Mirga Dubartootaa:Rogeeyyiin Indiyaa gudeeddiin gaa'ela keessaa akka yakkaatti akka ilaaalamuuf gaafatan

A protest in India against rape

Madda suuraa, Getty Images

Biyya olaantummaa dhiirotaan beekamtu Indiyaa keessatti gaa'illi akka qulqullummaatti ilaalama, dhiironni haadha warraa isaanii yoo gudeedan yakka miti.

Dhimma kanarratti murtiin manni murtii biyyattii tibbana labse ammoo dubbii kaaseera.

Rogeeyyiin biyyattii gudeeddiin gaa'ila keessaa yakka jedhamee akka lbasmu akka gaafatan karaa saaqeera.

Abbaan seeraa mana murtii olaanaa Chhattisgarh NK Chandravanshi Kamisa darbe akka labsetti, ''walquunnamtiin saalaa abbaa warraa waliin godhamu kamiyyuu, humnaanis yoo ta'e gudeeddii hin jedhamu,'' jedhe.

Dhaddacha dubbiin kun irratti muramterratti dubartiin iyyatte, ''abbaa warraakoo haala uumamaan ala ta'een quunnamtii saalaa na waliin raawwate, meeshaaleedhaan na gudeede,'' jechuun himatte.

Abbaan murtii kun namichi quunnamtii saalaa akkaataa uumamaan ala ta'een kan itti gaafatamu ta'uu himee, garuu gudeeddii isa jedhameef bilisa baaseera.

Murteen darbe kun miidiyaa hawaasummaarratti mufii guddaa kaasise, qorataa dhimma koorniyaa Kota Neelima dabalatee namoonni miidiyaa hawaasummaarratti, ''manni murtii yoom seenaa dubartootaaf gurra kennaa?'' jechuun gaafachuu itti fufan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Dhimmi gudeeddii gaa'ila keessaa kun miidiyaa hawaasaarratti qofa osoo hin taane damee seeraa biyyattii keessatti qoqqoodiinsa uumeera.

Torban muraasa dura manni murtii olaanaa bulchiinsa kibba biyyattii Kerala keesstti argamu, gudeeddiin gaa'ela keessaa sababa ijoo maatii diiguudha jedhee ture.

Abbootiin murtii Muhammad Mustaque fi Kawser Edappagath, ''Abbaan warraa qixa sirna hin qabneen haadha warraasaa kan xiqqeessu yoo ta'e akka yakka gudeeddiitti ilaalamuu qaba, adabbiis argachuu qaba. Hin adabamu taanaan yakki kun gara miidhaa qaamaa fi sammuutti guddataa deema,'' jedhan.

Gudeeddiin gaa'ila keessaa kan mudatu wayita abbaan manaa qaamni haadha waraasaa akka waan kansaa ta'eettti ilaaluu jalqabeedha jedhan.

Kunimmoo sirna haqaa yeroo ammaa keessatti bakk akka hin qabnes himan.

Sirna gaa'elaa Indiyaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaa keessatti gaa'ela jechuun akka qulqullummaatti ilaalama

Indiyaa keessatti walquunnamtiin gaa'ela keessaa, waan fedhe yoo ta'eyyuu, yakka gudeeddii akka hin taane kan labsame bara biyyattiin kolonii Biriteen jala turtedha.

Ergasii garuu Biriteen dabalatee biyyoonni addunyaa 100 caalan seera kana haqaniiru, Indiyaa dabalatee biyyoonni 36 ammoo seericha qabatanii jiru.

Sababa kanaaf dubartoota Indiyaa gaa'ela godhatan keessaa dhibbeentaa 31 kan ta'an dhiibbaa saalaa, qaamaa fi xiinsammuuf saaxilamuu ibsa bu'aan qorannoo mootummaan gaggeesse.

Yuuniversitii Warwick fi Delhiitti Pirofeesara duraanii seeraa kan ta'an Professor Upendra Baxi, seerri gudeeddii gaa'ela keessaa kun haqamuu qaba jedhan.

Indiyaan waggoota darban keessa miidhaa saalaa fi kaan dubartootarra ga'u qolachuu keessatti fooyya'iinsa gaarii argamsiisteetti kan jedhan namni kun, garuu gudeeddii gaa'ela keessaa kanarratti homaa hin hojjetamne jedhe.

Mootummaan seera gaa'elaa kana haquun hariiroo dhirsaa fi niitii ''jeeqa'' jechuun falma, yoo seerri kun jijjiirame dubartoonni dhiirota dararuuf itti fayyadamu jedha.

Yeroo dhiyoo as dubartoonni mufatanii fi abbootiin seeraa mootummaan Indiyaa maaliif seera kanatti cichee akka haferratti gaaffii kaasuu ittuma fufan.

Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii, Hiyuuman Raayitis Waach fi Amnastii Intarnaashinaal dhimmi kun akka isaan yaachisu ibsaniiru.

Abbootiin murtii hedduunis dhimmi kun paarlaamaatti dhiyaatee seerichi akka haqamu yaada qabu.

Dubartii Indiyaa hennaa dubattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaan biyyoota gudeeddiin gaa'ela keessaa seera qabeessa ta'e 36 keessa jirti

Falmituun mirga dubartootaa Aadde Neelimaa, seerri kun mirga dubartootaa kan sarbuu fi dhiirotaaf ammoo mirga addaa fi sirna hin qabne kan kennuudha jette.

"Indiyaan irra keessishee akka waan ammayyoofteeti. Duubishee garuu booddetti haftuudha. Dubartoonni ammallee akka qabeenya dhiirotaatti ilaalamu. Indiyaa keessatti gudeeddiin kan yakka ta'eef waan dubartiin miidhamteef osoo hin taane dubartiin qabeenya dhiiraa qofa jedhamee waan yaadamuufi.''

"Kun keessa seenanii sirreessuu gaafata. Yeroo keenya kanatti goolabamuu qaba. Rakkoon gaa'elaan walqabatu kun barrisaa dheeraadha. Nuti dhaloota egeree qofaaf miti kan qabsaa'aa jirru. Seenaa dabe sirreessuun ammuma.''