Ajjeechaa Malcolm X 1965: namoonni lama adabbiin isaanii addaa cituuf

Malcolm X speaks at a rally. File photo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Malcolm X wayita rasaasaan dhawamee ajjeefamu gannisaa 39 ture

Hoogganaa mirga namoomaa US kan ture Malcolm X bara 1965tti ajjeesuun kan itti murame namoonni lama, adabbiin isaanii addaan cituuf.

Muhammad Aziz fi Khalil Islam haqa isaaniif malu hin arganne jedhe Abbaan Alangaa Aanaa Manhattan.

Cyrus Vance Jr miidiyaa New York Times'tti akka himanitti, FBI fi poolisiin ragaa jara kana bilisa baasuu malu waltahuun dhoksaniiru jedhan.

Malcolm X Niiw Yoork Siititti galma guddaa tokkotti bakka maatiin isaa turanitti ajjeefame.

Namoonni lama Azizi fi Islaam jedhaman nama sadaffaa Toomaas Hagan jedhamu wajjin ajjeechaa nama kanaan balleessaan irratti argamuun, hidhaan umrii guutuu itti murame.

Namoonni sadan kunniin sochii siyaasaafi amantaa kan tahe dhaabbata 'Nation of Islam' jedhamu keessatti miseensota kan tahan wayita tahu, sadanuu ergasii dhiifamaan gadhiifamaniiru. Ergasii Islaam 2009 keessa lubbuun dabre.

Gaaffiifi deebii gaazexaa New York Times wajjin taasisaniin, Aabba Vance maqaa dhaabbilee seera raawwachiisaniin dhiifama gaafataniiru. Maatii Aziz fi Islaamif haqni dabeera jedhan.

''Seenaa keessatti qaamni seera raawwachiisu irra deddeebiin itti gaafatamummaa bahachuu dadhabeera. Jarri kun haqa isaanif malu hin arganne,'' jedhan.

Aabba Vaans dabaluun odeeffannoon dabalataa guyyaa Kamisaa kennama jechuun tiwiitan.

2020 keessa Abbaan Alangaa Aanaa Manhattan erga bakka buutota dhaabbata 'Innocence Project' wajjin walarganii booda qorannoo eegale. Gareen seeraa bu'aaf hin hundoofne kun, namoota dogoggoraan itti murame jedhuuf kan qabsaa'udha.

Jalqaba bara kanaatti ammoo ijoolleen dubraa Malcolm X ragaan haaraa argamuu hordofee, qorannoon irra deebiin akka banamu gaafatanii turan.

Ergaa poolisii wayita du'aa turetti barreesse eeran - innis bara ajjeechaa sana 1965tti, Poolisiin Niiw Yoork fi FBI ajjeechaa abbaasaanii qindeessaniiru kan jedhu ture.

Malcolm X dagaagina sanyii gurraachaaf nama haalaan falmatu ture.

Waggoota dheeraaf dubbi-himaa 'Nation of Islam' tahuun kan tajaajilaa ture yogguu tahu, boodarra garuu ejjannoon isaa laafaa dhufe. Jaarmiyaan Nation of Islam Ameerikaanonni sanyii gurraachaa fottoquun akka of danda'an kan qabsaa'u ture.

Namni kun umuriisaa ganna 39tti rasaasaan dhawamuun ajjeefame.