Dhaddacha himannaa poolisii Joorji Filooyid ajjeeseerratti maaltu jedhame?

Suuraa yaadannoo Joorji Filooyid

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa yaadannoo Joorji Filooyid

Namni wayita Joorji Filooyid ajjeefamu ijaan arge daqiiqaawwan dhumaa Joorji Filooyid akkam akka turan dhaddacha himannaa poolisii adii Deerek Choovin kan nama gurraacha kana ajjeeseerratti hime.

Namni Doonald Wiliyaams jedhamu kun akka ragaa bahetti, Joorji Filooyid daqiiqaawwan sagal Choovin morma isaarratti jilbeeffatee ture "suutu laafachaa adeeme".

Abukaatoon poolisichaa humni poolisichi fayyadame "hawwataa miti garuu ammoo barbaachisaa ture" jechuun falme.

Himannaa kana namoonni hedduun dhimma sanyummaan wal qabatu Ameerikaa keessa jiruuf murteessaadha jedhu.

Taateen Caamsaa bara 2020 - wayita poolisiin adiin Deerek Choovin magaalaa Miniyaappolis keessatti morma nama gurraacha Joorji Filooyid irratti jilbeeffate agarsiisu viidiyoon waraabamee addunyaa wal gahe.

Kana hordofees mormiin gara jabina poolisii fi jibba sanyummaa balaaleffatu Ameerikaa fi guutuu addunyaa waliin gahe.

Poolisiin adiin ganna 45 Deerek Choovin yeroosuma hojii poolisummaa irraa ari'ame, himannaa nama ajjeesuu irratti dhiyaate ni waakkata.

Isa waliin kanneen himataman poolisoonni biroo sadi - Tuu Tawo, J Aleksaandar Kuweeng fi Toomaas Leen himatni isaanii bara kana ilaalama.

Dhaddacha guyyaa duraarratti maaltu jedhame?

Namni ganna 33 guyyaa jalqabaa poolisii Filooyid ajjeeserratti ragaa bahe akka jedhutti wayita poolisiin Joorji Filooyid to'annoo jala oolchu inni gara mana daldalaa 'Food Cups' jedhamuu seenaa ture.

Kuni Caamsaa 25 bara 2020 ture.

Dhaddachi kun abbootii seeraa lamaa fi namoota ogummaa gara garaa irraa filataman dhimma kanarratti murtee kennuuf taa'an ykn Juurii 12n dhimmicha dhaggeeffataa oole.

Namooti kunneen dhaddacha TVn tamsa'uu fi torbee afuriif tura jedhame kanarratti eenyummaan isaanii osoo adda hin baafamiin turu.

Manni murtii jiddugala Miniyaappolis jiru kun dallaa koonkiriitiin fi shiboo elektiriikaa dabalatee sirnaan dalleeffameera.

Maaliif dubbii jabaa ta'e?

Viidiyoon wayita Deerek Choovin morma Joorji Filooyid irratti jilbeeffate agarsiisu guutuu addunyaarratti mul'ate.

Namoota hedduuf Joorji Filooyid harka poolisiitti du'uun gara jabina poolisiin keessumaa namoota gurraacha irratti raawwatu agarsiisa.

Haa ta'u malee Ameerikaa keessatti poolisiin ajjeechaa hojiirratti raawwataniif hedduu hin himataman, yoo himatamanis wayita itti murtaa'u hin mul'atu.

Himannaan kun gama kanaan sirni haqaa Ameerikaa akkamiin ajjeechaa poolisoonni hojii irratti raawwatan akka ilaalu agarsiisa jedhamee eegamaa jira.