Jibba sanyummaa: Loltuun gurraachi US 'akka hin malletti to'atame' poolisoota adii himate

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita poolisoonni isa dhaabsisan kaameraa huccuu isaaniirra jiruun waraabamaa ture

Loltuu gurraachi US kan polisoonni adiin lama Varijiniyaatti konkolaataa dhaabsiisuun shugguxii itti qiyyaafataniifi waan ija nama gubu itti biifan poolisoota lamaan seeraan himate.

Leeftanant Kaaroon Naazaariyoo wayita taateen kun Muddee keessa Varjiniyaatti isa mudate uffata dambii loltummaa uffatee konkolaachisaa ture.

Poolisoonni tiraafikaa lama isa dhaabsisanii wayita akka bu'u isa gaafatan kaameeraan uffannaa isaaniirra ture haala ture waraabaa ture.

''Dhugumatti [konkolaataa keessaa] bahuu sodaadheera'' jechuun qondaaltoota poolisii sanatti wayita dubbatu, "bahuu qabda'' jedhe poolisiin tokko yoo deebisuuf dhagaahama.

Poolisiin gabatee konkolaataa isaa agarsiisuu waan dideef dhaabsiifne jedhanilleen, gabateen yeroo garuu viidiyicha irratti ni argama ture.

Tibba taateen kun mudateetti, loltuun hanga konkolaataansaa sakkata'amuutti harkisaa duubatti hidhamee tures, maaliif akka humna fayyadamuun barbaachisee poolisoota gaafate ture.

Qondaalli poolisiis ''sababiinsaa tole nun jechuu waan diddeef'' jedheen.

Erga dirqiin konkolaataa keessaa akka bahu godhaniin booda lafarra ciibsanii, harkaa cancalaan duubatti hidhanii to'annoo jala oolchan.

Haa ta'u malee booda himannaa malee gadhiisaniin.

Loltuun gurraachi kun qondaaltoota miseensa poolisii Windisor lamaan kan himate US, Varjiniyaa Mana Murtii bulchiinsa Noorfolkiitti.

Loltuun kunis qondaaltonni poolisii Jee Gutireez fi Daani'eel Kiroker irratti himannaa doorsiisuu, seera malee sakkata'uu fi seeraan ala to'atamuu dabalate sarbama mirgoota heeraan himate.

Poolisii Windisor irraa deebiin battalatti kenname hin jiru.

Himannaan kunis wayita poolisoonni sababa jibba sanyummaa fi gara jabummaa gareelee bicuu irratti raawwataniin qeeqamaa jiranitti baname.

Miseensi poolisii duraanii fi kan bifti isaa adii Deerik Chaavin, ajjeechaa Joorji Filooyidiin dhaddacharratti argama.

Waa'ee taatee sanaa maaltu beekama?

Leeftanant Naazaariyoo, gurraachaa fi Laatinoo kan ta'e, Muddee 5 konkolaataa irraa akka bu'uuf yoo itti himamu uffata dambiisaa uffachuun waraqaa gabatee konkolaataa yerootiin konkolaachisaa ture.

Achinis bufata boba'aa jala dhaabbachuun harkasaa karaa foddaa konkolaataatiin ol qabee, maaliif akka isa dhaabsiisan qondaaltoota poolisii gaafate.

Abokaatoon Joonaataan Artar kan Leeftanant Naazaariyoo himannichaan bakka bu'e, qondaalli loltuu harkasaa ol qabee agarsiisuun murteessaa akka ta'e ni beekama jedha.

''Hidhata 'seatbelt' hiikkachuuf, waanuma tokkoo raawwachuuf, akka hin ajjeefneef sodaate ture,'' jedha akka CBStti himetti.

Himannaa Naazaariyoon dhiyeesse irratti, qondaalli poolisii Guteeriz maaliif konkolaataa keessaa bu'uu akka rincice ni beeka ture jedha.

''Naaf galeera, isa miidiyaan waa'ee hariiroo sanyummaa seera kabachiiftootaa fi gareelee bicuu jidduu jiru facaasuufi. Naaf galeera,'' jedheera qondaalli poolisichaa akka himannaa kanaatti.