Madhya Pradesh: Kutaan bulchiinsa Indiyaa kun maaliif manneen Musliimotaa diigdi?

Manneen Maadihiyaa Piraadesh keessatti diigaman keessaa

Madda suuraa, Madhya Pradesh police via Twitter

Maanguddoo umuriin isaa waggaa 72 ta'e Sheeh Muhaammad Raafiiq ganama namoonni mana isaa diiguudhaaf dhufan akka addaatti yaadata.

Biyya Indiyaa kutaa bulchiisa Madihiyyaa Piraadesh kan jiraatu Sheeh Muhaammad Toofiq dhugaatii lallaafaa gurguruun maatii isaa ittiin jiraachisa.

Sheeh Muhaammad halkan sirriitti hin rafne ture.

"Waqtiin isaa Ramadaana waan ta'eef daldalli keenya halkan keessa jalqaba," jedha.

Ganama barii yeroo poolisoonni gara mana isaanii dhufanitti hunduu rafanii turan.

"Haata'u malee, sagalee guddaa yeroo dhageenyutti cufaan karraa cabaa akka jiru hubanne," jechuun ibsa.

Qe'ee isaanii poolisoonni dhibbaan lakka'amaniifi buldoozeroonni marsaniiru.

Mana isaanii magaalaa bicuu Khargone jedhamtu keessatti argamtu akka hin diigamneef humni oolchuu danda'u hin turre. Buldoozerichi mana isaanii diigee, dhuma irratti kan hafe jijjigaa mana isaanii qofadha.

"Baayyee sodaannee waan turreef waan tokkoyyu hin dubbanne, Yeroo isaan manicha jigsan callisneetuma ilaalle," jedha.

Manneeniifi suuqiiwwan Musliimotaa baayyeen diigamuu kan jalqabame hokkara gaafa Ebla 10 ayyaana warra Hinduu Raam Naavaam jedhamu irratti ka'e hordofeeti.

Suuraawwaniifi viidiyoowwan Tiwiitara irratti gadi dhiifaman akka agarsiisanitti, buldoozeroonni gurguddoo bifaan keelloo ta'an mandaroota seenanii yeroo manneen hedduu diiganiifi maatiiin baayyeenis haala humna isaan oolchuu danda'u hin qabneen boo'aa jiru.

Taateen kun ammoo dheekkamsa guddaa kaasiseera. Warri qeeqan paartiin bulchaan Piraadeshiifi MM Naareendiraa Moodii BJT jedhamu Musliimota miliyoona 200 ta'an diida qabuuf yaalii taasiaa jiranidha jechaa jiru.

Mootummaanis balleessaa Musliimota taasiseera. Ministirri Biyya Keessaa Naarotaam Mishiraa, "Musliimonni haleellaa akkasii kan raawwatan taanaan haqa gaafachuu hin qaban," jechuun TV tokkoratti dubbate.

Namoonni tokko tokko tarkaanfii mootummaa kana adabbii jumlaa Musliimota irratti fudhatamedha jechuun qeeqaniiru.

"Hawaasa tokko karaa madaalawaa hin taaneen adabaa jirtu. Hojimaati seera-qabeessa ta'e tokkollee oso hin jiraatiin kana gochuun kun seeraan ala ta'uu qofa osoo hin taane fakkeenya waan badaadha," jedha jiraataan magaalaa Indooree ogeessa seeraa ta'e Ashaar Waarsii.

"Ergaan isaa ifadha. Karaa kamiiniyyu nu gaafattanis ykn nu dura dhaabbatanis isiniif dhufna; mana keessan ni diigna, waan ittiin bultan ni fudhanna, qullaa isin hambifnaa jechuudha," jedha.

Kanaaf ka'umsa kan ta'e hordoftoonni amantaa warra Hinduu baayyeen mandaraafi masgiidota warra Musiliimaa keessa deddeemuun haleellaan akka isaanirra gahuuf muuziqaa kakaasan dhageessisuu hordofeeti.

Bakkawwan muraasatti Musliimonni tokko tokkoofi hiriirtonni warra Hinduu dhakaa walitti daddarbataa akka turan gabaafameera.

Musliimonni hedduun yeroo sanatti leellistoota warra Hinduu irratti haleellaan akka raawwatamuuf hayyama kennaniiru jechuun poolisoonni himachaa jiru.

Namoonni aarii guddaan irraa mul'atu billaa isaanii qabatanii gara masjiidotaatti seenanii yeroo xureessan kan agarsiisan viidiyoowwan Dilbata irraa jalqabee mul'achuun biyyattii naasiseera.

Nama umuriin isaa waggaa 28 ta'e Shaahibaaz Kaan akka jedhutti, leellistoonni warra Hinduu masjiida Sandihaawaa keessatti argamu cabsanii seenuun Musiliimota dhakaatiin ari'ataniiru jedhameera.

Haata'u malee, bulee ammoo taateen rifaasisaan biraa dhalateera. Aanga'oonni naannichaa sababii tokko malee dhufanii manicha Buldoozariitiin diiguu jalqaban.

"Haati warraa kiyyaafi obboleettiin kiyya boo'aa meeshaaleen keenya, yoo xiqqaate Qur'aana akka baafannuuf poolisoota gaafatanillee isan dhaga'uu hin dandeenye," jechuun masgiida amma itti baqatee jirurraa dubbata.

