Indiyaa: Surree jilbarraan ciccite faashinii jedhanii uffachuun mufii kaase

Madda suuraa, Getty Images
Gosti huccuu warshaa Denim dargaggootaa fi shamarran indiyaa biratti daran kan beekamu yoo ta'u, irra jireessaan shamarran yeroo baayyee surree jilbaa fi sarbaa irraan ciccitaa ta'e uffatanii deemu.
Surree ciccitaa ta'e akka faashinaatti fayyadamuun jilbaa fi sarbaa ofii mul'isaa deemuun ammoo biyyattii keessatti mufii cimaa kaasiseera.
Kanneen akkaan mufatan keessaa tokko bulchaa Kaaba Indiyaa bulchiinsa Uttarakhand kan ta'an Tirath Singh Rawat dha.
Aab Rawat ''jiinsii ciccitaa'' namoota uffatan irratti komii kaasuu kan eegalan jalqaba torbee kanaatti ture, ilaalchisaanii kun ammoo dargaggoota hedduuf hin liqimfamne.
Waltajjii Komishiniin Mirga Daa'immanii biyyattii qopheesse irratti kan dubbatan qondalli kun, dubartii xiyyaaraan waliin imalan tokko sababa uffata kanaa qeeqanii akka waldhaban himan, maqaa dubartii kanaa garuu hin eerre.
''Dubartiin kun ijoolleeshee lama qabattee imalaa turte. Kophee olka'aa fi kofoo gabaabduu jilbarraan ciccittuu taate uffatti.
Ati NGO hoogganta, garuummoo surree ciccitaa uffattee hawaasa keessa naannofta, daa'imman kee siwaliin jiru, mee isaan maal sirraa baratu?'' jechuun waan arganii fi waan ishee gaafatan dubbatan.
Osoo uffata nagaa uffachuu danda'anii uffata ciccitaa uffatanii deemuun badii qaba kan jedhan qondaalli kun maatiin ijoolleesaanii, keessattuu shamarran, akka huccuu akkasii uffatan hayyamuu hin qaban jedhan.
Aab Rawat lammiileen Indiyaa aadaa fi safuu cabsuun gara qullaa deemuutti deemaa jiru jechuun komiin isaan kaasan lammiilee biyyattii hedduu biratti mormii kaaseera.
Aab Rawat miseensa paartii biyya bulchaa jiruu kan Naarendiraa Moodiin hoogganamuuti, paartiin mormituu ammoo qondaalli kun yaada akkanaa kennuusaaniif dubartoota Indiyaa mara dhiifama gaafachuu qabu, yookiin aangoo gadi haa dhiisan jedhe.
Dura taa'aan paartii Kongireesii (paartii mormituu) Priyanka Gandhi Vadra suuraa ministira muummee Naarendiraa Moodii fi kaabinee isaanii tokko kan jilbi isaanii mul'atu miidiyaa hawaasummaarratti maxxansuun qeeqan.

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Dureen Komishinii Dubartootaa Delhii Swati Maliwal Aab Rawar dubbii jibbiinsa dubartootaa of keessaa qabu waan facaasaniif jechuun himatan, kanas twitter isaaniirratti maxxansan.

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Yaada qondaalli kun kennan booda dubartoonni hedduun suuraa uffata ciccitaa jilbasaanii fi sarbaasaanii mul'isu uffachuun ka'an tiwiitara irratti maxxansuu eegalan.

Tirath Singh Rawat uffata cicciteef falmuurra diinagdee ciccitee fi nageenyummaa hawaasaaf dhaabbachuu qabu kan jedhanis jiru.

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3

Aab Rawatb gamasaaniin yaada kana kan kennan nama mufachiisuuf itti yaadanii akka hin taane himuun yoon nama mufachiise dhiifama jedhan.
Duratti waa'ee uffataatiin dargaggootaa fi shamarran qeeqaa kan turan, ammammoo namuu akka fedhetti waan fedhe uffachuuf mirga qaba jedhan.


Madda suuraa, Gotham

Warshaan huccuu gosa Denim Indiyaa keessatti beekamtii guddaa argatee kan ture bara 1980 yoo ta'e ergasii uffata filannoo jalqabaa ta'eera.
Keessattuu dargaggootaan baayyee jaal'atama.
Gabaan Denim yeroo ammaa doolaara biiliyoona 4 sochoosa, bara 2028tti ammoo gara doolaaraa biiliyoona 12.6tti guddachuuf karoora qaba.
Huccuun Denim kan akka faashiniitti ciccitaa ta'ee oomishamu akkaan beekamaa fi jaal'atamaa ta'ee jira, namoota Booliiwuud keessatti fiilmii hojjechuun beekamanirraa hanga namoota bebbeekamoo darbees hanga namoota kaaniitti baay'ee jaal'atama.















