Afgaanistaan: Dhohiinsi Masjiida Afgaanistaanitti mudate yoo xiqqaate namoota 37 galaafate

Dhohiinsa balaa masjiidarraan ga'e booda haala jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Dhohiinsi Kibba Kandahaa, erga dhohiinsi walfakkaataan masjiida kaaba magaalaa Kunduz'tti mudatee torbee tokko booda mudate

Afgaanistaan, magaalaa Kandahaar keessatti Masjiida argamutti dhohiinsa salaata jumaarratti mudateen namoonni 37 caalan du'anii, 90 kan ta'an ammoo madaa'an.

Suuraan Msjiida Bibi Fatima keessaa ba'aa jiru foddaa fi balbala masjiidichaa barbadaa'ee fi reenfa namootaa lafarratti kukkufe, muslimoonni kaan ammoo wayita lafaa kaasan agarsiisa.

Sababi balaa kanaa ammatti hin beekamne, yakki boombiidhaan badanii balleessuu garuu eegamaa ture.

Namoonni ijaan argan dhohiinsi sadi-tokko balbala duraa, kaan ammoo iddoo namoonni itti dhiqatanitti mudachuu himan.

Gaazexeessaan AFP yoo xiqqaatee ambuulaansonni 15 bakka sana akka turan hime.

Humnoonni addaa Taalibaan bakkicha tasgabbeessanii nageenya mirkaneessuu himan, namoota miidhamanii dhiigi akka arjoomamus gaafatan jechuun Rooyitarsi gabaase.

Gabaasaan BBC Afgaanistaan jiru Secunder Kermani gareen IS damee Afgaanistaan, IS-K, jedhamu haleellaa kana raawwachuusaa dhugaa baha jedhamee eegama jedhe.

Kandahaar magaalaa Afgaanistaan guddoo lammaffaa fi fulaa duudhaan amantii itti biqilee fi itti dagaage jedhamee amanama.

Loltoonni Taalibaan masjiida guddicha Kandahaar xiyyeeffannaan eegaa jiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Taalibaan masjiida guddicha Kandahaar xiyyeeffannaan eegaa jiru

Jimaata darbes haleellaa namoonni yakka badanii balleessuu raawwatan masjiida kaaba magaalaa Kunduz keessatti argamutti qaqqabsiisaniin yoo xiqqaate lubbuun namoota 50 darbe.

Haleellaa sana IS-K raawwachuusaa hime, haleellaan akkanaa erga US Afgaanistaan keessaa baatee as isa hammaataadha.