"Wanti nuuf hafe tokkollee hin jiru. Haata'u malee, namni tokkoyyu dhimma keenya hin qabu, Buufata poolisii yeroo deemnus nu ari'u," jedhan.

Manneen Maanihiyyaa Piraadesh keessatti diigaman

Madda suuraa, Madhya Pradesh police via Twitter

Bulchaan naannichaa akka jedhutti, tarkaanfiin mana diiguu kun warreen dhakaa darbachuufi mancaatii qaqqabsiisuu keessatti hirmaatan jedhaman irratti adabbii qiyyaafatedha jedhan.

"Mana namoonni keessaa bahanii dhakaa darbatan gara tuullaa dhakaatti jijjiiramu," jechuun bulchaan naannichaa Mishiraan ni dubbata.

Haata'u malee, karaa seeraatiin sababiin kan ittiin kennameef yoo ta'u, namoota manneen seeraan alaa ijaaraniifi lafa ummataa irratti mana ijaaran irratti kan xiyyeeffatedha jedhe poolisiin.

Walitti-qabaan aanaa Kaargonee Anugiraah Pii, "makaa waan lamaaniiti," jedha.

Yakkamtoota tokko tokkoon qulqulleessuun adeemsa yeroo fudhatu waan ta'eef bakka hokkarriifi jeequmsi itti dhalatan mara deemuudhaan ijaarsawwan seeraan alaa diiguudhaan warra hokkara uumaniif barnoota kennuu dandeenyeerra," jechuun dubbata.

Haata'u malee, Sheek Muhaammad naannawaa isaanii haleellaa, hokkarriifi jeequmsi tokkollee akka hin turre dubbata.

"Ani ragaalee nama seeraan alaa akkan hin taaneefi abbaa-qabeenyaa kan agarsiisu hayyama qaba. Hata'u malee, poolisoonni eessaayyu dhufan ana dhaga'uudhaaf hayyamamoo waan hin taaneef mana kiyya narraa fudhatan," jedha.

Ogeessonnis gochi kutaa bulchiinsa biyyattii kanaa gaaffii akka isaan keessatti uume dubbatu. Seerota waan biroof yaadame fayyadamuun, nama tokko yakka raawwateera jedhanii adabuun hiika hin qabu jedha.

"Seera akka ittiin qabannaatti itti fayyadamu. Manneen kun walitti bu'insa duras seeraan-ala turan. Mootummaan tarkaanfii haaloo ba'uudhaan manneen diigaa jira. Kun ammoo adeemsa haqaa mara diiguudha," jetti hayyuun Siyaasaa Rahaal Vermaan.

Poolisiin namoota haleellaa raawwataniiru jedheef akeekkachiisa kennuu himullee yoo xiqqaate maatiin sadii BBCn dubbise kana waakkataniiru.

Dabalataan akka seera kutaa bulchiinsichaatti ykn mana qopheessaa koroporeeshinii Maadihiyyaa Piraadeshi bara 1956tti, himatamaan adabbii akka kaffaluuf gaafachuu labsiiwwan kan jiran yoo ta'u, kanas aanga'oonni dura itti fayyadamuu danda'u jedha Waarsiin.

"Mana diiguun filannoo isa dhumaati jedhamee yaadama."

Haata'u malee, kutaan bulchiinsa Madihiyaa Piraadesh mala kanaan haqni akka jiraatu taasisuu jechuun itti fayyadamuun isaa kun kan jalqabaa miti. Mootummaan kanaan dura mana namoota yakka gudeeddii raawwachuun himataman, wanbadeewwaniifi kanneen yakka biroo raawwatan adabuuf manneen diiganiiru.

"Nuti ilaalaa kan jirru Utaar Piraadesh keessatti siyaasa taphatamedha. Yeroo ammaa Moodelii Yuupii jedhamu kutaawwan bulchiinsaa biroo keessatti hojiirra oolfamaa jira," kan jedhu Vermaan, "Kaayyoon isaa bu'uura BJP kan ta'e Hinduutiivaa (sabboonummaa Hinduu cimaa) gammachiisuudha."

Utaar Piraadesh keessatti bulchaa sobboonaa Hinduu kan ta'e Yoogii Adiitiyaant kutaa bulchiinsichaa keessatti yakka balleessuudhaaf kan kaayyeffataniifi monoksee ergama qaban godhee nama of ilaaludha.

Mootummaan isaa yeroo yerootti mana warra yakkamtoota jedhee waan diiguuf kana irraa ka'uudhaan "Abbaa Buldoozaraa" ykn "Monoksee Buldoozaraa" maqaan jedhu akka kennamuuf ta'eera.

Bulchitoonni Maadihiyyaa Piraadeshis Immaammaa Buldoozar ykn Eessumee Buldoozar maqaa jedhu argataniiru.

Kutaaleen bulchiinsaa lamaanuu seerota jaalala amantiiwwan gidduu jiru mormaniifi mootummaan meeshaalee mormitootaan miidhaman deebisuudhaaf seera falmsiisaa qabeenya dhaaluu dabalatee imaammatawwan farra Musliimaan moggaafaman baasuudhaan beekamu.