Haleellaa wiirtuu gabaa Niiw Yoorkitti raawwateen namoonni kudhan ajjeefaman

Madda suuraa, EPA
Niiw Yoorkitti dargaggoon ganna 18 yakka jibba sanyii irraa ka’uun rawwatame jedhameen namootatti dhukaasee 10 ajjeesuu aanga'oonni himan.
Magaalaa Bafaloo jedhamutti, iddooma taateen kuni raawwate namni ganna 18 Paaytoon Gendroon yakka kana raawwachuun shakkame wayyaafi meeshaa waraanaa hidhate to’annoo jala ooleera.
Shakkamaan kuni gaafa Sanbataa waaree booda wiirtuu gabaa(supermarket) seenee dhukaasuu jalqabe. Haleellaa raawwachaa ture kallattiin tamsaasaa ture jedhe poolisiin.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan gochaa ‘jibbaa’ jechuun haleellicha balaaleffataniiru.
‘’Taatee kana akka yakka jibbinsaa fi finxaalessummaa sanyummaan kaka’uun raawwatetti qorachaa jirra,’’ jedhan itti gaafatamaan FBI magaalaa Bafaloo Isteefan Belongiyaa ibsa kennanin.
Shakkamaan kuni magaalaa namoonni sanyii gurraachaa baayyeen keessa jiraatan kana sa’aatii dheeraa oofaa achi gahuu hin oolle jedhameera.
Walumaagalatti namoonni 13 kan itti dhukaafame yoo tahu baayyeen isaanii immoo gurraachota jedhan Komishinariin Poolisii Bafaloo, Jooseef Giraamaagliyaa.
Poolisiin miidiyaa CBS’tti dubbatan namni kuni yeroo dhukaasaa turetti arrabsoo sanyii ilaallatu dubbataa ture.
Namoonni madaa’an sadeen hojjettoota wiirtuu gabaa kanaa yoo tahan, miidhaa irra ga’e kan lubbuuf isaan yaaddessu miti.
Poolisiin sooruma bahaniifi wiirtuu kanatti hojii eegumsaa hojjetan shakkamaa kanatti dhukaasuu haa yaalaniyyuu malee, isaaniis namoota ajjeefaman keessati jedhan qondaaloti.
Shakkamichi qawwee kan baatee yoo uffannaa loltuu guutuu fi mataa isaa irratti ‘helmeetii’ keewwateera jedhe poolisiin.
Naannichatti muddamni turus boodarra shakkamichi rasaasa isaa kennee, amma gaaddisa seeraa jala jira.
Ergasii mana murtiitti dhiyaachuun ajjeechaa sadarkaa tokkoffaan mana murtiitti himatameera. Abbaan alangee naannoo Erii Joon Fliin, himannaawwan biroon illee irratti dhiyaachuu malu jedhan.
‘’Kuni waan badaa hawaasa kamirrayyu gahuu maludha. Nu miidheera, ijaanis argaa jirra,’’ jedhan kantiibaan magalaa Baffaloo Baayiran Biraawun.
‘’Namni jibbaan guutame kuni hawaasa keenya akkasumas biyya keenya akka qoodu hin goonu,’’ jedhan.
Giraadii Lewiis, gochaa kana ijaan arguu miidiyaa kan himan yoo tahu,’’namichi akka loltuutti uffatee, gadi jedhee, yeroo namatti dhukaasu argeera,’’ jedhan.
Pireezidantiin US Joo Baayidan Giiftii Duree biyyattii waliin war miidhamaniifi maatii isaanif kadhachaa turre jedhan.
‘’Haleellaan yakka jibbinsaa sanyummaa bu’uura godhate hariiroo ummata kanaaf waan badaa dha, jedhan.
‘’Shororkeessummaa biyya keessaa jibba irraa ka’u kana dhaabsisuuf hamma humna keenyaa waan hunda gochuu qabna,’’ jedhan pireezidantichi.














