Garee beektota Musliimaa Keep Taawon yakkarraa qulqulleessaa jiran

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Gareen beektota Islaamaa Afriikaa Kibbaa, ergama nageenya eegsisuu fudhatanii, waggoota sadan darbaniif kutaalee biyyattiitti garee qindaa'anii haleellaa raawwatanii fi qoricha sammuu hodoochu daldalaniin dararamaa jiran keessatti du'aayii gochaa barnoota kennaa jiru.
Kutaalee biyyattii gareen kun barnoota keessatti kennaa jiru keessaa tokko Manenberg jedhamti.
Ogeessi suuraa Shiraaz Mohammad waan daawwate suuraadhaan dabaalee haala kanaan ibseera.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Kamisa yeroo baay'ee gareen beektota Muslimaa kunneen gara magaalaa Keep Taawon bakka gareen qindaa'anii yakka raawwatan (gangs) argamanitti imaluun, goodaa keessa bakka namoonni baay'een walitti qabamanitti 'zikrii' yookiin kadhannaa fi galata galchuu raawwatu.
Sirna kadhannaa kanarratti Qur'aana qara'uu fi maqaa Rabbii faarsuutu raawwatama.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Waggoota sadan darban keessatti tibba kadhannaan sa'atii tokkoo fi walakkaaf gaggeeffamutti lolli garee qindaa'anii yakka raawwatan gidduutti mudatee hin beeku, hunduu nagaadha jedhu qindeessitoonni sirna kanaa.
Yeroo baay'ee namoota 100 hanga 400tu hirmaatu.
Haleellaa korniyaadhaan qooduun raawwatamu hambisuu irratti kan xiyyeeffate sirni kadhannaa fi galataa (zikriin) guddaan tokkos raawwatamaa tureera, sirna kanarratti namoota nagaa 2000tu hirmaatu.
"Dhimmisaa waa'ee lakkoofsaa miti. wanti baay'ee nu gammachiisu haala rakkisaa kana keessatti waggoota sadan darbaniif walitti fufiinsaan zikrii gochuu keenya,'' jedhan qindeessaan sirnichaa Sheikh Mogamad Saalieg Isaacs.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Manenberg magaalaa bara 1960oota keessa mootummaa appaartaayidiin hundoofteedha.
Namoota galii gadi aanaa fi bifa adii hin taane qabaniif hundoofte jedhama.
Bara sana keessa warri adii lakkoofsaan muraasa ta'an, hawaasa humnaan bifaan qoqqoodaa turan. Ofiisaanii magaalota fooyyee qaban keessa jiraataa kaan ammoo moggaatti dhiibaa turan.
Magaalattii kana keessa namoota 52,000 ta'antu jiraatu. Magaalaan kiristaanota baay'inaan of keessaa qabdu kun balaa hoji dhabdummaa, hiyyummaa fi yakkoota garee qindaa'aniin raawwatamuun gidirfamaa yoona geesse.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Yeroo ammaa kana magaalaa Manenberg keessatti garee qindaa'anii haleellaa raawwatan gidduutti nageenyi waan bu'aa jiru fakkaata.
Haleellaan garee kanaan raawwatamu akkaan hammaataa ture, garuu erga sagantaan kadhannaa fi galataa garee Muslimoota biyyattiin eegalamee miirri nageenyaa bu'uu eegaleera.
Qindeessitoonni sagantaa zikrii (kadhannaa fi galataa), mootummaan xiyyeeffannaa guddaa kennuu dhabuurraa kan ka'e rakkoon nageenyaa naannawa kanaa waan furamu hin fakkaatu jechuun abdii kutannaa keessa turan.
Sheikh Isaacs akka jedhanitti dureewwan amantii garaagaraa gidduutti mariin rakkoo kana furuu irratti fuulleffate eegalamuun jalqabbii gaariidha.
''Yakki daangaa hin qabu, amantiis hin fooyu. Kanaaf dhimma lammii hundaati'' jedhan.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Zikriin hordoftoota amantii Islaamaan kan raawwatamu ta'ee, sagalee bareedaadhaan kan irra deddeebiin jedhamuudha.
Yeroo baay'ee aduun dhiitee hanga yeroon salaata Ishaa xumuramutti zikriin ni jedhama.
Jiraattonni Manenberg kanneen hordoftoota amantii Islaamaa hin taanellee gamoo keessa jiraatan keessa gadi ba'uun sirna zikrii kana jalqabaa hanga dhumaatti hordofu.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Namoota sagantaa zikrii Manenberg keessatti qopheessan keessa tokko kan ta'an Sheikh Sameeg Norodien uummata kadhannaaf ba'eef nyaata hojjetanii nyaachisaa turan.
Jiraattonni magaalaa Manenberg harka qalleeyyii waan ta'aniif erga sirna zikrii irratti hirmaatanii booda nyaata ho'aa achumaa argatanii nyaatu.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Aanga'oonni biyyattii, Maneberg naannawa balaafamtuu "red danger zone" ta'uushee kan labsan bara 2015 ture.
Yeroo dheeraaf, yoo humnootii nageenyaatiin hin eegamin, ambuulaansiin bakka kana geessee hin beektu.
Haata'u malee yeroo ammaa kana gareen sodaatamu kun as ba'ee hayyoota Muslimaaf waan irra taa'anii zikrii godhanii fi salaatan afuudhaan gargaaruu jiru, jedhan Seikh Isaacs.
''Bara 2018 fi 2019 gidduu yeroo nuti zikrii gochaa turre Manenberg keessatti yakki raawwatamu yeroo itti hir'ate qaba,'' jedhan.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Qindeessituun sagantaa zikrii kanaa nageenya buusuu keessatti qooda gumaachaniif poolisii Manenberg irraa badhaasa argataniiru.
Karoorri yeroo gabaabaa qindeessitoota sirna kanaa, nageenyaa fi tasgabbii hawaasa Manenberg'f fiduu yoo ta'u, karoorri yeroo dheeraa ammoo aanga'oota mootummaa waliin ta'uun naannawa kana daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu fi jeequmsa garee qindaa'anii haleellaa raawwataniirraa bilisa gochuudha.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Sirna sagantaa zikrii kana keesatti daa'immanis hammatamaniiru.
Akka sirna kana keessa seenuun zikrii shaakalanii fi sammuu nagaa yaadu qabatanii akka guddataniif gorfamaniiru.
Daa'imman wayita guddatan gara daldala qoricha sammuu hadoochuu fi gara garee qindaa'anii yakka raawwatanii akka hin deemneef ammumarraa sammuu qulqulluu fi nagaa yaadu qabatanii akka guddatan gochuudha jedhu qindeessitoonni.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
Kamisa yeroo mara beektonni argamuun barnoota akka kennan affeeramu, kanneen keessaa tokko kan ta'an Sheikh Hasan Pandy argamuun waa'ee faayidaa haadhaa dubbachaa turan.
Namoonni dhiyaachuun barnoota kennan dhimma rakkoo hawaasa keessa jiru irratti waan dubbataniif uummata hundaan hordofamu.
Qindeessitoonni sagantaa kanaa beektota Muslimaa qofa osoo hin taane kan amantii kiristaanaas ni affeeru.
Kanaafuu hundatu dhaggeeffata, irraa barata.

Madda suuraa, BBC/Shiraaz Mohamed
"Sagantaan zikrii Manenberg tasgabbeesseera'' jedhan Sheikh Isaacs.
"Torbanitti yeroo tokko qofa qopheessina. Osoo guyyuu qopheessina ta'ee bu'aa caalutu argama. Garuu sababa hanqina dhiyeessiitiin kana gochuu hin dandeenye.''













