Bulli Bai: Appii dubartoota Musliimaa 'gurgurtaaf dhiyeesse' waliin walqabatee namni tokko to'atame

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Indiyaa Appii suuraawwaan dubartoota Musliimaa 100 ol ta'anii fudhachuun "gurgurtaaf kan dhiyaatan" jechuun maxxansee waliin walqabsiisee nama umuriin isaa waggaa 21 ta'e to'ate.
Namni to'atame kun barataa Injiinaringii magaalaa gara kibbaatti argamtu Baanaloor irraa yoo ta'u, eenyummaan isaa garuu ifa hin ta'iin jira.
Himannaawwan isarratti dhiyaatan ifa miti garuu Appii Bulli Bai jedhamu kan suuraawwan dubartoota Musliimaa irratti baasan kanaa garuu "itti dhiyeenyaan hordofa" jechuun poolisiin BBC Marathi'tti himeera.
Appiin dubartoota Musliimaa 'gurgurtaaf dhiyeesse' jedhame kun maal?
Indiyaatti Appiin tokko suuraawwan dubartoota Musliimaa 100 ol ta'an "gurgurtaaf" jechuun oonlaayiniin qooduu isaa hordofee poolisiin kutaaleen bulchiinsa biyyattii lama dhimmicha seeratti dhiyeessuuf galmeessuu beeksise.
Kanneen gocha kanaan himatamanis warreen Appicha tolchaniifi Tiwiitara suuraawwaniifi qabiyyee sana fuudhee dabarsedha.
Appiin maddi isaa banaa ta'e - Bulli Bai - marsariitii GitHub jedhu irratti kan dhiyaate yoo ta'u boodarra garuu kaafameera.
Indiyaa keessatti dubartoota Musliimaa karaa oonlaayinii "caal-baasiif" dhiyeessuu yaaluun salphisuun kun kan lammaffaa mudatedha.
Adoolessa keessa, Appiifi marsariitiin "Sulli Deals" jedhamu pirofaayilii dubartoota Musliimaa 80 ol ta'an suuraa isaan oonlaayinii gubbaatti fe'atan fudhachuun uumee - "gabaa guyyaa kanaaf kan dhiyaate" jechuun ibsanii ture.
Taatee lamaanuu keessatti, dhugaatti qabatamaan gurgurtaaf wanti dhiyaate hin turre - kaayyoon isaa suurawwan dhuunfaa isaanii qooduudhaan dubartoota Musliimaa salphisuufi qaanessuuf jedhameeti.
Sulli jecha arrabsoo afaan Hinduu keessa jiru kan leellistoonni Hinduu dubartoota Musliimaa ittiin xiqqeessuuf fayyadamanidha, akkasumas jechi "bulli" jedhus kan tuffii ittiin agarsiisanidha.
Gaazexeessituun Ismaat Aaraa, kan maqaafi suurri ishee Appii Bulli Bai irratti bahe dhuma torban darbee magaalaa Delhii keessatti poolisiitti iyyata galfatteetti.
Himannaan dhiyaate kun namoota maqaan adda hin ba'iin irratti yoo ta'u, miidhaa saal-qunnamtiin walqabateefi bu'uura amantaatiin jibbinsa babal'isuu kanneen jedhan of keessaa qaba.
Poolisiin Mumbaayis himannaa dubartii biroorraa Bulli Bai irratti dhiyaateen Tiwiitaroota baayyeefi kanneen Appii tolchan irratti himannaa lammaffaa banee jira.
Miidhaan kun dubartoota baayyee gaazexeessitoota, rogeessota, taatoo beekamuu Booliwuud keessa badhaasa mo'atan, akkasumas haadha shamarree bara 2016 keessa yunivarsiitii keessaa achi buuteen ishee dhabamee irratti kan xiyyeeffatedha.
