Seera Indiyaa gaa’ela namoota amantii garaagaraa qabanii yaaddesse

Madda suuraa, EPA
Waggaa waggaatti jaalalleewwan amantii garaagaraa qaban 1,000 garee deeggarsaa Deelhii jirurraa gargaarsa argatu.
Jaalalleewwan amantii Hinduu fi Musliimaa maatiin isaanii wal-fuusisuu didan tajaajila deeggarsaa argachuuf garee deeggarsa kennuufi Dhaanaak jedhamu bira dhufu.
Kanneen umriinsaanii 20-30 ta'an akka maatii isaanitti haasa’aniifi deeggarsa seeraa argatan garee kana gaafatu.
Jaalalleewwan Dhaanaak dhufan keessaa dubartoonni Hinduu harka 52 dhiira Musliimaatti heerumuuf kanyaadan, harki 42 immoo dhiirota Hinduutti heerumuuf fedhii kan qabani dha.
‘’Maatiin Musliimaa fi Hinduu gaa’ela namoota amantii kana qaban gidduutti godhamu jabeessanii balaalleefatu,’’ jedhu Asiif Iqbaal hundeessaan Dhaanaak.
‘’Gaa’ela akkasii dhaabsiisuudhaaf waan hunda godhu. Maatiin gaa’ela kana dhaabsisuuf maqaa ijoollee isaanii xureessuufaa danda’u."
Dhimmi Jihaada-jaalalaa jedhamu immoo hariiroo akkanaa cabsuuf haleellaa banamedha jedha Asiif Iqbaal.
Gaaleen ‘jihaada jaalalaa’ jedhu kan gareen finxaaleeyyii amantii Hinduu itti fayyadaman yoo ta'u, Musliimotni sababa fuudhaan dubartoota Hinduu amantii geeddarsiisaa jiru jechuun kan ittiin himatani dha.
Kuni immoo gaa’ela amantii garaagaraa gidduutti taasifamu miidhaa jira.
Torbee lama dura naannoo Ataar Piraadesh keessatti hordofaan amantii Musliimaa dubartii Hinduu tokko Islaamatti geeddaruuf yaale jedhamuun hidhamee ture.
Ammatti yoo xiqqaate naannolee biyyattii afur biroo kan paartii sabboontota warra Hinduu Bahaaraatiyaa Janaataan bulan keessatti seerri fuudha akkanaa dhorku bahuufi.
Dubbii himaan paartii kanaa ‘seerichi gowwomsaa maqaa fuudhaan raawwatamu hambisuuf barbachisa,’ jedhan.
Seerri lammilee biyyattii gaa'ela akkasii qaban ykn fuulduraaf yaadan yaaddeseera.
‘’Yeroo dhiirri Hinduu dubartii Musliimaa fuudhu jaalatamaa fi fudhatama kan qabudha, yeroo garagaltoonsaa uumamu garuu akka cunqursaatti ilaalama,’’ jedha Chaaruu Guptaa Yunivarsitii Deelihii irraa kan ‘’jette jettee jihaada jaalalaa,’’ irratti qorannoo hojjete.
Hawaasa Indiyaa keessatti jaalalli ammallee dhimma jabaa fi balaa qabu hin baratamne dha.
Indiyaa keessatti gaa’elli harka 90 ol jaarsummaan kan raawwatamu dha. Namoonni amantii garagaraa qaban wal fuudhuun harka lama qofa.
Dargaggoonni magaalaa xixiqqoo dhiibbaa jaarraa meeqaa cabsuutti jiru. Kanaaf immoo miidiyaaleen hawaasaa shoora qabu. Isa durii caalaa dargaggoonni baay’inaan jaalalaan qabamaa jiru.

Madda suuraa, India Love Project
Balaaleffannaan gaa’ela amantiiwwan garaagaraa gidduu taasifamu seenaa hin galmaa’in qaba.
Yeroo dhihoo as dhimmi ‘jihaada jaalalaa’ duula filannoon dura waan hafarfamaa jiru taheera.
‘’Dubartiin Hinduu dhiirota Musliimaan butamte jechuudhaa hanga gudeeddii, gaa’ela dirqama fi Islaamatti geeddaruu kan jedhu ture,'' ololli fi jette jetteen warra amantii Hinduu fiinxaleessaniin hoofamaa ture jedhu pirofeesar Guptaan.
Dhiirota Musliimaa akkas godhantu jira kan jedhu qofa hin turre dubbiin. Akka addunyaatti dubartoota Hinduu gara Musliimaatti hawwachuu jette jettee jedhutu jira.
Kanaaf jecha dhiiroti Musliimaa dubartoota HInduuf wayyaa fi konkolaataa akka bitaniif maallaqa alaa argatu jedhu.
Dubbii himaan paartii BJP Ataar Pardeesh ‘’kuni duula dubartoota Hinduu Musliima gochuuf jihaada jaalalaa adeemsifamu dha,'' jedhan.
Kuni hunduu maqaa dubartootaan duula amantii fi siyaasa irratti taasifamudha jedhan Piroofeesar Guuptaan.
Duula Jihaada jaalalaa kan duriifi kan ammaa jidduu wal fakkeenya guddootu jira jedhu hayyoonni kunneen.
Haa tahu malee, yeroo ammaa duulli kun BJP ijaa durfamuuf jabaateera jedhan.
''Kana dura paartiin idilee gatii hin turreef muddamni akkasii hin uumamu ture. Yeroo ammaa kana ijoo dubbii dha, mootummaanis dhimma kana keessa galaa jira.
''Miidiyaa hawaasaa fi tajaajilla ergaa gabaabaa fayyadamuun dhiiroti dirqamaan dubartoota Hinduu maqaa jaalalaan amantii Musliimaatti geeddarsiisaa jiru ololli jedhu ni adeemsifama,’’ jedhu Piroofeesara Guptaan.
Namoonni baay'een akka jedhanitti yeroo jaalalleewwan gaa’ela amantii raawwachuu kan barbaadan seera gaa’elaa namootni amantii garaagaraa qaban dursanii akka beeksisan dirqisiisa, yeroo kana gidduutti immoo maatiin gidduu seenuun gaa’elli akka hin raawwatamne taasisu.
Seera haaraa baasuun jaalaleewwaan gaa'ela filannoo irratti hundaa’e taasisan daangessuun, aadaa sodaa uumuun maatii fi qondaaloti dargaggoota akka doorsisan taasisa.
Karaa biraan immoo dargaggoonni baay'een gosaa fi amantii cabsuun wal jaalachaa maatii isaaniirra adda bahaa jiru.
Namoonni baay'een yeroo gaa’ela akkasii jajjabeessaa hin jirre kanatti iddoowwan tajaajila dahannoo kennan taa’aati jiru.
'’Jaalallii wal-xaxaa dha akkasuma Indiyaanis,'' jedhu Iqbaal.









