Indiyaatti dubartoonni paadii gahaa waan hin qabneef laguusaanii to'achuuf uffata moofaa, baala fi biyyeetti fayyadamu

Madda suuraa, Niiraaj Geeraa
Indiyaa keessatti dubartoota laguun itti dhufe irra qoolliffannaan adda addaa gaha. Waggoota hedduuf biyattii kessatti akka safuu fi qulqulluu ta'uu dhabutti ilaalamaa ture.
Isaanis qophiilee hawaasummaa fi amantiirraa ni dhoorkamu. Manneen amantii seenuu mitii kutaa nyaanni itti bilcheeffamu seenuu hin danda'an.
Guyyaa laguu addunyaa sababeeffachuun ogeessi suuraa Niraaj Geeraa laguun kennaa uumamaa malee waan itti qaana'an akka hin taane suuraasaatiin ibsuuf yaalera.
Hanqinna odeeffannoo waa'ee laguurratti jirurraa kan ka'e Indiyaa keessatti dubartoonni umuriinsaanii gahe %71 ta'an hamma isaan mudatutti waa'ee laguu wanti isaan beekan hin jiru.
Namoonni haalicharratti jijjiirama fiduuf hojjatan maatii ijoollee durbaasaanii laguudhaaf akka of qopheessaniif hin hojjatan jedhu. Qophii ta'uu dhabuun kunis sodaa jalaa bahuu hin dandeenyeef isaan saaxileera.
Rakkoon biraa immoo yeroo laguunsaanii dhufu paadii argachuu dhabuudha.
Namoonni haala kanarratti hojjataa jiran omishaaleen laguudhaaf oolan gatiinsaanii mi'aa ta'uu hin qabu akkasumas haala salphaadhaan argamuu qabu jedhu.
Isaanis bara 2018 gibira mootummaa omishaalee kanneen irra kaa'eeru mormii heddu booda %12 irraa akka kaasu godhaniiru.
Ta'us garuu %12 isaan mootummaan akka kaasu godhan tarkaanfii jalqabaa malee isa dhumaa miti. Dubartoonni biyyattiin hunduu omishaalee qulqullinnasaanii ittii eeggatan argachuuf mirga guutuu argachuu qabu.

Madda suuraa, Niiraaj Geeraa
Akka qorannoo tokkootti dubartoota Indiyaa keessaa dubartoonni paadii fayyadaman %36 qofadha. Isaan kaan immoo laguusaanii to'achuuf huccuu moofaa, baala, daaraa fi biyyeetti fayyadamu. Isaan kunneen immoo wantoota lubbuusaan irratti balaa uumuu danda'aniidha.
Ogeeyyiin fayyaa sammuu immoo weerarri koronaavaayiras kun haalichi Indiyaa keessatti akka hammaatu taasiseera. Biyyattiin uggura keessa jiraachuun immoo omishaalee fi dhiheessii qulqullinnaarraatti dhiibbaa guddaa uumeera jedhu.
Dhugaa hiyyummaan dubartoota indiyaa qofatti kan miidhu.
Akka gabaasa dhaabbata tola ooltummaarratti hojjatu kan 'Plan International UK' jedhamutti dubartoota umuriinsaanii 21 gad jiran 10 keessa 1 laguusheetiif wantoota qulqulluu hin taane akka gaazexaa, sooftii fi kaalsiitti fayyadamu.
Umurii ijoollummaa jalqabe shamarran dhukkubbii fi sodaadhaan jiraatu. Yeroo tokko tokko shamarree gargaarsa qaamaa fi xiin-sammuu sababa laguurra jirtuuf gaafattu baay'ee muraasa.
Yeroo dhihoo as garuu dubartoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waa'ee laguu mari'achuu jalqabaniiru.
Ta'us garuu bilisummaan kun gaaffii keessa gala. Dubartoonni muxannoosaanii qoodan immoo doorsisni adda addaa irra gaha.
"Yeroo qaaniidhaan akka hin dubbannu isaan goonu miti. Dhukkubbiisaaniirra akka irra aanaaniif bilisummaa fi beekumsa kennaafii. Namoota jiddutti hubannoo uumuu fi ilaalchi gaariin akka jiraatuuf miidiyaa hawaasummaan humna guddaa qaba," jedha Obbo Geeraan.

Madda suuraa, Niiraaj Geeraa
Maatiin Indiyaa miiliyoonotaan laakkama'an qarshii paadii itti bitatan kennuu maatii hin dandeenyeedha.
Suuraa gubbaa kanarratti intalli hojii guyyuutiin jiraattu tun paadii bitachuu barbaaddi jedha Niraaj. Maatiishee qarshii ittiin bitattu gaaffachuufuu baay'ee qaanoftee jirti.
Ogeessi suuraa kun dubartoonni fi shamarran hundi paadii akka argataniif hojii tola ooltummaa hojjataa jira.

Madda suuraa, Niiraaj Geeraa
Akka qorannoon bara 2014 taasifame mul'isutti waggaa waggaadhaan Indiyaa keessatti dubartoonni miiliyoona 23'tti dhiyaatan sababa laguusaaniitiin barnoota addaan kutu.
Namoonni haala jiru fooyyeessuf hojjatan akka jedhanitti sababni guddaan hanqina mana fincaanii qulqulluu fi paadii argachuu dhabuuti jedhan.
Sodaan inni biraa immoo laguunsaanii uffatasaanii tuqee hirriyyootasaaniitii itti kolfamuudha.
Dubartoonni hedduunsaanii laguu akka xuriitti ilaalu. Laguunis sochiilee hawaasummaa fi aadaarraatti akka hin hirmaannee isaan taasisa.

Madda suuraa, Niraaj Geeraa
"Laguun marsaa uumamaa akka ta'e beekuu qabna. Laguus iccitii goonee qabachuu hin qabnu. Laguun uumama ta'uu beeknee qaanii jiru balleessuu qabna," jedhe.
"Yoo waliin dubbanne haalota amma jiru jijjiiruu dandeenya."