Dubartoonni baayyeen suurawwan isaanii Appi Bulli Bai jedhamu kanarratti fe'ame dhum-torbee darbe kana Tiwiitara isaaniirratti akka barreessanitti "hedduu akka dhiphatan" fi "rifatan" ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Amma ji'a ja'aa boodallee, dhimma kan Sulli Deals irratti poolisiin nama tokkollee hin to'atiin jira.
Aadde Asraa Al Jazeera'tti akka himtetti, sirriitti duukaa bu'anii qorachuu dhabuun abdii namaaf hin kennu jette.
"Jarreen jibba baballisan kunneen dubartoota Musliimaarratti xiyyeeffachuun adabbiifi sodaa adabbiin nurra gaha jedhu tokko malee itti fufuu isaanii arguun hedduu nama gaddisiisa," jechuun komii qabdi barreessite.
Ministirri Odeeffannoofi Tekinooloojii Ashwini Vaishnaw Sanbata darbe akka jedhanitti GitHub fayyadamaa isa Appicha fe'ee ture uggureera jedhan.
Poolisiin ammoo "tarkaanfii dabalataaf" ejensiiwwan Saayibarii waliin tumsaa jiru jedhan.
Paartii Shiv Sena keessaa miseensa paarlaamaa kan ta'an Priyanka Chaturvedi, tiiwitaraan dhimma kanaaf akkas jechuun deebii kennan: "Ulaa akkasuu kana cufuurra darbanii warra fuulawwan akkasii uumuun yakka akkasii hojjetan adabuun barbaachisaadha."
Burqaa oduu ANI jedhamutti akka himanitti, Appiin haaraan ammaa kun kan uumameef sababii warri kanaan dura Sulli Deals tolchan hanga ammaa hin adabamiin jiraniifidha.
Kumishiniin Dubartootaa Biyyaalessaa Tiiwiitara irratti akka ibsanitti, dursaan komishinichaa komishinariin Poolisii Delhii dhimma kana ilaalchisuun tarkaanfii fudhatame "atattamaan akka beeksisuuf" gaafataniiru.
Ministirri dhimma biyya keessaa kutaa bulchiinsa Maharashtra Satej Patil, waltajjiiwwan akka GitHub "jibba gadi fagoo dubartootaaf qabaniif" qeeqaniiru.
Ministirichi mootummaan federaalaa qorannoo inni dhimma Sulli Deals irratti taasisaa jirus akka saffisuuf gaafateera.
Aministii Internaashinaal gabaasa dhimma miidhaa karaa oonlaaiyinii dubartootarra gahu ilaalchisuun bara 2018 keessa baaseen, dubartiin tokko hanguma cimaafi warra kaaniif sagalee ta'uun beekamaa dhufte irratti xiyyeeffftamaa deema jedhe.
Miidhaan kun ammoo dubartoota warra amantiin isaanii biyyattii keessatti lakkoofsaan muraasa ta'aniifi ilaalcha boodatti hafaan loogiin irratti taasifamurratti hammaata jedhe gabaasichi.
"Biirii dugdakoo keessa gubbaa qabee hanga gadiitti na dilallaa'e," jechuun dubartiin maqaan ishee tarree warra Sulli Deals keessatti argame keessaa taate Geeta Pandey yeroo sana BBCtti himte.
Arrabsoofi qoccolloon dubartoota Muslimaarratti ta'e jedhamee raawwatamu dirree siyaasaa Indiyaa gamaafi gamana ejjete keessatti baroota dhiyoo as daran hammaachaa dhufeera.
"Miidhaan xiyyeefftamee, karooraan taasifamu kun dubartoota Musliimaa baratanii yaada isaanii ibsataniifi warra jibba Islaamaa qaban (Islamophobia) mormuun dura dhaabbatanii dubbatanirraa yaalii maayikii fuudhuudha," jechuun BBCtti himte barreessituufi Indiyaatti dubbi himtiin Aministii Nazia Erum.














