Misirroonni Indiyaa sababa suura cidhaa isaaniif arrabsoon itti duulame maal jedhan?

Lekshmi fi Hrushi Karthik yeroo cidha isaaniirratti suura ka'an

Madda suuraa, Akhil Karthikeyan

Misirroowwan dargaggoo Indiyaa lama erga suuraan cidhaa isaanii miidiyaa hawaasaarra hedduu qoodameefi arrabsoon itti roobus suuraalee kunneen hin balleessinu, yoo balleessine warra nu arrabsetti harka laachuudha jechuun BBC’tti himan.

Suuraaleen kunneen Leekshimiifi Hiruushiin kolfaa, uffata sireen xaxamanii wal-hammachaa akkasumas maasii omisha baala shayee keessa yoo wal-ari’an mul’isu.

Lameen tibbana sirna cidhaa xiqqaan gaa’ela hundeessan kunneen cidhicha booda suuraa ka’uuf kan murteessine sagnataa guddaa nuuf ta’uu malu waan hin arganneef suuraaleen kun yaadannoof akka nuuf ta’aniifi jedhu.

‘‘Maatiitu wal nubarsiisee wal-jaalannee gaa’ela hundeessine’’ jechuun dubbatu jarri kun.

Hiruushiin dhaabbata telekoomii tokko keessa yoo hojjatu, Leekshimiin ammoo dhiyeenya ogummaa ‘Elektiriikaal fi elektirooniik injinariingiin digrii jalqabaashee argatte.

Koroonaavaayiras dhufee karoorasaanii busheesse malee silaa cidha guddaa Eebla darbe keessa qopheessuuf saganteeffatanii turani.

Lekshmi fi Hrushi Karthik yeroo cidha isaaniirratti suura ka'an

Madda suuraa, Akhil Karthikeyan

Yeroo dheeraa eeguu waan nuffaniif Fulbaana 16’rra sagantaa xiqqoon mana kadhannaa magaalaa Kolaam jiru keessatti gaa’ela hundeessani.

‘‘Cidhichi, jette Leekshimiin, sababa dhorkii tureen nama muraasa qofatu irratti hirmaate malee cidhichi dansaa ture, poolisiin nama 50 qofa nuuf hayyame’’ jette.

Kanaafigaa lameen kun suuraa sirriitti yaadannoo ta’u ka’uuf kan murteessan. Hiruushiinis yaada kanaaf ta’u intarneeta gubbaa barbaachuun argate.

Hiriyaansaa ogeessa suuraa ta’e Akhiil Kaartikeeyaan suuraalee kana kaasuuf yeroo gabaabaa fudhachuu dubbata. Uffata siree hoteela keessa turanirraa ergifatani, bakka itti ka’an ammoo dhaabbata omisha baala shayeetu kenneefi.

‘‘Baay’ee gammadne. Hedduu kolfaa turre. Gammachuu keessa turre. Qaama sagantaa bashannanaa chidha boodaa keenya waan ta’eefi namoota gaa’ela dhaabbate waan taaneef bilisummaan nutti dhaga’ame’’ jette Leekshimiin hagas rakkoo uuma jedhanii akka hin yaadne yoo ibsitu.

Rakkoon kan dhalate guyyoota muraasa booda Akhiil suuraa isaanii Feesbuuk gubbaa yoo maxxansu ture.

Suuraaleen kunneen arrabsoo kan akka: fokkotaa, safu-hin beeknee kan jedhu yoo argatan, gariin ammoo beeksisa koondomiif gaariidha kan jedhuufi maaliif kutaa keessa hin seentan kan jedhans jiru.

‘‘Jibba dhuma hin qabnetu guyyoota lamaaf nutti roobe’’ kan jettu Leekshimiin ishiif daran ulfaataa ta’uu dubbatti.

‘‘Anattimmoo inuma jabaate. Isa caalaa ana arrabsaa turani. Viidiyoo saal-qunnamtii irratti hojjadhu kan jedhuufi qaama kiyyas kan arrabsan turani.

Lekshmi fi Hrushi Karthik yeroo cidha isaaniirratti suura ka'an

Madda suuraa, Akhil Karthikeyan

Dubartoonnillee suuraalee dibata malee duraan ka’e waliin wal-bira qabaa, ‘‘Ilaalaa akka ittisheen fokkiftu’’ jechaa turani jette Leekshimiin.

Guyyoota muraasaan booda garuu, warra arrabaan isaan rakkisaniin afaan keessan qabadhaa kan jedhaniifi suuraalee sunneen dinqisiifachuun mirroowwan kun warra

Dubartiin tokkos misirroowwan harka waan wal-qabataniif jecha arrabsoon itti robe yaadachuun, warri Kaartikii tuffiin bira darbuun jireenyasaaniitti akka gammaduu itti fufan gorsite.

Misirroowwan kunneenis suuraalee kana akka hin balleessine dubbatu.

Lekshmi fi Hrushi Karthik yeroo cidha isaaniirratti suura ka'an

Madda suuraa, Akhil Karthikeyan

‘‘Yoo akkas goone, akka waan waa balleessineefi badii dalagne amanneetti fudhatu, garuu nuti omaayyuu hin balleessine, jalattis huccuu kaawwannee turree,’’ jetti Leekshimiin.

Itti dabaluunis ‘‘Jalqabarra nutti ulfaatee ture, amma garuu itti barreerra. Hawaasni akkas akka ta’eefi akkamiin akka jiraannu barreerra.’’ Jechuun dubbatte.