Siri Laankaan seera 'farra -Muslimaa' reeffi nama Covid-19n du’e akka gubamu ajaju geeddarte

Sri Lankan municipal cemetery workers dressed protective suits carry a coffin of a Covid-19 virus victim for cremation at Colombo, Sri Lanka. 21 December 2020.

Madda suuraa, Getty Images

Siri Laankaan ajaja falmisiisaa reeffi namoota Covidn du’e hundi akka gubamu dirqamsiisuuf baaste geeddarte.

Qeeqxonni akka jedhanitti, ajajni kun gartuu hawaasa lakkoofsi isaanii biyyattii kessatti muraasa ta’erratti kan qiyyaafate ta’uu eeruun, amantii kabaja dhowwata jedhanii himataa turan.

Amantii Islaamaa keessatti reeffa gubuun dhorkaadha.

Mootummaan biyyattii garuu reeffa awwaaluun bishaan lafa keessaa faala jedha.

Dambiin reeffa gubuu ajaju geeddaramuun kan dhaga’ame garuu Ministirri Muummee Paakistaan Imraan Khaan biyyattii erga daawwatanii boodadha.

Maddeen naannichaa BBCtti akka himanitti, Siri Laankaan yaa’ii UNHCR irratti deeggarsa Paakistaan gaafatte.

Korri UNHCR dhimma muslimoota biyyattii keessa jiraatanii dabalatee, sarbamiinsa mirgaa Siri Laankaa keessatti hammaate ilaalchisuun murtoo haaraa akka dabarsutu eegamaa jira.

Siri Laankaan namoota mirga namoomaa sarban akka qabdee seeratti dhiyeessitu fi namoota walwaraansa ganna 26’f ture keessatti midhamaniif haqa akka kennituuf gaafatamaa turte.

Wal waraansa biyyattii keessa tureen yoo xiqqaate namoonni 100,000 ajjeefamaniiru, harki caalaan namoota ajjeefamanii hawaasa lakkoofsan Siri Laankaatti muraasa ta’e Tamil jedhaman keessaa bahan.

Siri Laankaan himannaa irratti dhiyaatu kana jabeessite haaluun, biyyoonni miseensota UNHCR akka murtoo irratti dabarfamu hin deeggarre gaafatti.

Ajaja reeffi namoota du’anii akka gubamu biyyattiin baafte UNHCR dabalatee gartuleen mirgaaf falman biroos biyyattii qeeqaa turan.

Gartuun dhaabbilee mirgaaf falman biyyattiin mirga hordoftoota amantii Kaatolikii, Islaamaa fi Budizimii kabajuu dadhabdee jedhanii qeequ.

Mootummaan biyyattii garuu nama du’e awwaaluun bishaan lafa keessaa faala jechuun falma.

Hoggantoonni amantii fi siyaasaammoo, biyyoonni 190 namni yoo du’e akka awwaalamu ni eeyyamu jechuun gaaffii kaaasu.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhimma walfalmii kaase kana gara mana murtiin akka ijibbaatan gorse, Taatullee galmeen himannaa dhimma kanarratti saaqame ibsi otoo irratti hin kennamiin haqameera.

Daa’imni Muslimni guyyaa 20 tti du’e dirqiin reeffisaa akka gubatu taasifamu hordofee falmiin hawaasa biyyattii giddutti jabaatera.