Amantii: Seerri Firaansi Muslimaa irratti baasuuf jettu maalidhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakroon 'warra Islaamaa Foxxoquuf' jedhan ittisuudhaafi duudhaalee amantii eegsisuu ni dandeessisa kan jedhame seera cimaa baasuuf akka karoorfame beeksisan.
Haasaa isaanii hawwiin eegamaa tureen Pirezidaantichi, hawaasni Musliimaa muraasa ta'eefi miliyoona ja'atti tilmaamamu hawaasa biraarraa adda bahanii 'hawaasa mormituu' hundeessuun balaadha jedhan.
Haaluma kanaan wixine seeraa kana ittisuudhaaf baheen, manneen barnootaafi masgiidotaaf gargaarsa biyya alaarraa taasifamu to'achuun keessatti argama.
Haata'u malee, namoonni tokko tokko Pirezidaantichi Musliimota Firaansi keessa jiran hacuucuuf yaalaa jiru jechuun komataniiru.
Akkaataa seera amantii Firaansiin mootummaan dhimma amantii keessa akka hin galle seeraan ni dhorka.
Seerri kun amantii kamiyyu ta'e hordoftoonni amantii gara garaa seera duratti walqixa jedha.
Firaansi biyyoota Awurooppaa Lixaatti argaman keessaa biyya hawaasa musliimni hedduun keessa jiraatudha.
Kana waan ta'eef, namoonni hedduun mootummaan Musliimota xiyyeeffannoo keessa galchuuf jecha amantii dahoo godhateera jechuun komii qaban dubbatu.
Kanaaf ammoo akka fakkeenyaatti kan kaasuun eeran hijaaba fuula haguugu uffachuu dhorkaadha.
Pirezidaantichi haasaa Jimaata darbe taasisaniin, "Foxxoqtoonni Islaamummaa Firaansiif balaadha, sababiin isaas seera mataa isaa waan qabuuf yeroo baayyee hawaasni mormituu ta'e akka uumamu taasisa," jedhan.
Pirezidaantichi adda bahuun akkasii kun ammoo daa'imman mana barumsaa akka hin deemne gochuu, bakkawwan akka ispoortii, aadaafi sochiiwwan hawaasaa biroo ala isaan taasisa jedhan.
Haaluma kanaan, yaadawwan wixinee seera baasuudhaaf pirezidaantichi dhiyeessan dhimma bara kanaa mana mareef akka dhiyaatus ibsameera.
Yaadawwan wixinee dhiyaan ammoo dhimmoota itti aanan kan qabatedha.
- Dhaabbileen ispoortiifi waldaaleen biroo bakka Islaamummaa itti barsiisan akka hin taane to'achuu
- Sirni imaamota biyya alaatii dhufan [gaggeessitoota amantaa] akka Firaansi seenan hayyamu gahuu qaba.
- Deegarsawwan masgiidotaaf taasifaman to'achuu
- Barnoota mana keessatti kennamu daangessuu

Madda suuraa, AFP
Dhimma kana irratti gaggeessitoota amantaafi hayyoota waliin ji'ootaaf mariin irratti taasifamaa turuun ibsameera.
Firaansi hawaasa godaandaniif deeggarsa dinagdeefi hawaasummaa kernnuuf akka hojjetu ibsuudhaan, kun ammoo qaawwa jiru akka duuchu Pirezedaantichi dubbataniiru.
Dubbii Imaanu'eel Maakroon kana namoonni baayyeen filannoo pirezedaantummaa bara 2022 keessa gaggeeffamuuf jiruuf dursee sagalee warra sabboontotaa argachuuf taasifamedha jedhu.
Musliimonni tokko tokko ammoo yaada wixinee Pirezedaantichi dhiyeessan kana irratti haarii qaban ibsaniiru.
Falmaan mirgoota namoomaa Firaansi Yaaser Loowutii fuula tiwiiteraa irratti: "Musliimota hacuucuun yaaddoo ture, amma garuu abdii ta'eera," jechuun barreesseera.














