Daawurootti ilmi ‘damma na jalaa nyaatte’ jechuun abbaasaa ajjeese adabame

Madda suuraa, Getty Images
Taateen naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaatti raawwate kun miidiyaalee hawaasaa irratti yaada namoota heddu keessummeessaa jira.
Dhimma kana ilaalchisee BBC’f odeeffannoo kan kennan Qajeelcha Poolisii Godina Daawurootti Hoggantuun Divizhinii Qunnamtii Ummataa Inispeektar Tigist Haayilee, yakki kun Waxabajjii 01, 2014 raawwatamuu himan.
Himatamaan Abrahaam Amanuu jedhamu Godina Daawuroo Aanaa Isaraa ganda Curcuraa jedhamun beekamu keessatti guyyaa eerametti abbaa isaa irratti yakka ajjeechaa raawwate.
Mucaan abbaa isaatiin “damma na jalaa nyaatte jechuun kan yakka kana irratti raawwate. Dammakoo akkamitti nyaatta kan jedhuuni” jechuun sababii ajjeechaa kanaa BBC’tti himan Inispeektar Tigist.
Dargaggoon kun yakkicha raawwachuu isaatin duras abbaa isaa doorsisaa turuu himan.
Sana boodas himatamaan kun abbaa isaa cuubeen laphee fi harka bitaarra waraanuu himan.
Hammi dammaa abbaan himatamaa nyaataniiru jedhames xiqqaa fi kubbaayyaa tokko qofa akka ta’e qondaalli poolisii godina Daawuroo kun himaniiru.
Himatamaan to’atamee qorannoon poolisii erga irratti adeemsifamen booda Mana Murtii Olaanaa Godina Daawurootti himanni irratti baname.
Ragaan haala ajjeechaa miidhamaa hubachiisus dhaabbata fayyaarraa barreeffamee mana murtiif dhiyaachuu kan himan Inispeektar Tigist, “ragaan ogeessa fayyaa cuubeen akka waraaname hubachiisa,” jedhan.
Kana malees himatamaa Abrahaam Amanuu yakkicha dalaguu isaa akka amane himuun, “mucaan hin falmine. Amaneera, hin haalles” jedhan.
Manni Murtii Olaanaa Godina Daawuroo galmee himataa erga qorateen booda dhaddacha kaleessa Caamsaa 09, 2015 oolen himatamaa Abrahaam Amanuu irratti hidhaa cimaa waggaa 25 murteessee jira.
Manni murtichaa kunneen biroof barsiisaa ni ta’a jechuun murtee kana akka kenne himan Inispeektar Tigist Haayilee.
“Namni biraan gochaa akkanaa akka hin raawwanneef ni barsiisa kan jedhuun manni murtii murtee kana kenne.”












