Ajjeechaan Malkom X irra deebiin akka qoratamu maatiin gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Ijoolleen dubaraa qabsaa'aa mirga namoomaa Malkom X waa'ee ajjeechaa abbaasaaniirratti odeeffannoon haaraan argamuudhaan walqabatee qorannoon bifa haaraan akka gaggeeffamuu eegalu gaafatan.
Bara 1965 keessa wayita Malkom X ajjeefamu qondaalli poolisii gameessi tokkos cina isaatti du'aniiru.
Qondaalli poolisii kun du'uu isaaniin dura dhaamsa dhaammataniin, tarii jaarmiyaan yakkoota qoratu (FBI) fi poolisiin walta'anii ajjeechaa sana raawwachuu akka hin oolle himanii turan.
Poolisiin maqaansaanii Raymoond Wuud jedhamu kun, Malkom X ajjeefamuun guyyoota muraasa duratti, eegdota isaa hiisisuuf dirqamni akka itti kennamee ture xalayaadhaan barreessanii kaa'uu maatiin dubbataniiru.
Ajjeechaa sanaan walqabatee namoonni sadi himatamaniiru.
Namoonni sadeen ajjeechaan himataman kunneen hidhaan umrii guutuu kan itti murtaa'e yoo ta'u, isaan keessaa tokko yoo du'u, lama ammoo erga yeroo dheeraa hidhamanii booda dhiifamaan gadi dhiifaman.
Jalqaba miira Islaamummaan qabsoo kan eegale Malkom X, wayita ajjeefamutti garuu saba gurraacha hundaaf falmee maqaa gaarii argatee ture.
Malkom X hanga lubbuunsaa baatutti tokkummaa, kabajaa fi walqixxummaa saboota gurraachaa mirkaneessuuf ifaajaa ture.
Xalayaan poolisichaa maal hima?
Akka qabiyyeen xalayaa kanaa ibsutti poolisiin magaalaa Niiw Yoork fi Biiroon Qorannoo Yakkaa Federaalaa(FBi) bal'ina odeeffannoo waa'ee ajjeechaa Malkom X irratti raawwatee dhoksaniiru.
Ajjeechaan kun Guraandhala 21 bara 1965 Manhattan gara olii (Upper Manhattan) keessatti raawwate.
Maatii fi Abukaatoon Poolisii kanaa qabiyyee xalayaa sanaa eeruun akka ibsanitti, guyyaa Malkom X afuura ishee dhumaa baafate sanatti hojiin Wuud gamoon Malkom X keessa jiraatu akka eegdota hin qabne mirkaneessuu ture.
Malkom X guyyaa sana bakka jireenyasaatii gadi ba'ee achuma fuulduratti hawaasaaf haasawa gochuuf ture.
Raymoond Wuud yoomii fi akkamiin akka ajjeefame maatiin ibsa bal'aa hin kennine.
Garuu hanga du'a isaatti xalayaa barreessee qopheeffate ifa baasuu akka hin barbaanne hubachuusaanii ibsaniiru.
Wuud osoo lubbuun jiruu yoo xalayicha ifa baase aanga'ootarraa dararaa guddaa akka irra ga'u sodaataa ture jedhan.
"Ajjeechaa suukanneessaa guyyaa sanaa ilaalchisee ragaan dhugaa sirrii mul'isu gadi fageenyaan qoratamee ibsamuu qaba'' jette, ijoollee dubaraa Malkom X keessaa tokko kan taate Ilyasah Shabazz.
Ajjeechaa sana keessaa harka qabaachuudhaan kan himatamu Poolisiin Niiw Yoork ragaa qorannoo guutuu Abbaa Alangaa Bulchiinsa Manhaataniif dabarsee akka kenne himeera.
Qorannoo fi sakatta'iinsa taasifamu kam keessattuu hirmaachuun akka deggersa kennus himeera.
FIB'n garuu hanga yoonaa ifatti as ba'ee dhimma kanarratti yaada hin kennine.















