul karra eegaa waggaa darbe mallatteessiise Joorj Mamardashavil bakka Aliisan fayyadama.

Inumaayyuu tapha Maanchister Yunaayitid waliin dhiyootti qabaniifiyyuu hin deebi'u jedhame.

Siloot karra eegaa qabnu Mamardashiviliif carraa kennuutti gammadeera. Gahumsa isaatti nan amana jedhan.

Dogogora taphattoonni isaanii akka Ibiraahim Koonaatee fi kaan uumanii mo'aman irratti yoo dubbatan: ''Dogogoricha kan hojjechaa ture Konaatee qofa miti,'' jedhan.

Huugoo Ekitiikee fi Fireederikoo Kiizaa shaakala hojjechuutti akka deebi'an leenjisichi himaniiru.

Leenjisaan Chelsii Eenzoo Maareshkaa, ''ani Liiverpuul Ingilaand keessaa kilaba baay'ee cimaa akka tahen amana. Kana ammoo Piriimer Liigii mo'atanii nutti agarsiisaniiru. Nuyi rakkoowwan nu mudatan furaa jirra,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chelsiin walitti aansee mo'amuu isaaf leenjisichi akka sababa tokkootti kan kaa'an kaardii diimaa taphattoonni Chelsii argataa turanidha.

Taphattoonni Chelsii saddet miidhamanii akka jiran Eenzoo Maareshkaa himan. Kaardii diimaan ammoo akka Chaaloobaa fa'aa hin taphatan.

Kool Paalmer yoom akak taphaaf gahu irratti Maareshkaan odeeffannoo hin qabu. Sichi waliin mari'anna jedhan. Tapha Liiverpuul irraa hafuu mala.

Kaardii diimaan taphattoota isaaniitti baay'achuu irratti garuu rakkoo naamusaa hin qaban jedhan.

''Tokko tokkoon adda baastee ilaaluu gaafata. Kan Maanchister Yuunaayitidii fi Biraayitan irratti kenname yoo ilaalte murteessuuf sekondoota qofa si gaafata. Kaan bifa biraan ilaalla'' jedhan.

Taphoota jalqabaa muraasa haala gaariin eegalle. Qabxii gaariis arganneerra. Amma bakka sanatti deebi'uu barbaanna ejdhan.

Cheelsiin doolaara biiliyoonota taphattoota haaraa mallattesisuu irratti dhangalaasus qabxii barbaadamu hin galmeessine.

Qabxii akka dhabnuu fi haala wal xaxaa keessa kan nu galche kaardii diimaa argataa turredha jedhan Maareshkaan.

Miidhamni taphattootaas akka isaaf gumaacha qabu himan. Taphni Cheelsii fi Liiverpuul haalaan akka eegamu kan taasise ammoo lameenuu qabxii waan gataniif injifannoof waan taphataniifi.

Arsenaal darbii Landaniin West Haam waliin morkata. Arsenaal miira injifannoo guddaatti deebi'eera. Niwkaasiliin erga mo'atee garaagarummaa Liiverpuul wlaiin qabu dhiphiseera.

West Haam haala rakkisaa keessa rega galee leenjisaa isaa Giraam Pooter gaggeessuun Nuunoo Ispiriitoo Saantoo qacareera.

Arsenaal tapha kana mo'achuun Liiverpuul ammas qabxii kan gatu yoo tahe dorgommii waancaaf godhu cimsee kan itti fufu taha.

Maartin Odeegaardi bayyaannachuun isaa Arsenaaliif oduu gaariidha. Taphattoota gahums aguddaa qaban hedduu qabna. Hunduu dheebuu waancaa mo'achuu qabu.

Barri kun kan keenya tahuu qaba. Waancaa Shaampiyoonsi Liigiis tahu Piriimer Liigii mo'achuu qabna jedhe Odeegardi tapha Olompiyaakos mo'ataniin booda.

Arteettaan Viiktar Giyookeres galchii lakkoofsisuu dhabuu isaa yoo gaafatamu ''ani baay'ee gammadeera. Taphataa ajaa'ibaa qabna. Gahumsi isaa sochiin isaa baay'ee gaariidha'' jechuun taphataa isaanii lakkoofsa sagalii barana itti amanatan jajaniiru.

Maanchister Siitiin Bireentifoordi waliin morkata. Gaardiyoolaan miidhama taphattootaa baay'ee akka qaban himaniiru.

Bireentifoord yeroo hedduu Maanchister Siitiif qormaata tahuun tureera. Garuu taphattoota isaanii akka Biriyaan Embuumoo fi Wiisaa fa'aa dhabaniiru.

Leenjisaa Peep Gaardiyoolaan jajan Toomaas Firaank kilebicha gadhiisee Tootenhaam gale.

Gaardiyoolaan leenjisaan amma jirus Toomaas wlaiin wal fakkaata. Ammayyuu morkattoota jaboodha jedhan.

Maanchister Yuunaayitid Sanderlaand waliin morkata. Ruuben Amoorim dhiibbaa guddaa jala jira.

Yoo Ruuben Amoorim qabxii barbaadamu galmeessuu dadhabe hojiirra gaggeeffamuu qaba kan jedhan baay'ataniiru.

Abbaa qabeenyaa kilebichaa kan tahan Sir Jim Raatkiliif yoo Sanderlaandiin mo'amanillee leenjisicha gaggeessuu akak hin barbaanne ibsaniiru jedhe 'The Athletic'.

Yuunaayitid taphattoota cicimoo sarara duraa irraa qabaatus galchii lakkoofssisan garuu xiqqaadha.