Haleellaa boombii masjiida Paakistaan mudateen yoo xiqqaate namoonni 30'ni du'an

Dhohiinsi kun foddaa fi balbala masjiidaa caccabsuun namoota masjiida keessa jiran irraan miidhaa cimaa geessise

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dhohiinsi kun foddaa fi balbala masjiidaa caccabsuun namoota masjiida keessa jiran irraan miidhaa cimaa geessise

Masjiida Shi'aa Kaaba-baha Paakistaan, bulchiinsa Peshawar keessatti argamu keessatti dhohiinsa boombii mudateen yoo xiqqaate namoonni 30 ta'an du'an, hedduun ammoo madaa'aniiru jedhe poolisiin.

Salaata jum'aa irratti warreen badanii balleessan boombii kana dhoosan jedhamaa jira, dhohiinsi kun namoota 50 caalan irraan miidhaa guddaa geessise.

Namoonni madaa'an hedduun haala yaaddessaa keessa jiru. Hanga ammaatti haleellaa kanaaf gareen itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Waldhibdee amantiirratti ka'uun dhiyeenya kana Paakistaan keessatti kumaatamni ajjeefamaniiru, hedduun namoota du'anii garee warra Shi'aa irraatti.

"Namni tokko gara masjiidaa seenuu isaan dura poolisoota lamatti wayita dhukaasu argeera. Battala muraasa booda ammoo dhohiinsa sagalee guddaan dhagahe,'' jechuun haala yeroo sana ture AFPtti hime Zahid Khan.

Erga haleelamee booda keessi masjiidichaa waan fakkaatu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Erga haleelamee booda keessi masjiidichaa waan fakkaatu

Dhohiinsi kun hamaa ta'uurraan kan ka'e foddaa fi balbala masjiidaa qilleensarraa kaasee gamoowwan ollaa jiranitti galche.

Jiraattonni naannoo reenfa namootaa lafarraa kaasuun, kanneen miidhaman konkolaataa fi doqdoqqeedhaan gara mana yaalaatti geessaa turan.

"Hospitaalotatti yaala yeroo balaa tasaa labsineerra,'' jedha dubbi himaan hospitaala Peshawar's Lady Reading Muhammad Asim Khan.

Hanga ammaatti reenfa namoota 30 caalanii hospitaala galuus hime.