Pirezidaantiin duraanii Gaanaa Jeerii Roowilingi umurii ganna 73'n du'aan boqatan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin duraanii Gaanaa Jeerii Joon Rowiliingi umurii ganna 73'n boqatan.
Jeerii Roowiliingi fonqolcha mootummaa yeroo lama gaggeessera. Jalqaba bara 1979 yoo tahu yeroo lama ammoo filannoo paartii hedduu hirmaachiseen pirezidaantii tahuun filatameera.
Nama beekamaan surraa qabeessa tahe kun jalqaba malaammaltummaa irratti duula gaggeessuun aangoo harka galfate. Gaggeesitoota duraanii hedduu sababa saamichaa fi malaammaltummaan ajjesiseera jedhamuun himatama.
Pirezidaantichi shaampiyoonaa hiyyeesotaa jedhamuun jajamanis sarba mirga namoomaa gaggeesuun ammoo hedduu qeeqamaa turan.
Gabaasaaleen akka himanitti pirezidaantiin duraanii kun yeroo xiqqoo dhukkubsachuun hospitaala magaalaa Akiraatti yaalamaa turanii boqatan.
Qonnaan bulaa Iskootilaandii fi harmee isaa lammii Gaanaa irraa kan dhalate Rowiliingi bara 1969 eebbifamuun humna qilleensaa Gaanaa keessatti hojii jalqabe.
Waggoota kudhan booda ofisera ol aanaa tahee osoo hojjechaa jiruu mootummaa humna waraanaan bulchaa ture aangoo irraa fonqolchuun aangoo uummataaf dabarse.
Sababa malaammaltummaan gaggeesitoota biyyaa duraan turan hedduu fi ajajoota waraanaa akka ajjeefaman taasiseera. Seenaa ittiin yaadatamu keessaa ammoo garee abbootii seeraa bakka tokkotti akka haleelaman taasiseeni.
''Ani ammayyuu akkan beekuti nuyi Gaanaa keessatti dhiigni akka dhangala'u hin barbaannu'' jedhe yeroo sana.
"Ani akka dhuunfaatti hin jaalladhu. Kana irra namicha irraa qabeenya isaa hundaa saamuun isas akka inni gadi bu'u gochuun jireenya nuyi dhamdhamnee jiraanne akka jiraatu goone agarsiisu qabna, waan inni nu godhe jedheen amana,'' jedhe.
Waggaa lama booda fonqolcha gaggeesuun dursaa humna waraanaa biyya gaggeessuu tahuun hanga bara 1992 paartilee hedduun irratti hirmaatanii filannoon gaggeeffamutti ture.
Yeroo sana filannicha mo'achuun pirezidaantii tahee filatame. Bara 2001 ammoo aangoo gadhiise.
Bulchiinsa isaa nama sooshalistiitti amanu tahuun jalqabe. Booda garuu gabaa bilisaa biyyittiitti babbal'isuu danda'eera.
Fonqolcha mootummaa irra dedeebiin bara 1960 fi 1970 keessa gaggeeffameen booda nageenya waaraa biyyattiitti fideera jedhamuun yaadatama.
Rowiliing liqiin idil adunyaa Gamtaan Afrikaa akka haqamuuf duula gochaa ture.
Bara 2010 ammoo Somaaliyaatti ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa tahe.
Seenaan ittiin yaadatamu falmisiisaa fi akka idil adunyaa fi biyya keessaattis kan yaada namootaa addaan qoode ture.
Kaniin sarbama mirga namoomaan yoo himatamu deeggartootni isaa ammoo nagaa, tasgabbii fi badhaadhina Gaanaatti fideera jedhamuun jajamu.













