Siwiidiinitti walitti bu'iinsa Qur'aanni gubachuurratti uumame miidhaa qaqqabsiise

Madda suuraa, EPA
Siwiidiin keessatti gareen faallaa godaantotaaf dhaabbatu, far-right jedhamuun beekamu Qur'aana gubuun hookkara kaasise. Kanaan wal qabatees erga magaalota biyyattii hedduu keessatti walitti bu'iinsi gaggeeffamuu eegalee guyyoota afur caaleera.
Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti magaalaa baha biyyattii taate Norrköping keessatti Dilbata kaleessaa wayita poolisiin hiriirtotarratti dhukaasu namoonni sadi miidhamaniiru.
Konkolaattonni hedduun gubataniiru, hookkara kanaan walqabatee yoo xiqqaate namoonni 17 to'annoo seeraa jala oolaniiru.
Sambata darbe wayita gareen far-right magaalaa kibba biyyattii Malmo keessatti hiriira gaggeessan baasiiwwan hedduun gubataniiru.
Mootummoonni Iraan fi Iraaq dippiloomaatonni Siwiidiin Qur'aanni gubachuu mormuun hiriira akka qindeessan gaafatanii turan.
Mankaraarsaa dhalataa Deenmaark fi Siwiidiin kan ta'e fi Sochii Stram Kurs (Hard Line) jedhamu kan dursu Rasmus Paludan, Qur'aana Kabajamaa akka gubee fi gocha kana irra deebi'uuf karoora akka qabu ibse.
Walitti bu'iinsa uumameen yoo xiqqaate poolisoonni 16 miidhamaniiru, konkolaattonni poolisii hedduun barbadaa'aniiru.
Hiriirri kun Kamisarraa eegalee hanga Dilbata kaleessaatti handaara magaalaa guddoo biyyattii Stockholm akkasumas magaalota akka Linköping and Norrköping keessatti gaggeeffamaa ture.

Madda suuraa, EPA/Sweden Out
Paludan hiriira biraa Norrköping keessatti qindeessuun namoota Qur'aanni gubachuu mormanii ba'an haleeluuf akka karoorsee jiru Deutsche Welle gabaasa isaa keessatti eereera.
Poolisiin akka jedhutti wayita walitti bu'iinsi cimu dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasaniin namoonni sadi miidhamaniiru.
Qondaalli Poolisii Biyyaalessaa Siwiidiin Anders Thornberg hiriirtonni jireenya poolisootaa yaaddoo keessa galchan jedhan.
''Kanaan duras walitti bu'iinsaa fi hiriira argaama turre. Kan ammaa kun garuu waan addaati.''
Karoora garee sochii Stram Kurs jedhamu Qur'aana gubuuf qabate irratti hiriirri ba'amaa ture yeroo mara gara walitti bu'iinsaatti jijjiirama.
Bara 2020 magaalaa Malmo keessatti walitti bu'iinsa hamaatu uumame, konkolaattonni gubatan, suuqiiwwan akkaan miidhaman.
Bara 2020 yakka jibba sanyii fi kaaniin ji'a tokkoof kan adabame Paludan, biyyoota Awurooppaa kanneen akka Firaans fi Beeljiyaam fi kaan keessatti Qur'aana gubuuf karoorfatee ture.













