Haleellaa Masjiidaa Afgaanistaan tokkorratti raawwateen yoo xiqqaate namootni 50 du’an

Madda suuraa, EPA
Heleellaa boombii of-wareegaan tokko masjiidaa Afgaanistaan magaalaa Kunduuz irratti raawwateen, yoo xiqqaate namootni 50 ajjeefamuu isaani anga’oonni himan.
Haleellaan kun erga humnootni US biyyattii keessaa ba’anii isa hamaadha.
Masjiida Sayiid Abaad, hawaasni Shiyaa fayyadamu kana keessatti reeffi namoota kukkufee ni mul’ata ture.
Haleellaa kanaan namootni 100 ol madaa’aniiru.
Haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa gartuun fudhate ammatti jiraachuu baatus, Gartuu IS nannichaa dabalatee finxaalessitoonni Musliimaa Sunnii, kanaan dura, haleellaa hawaasa Shiyaa irratti xiyyeeffateen beekaman keessa qabu shakkiin jedhu jira.
Musliimootni Shiyaa amantaa Islaamummaa waan faalleessu amanu jedhanii yaadu.
Gartuun IS-K, kan Afgaan keessa socho’u bulchiinsa Taaliban kan mormu yoo ta’u, dhiyeenya keessa keessumaa baha biyyattii keessatti haleellaa hedduu raawwateera.
Daldalaan naannicha, Zalmaayii Alokzaayi, tarii dhiiga gumaachuun yoo barbaachiseef jecha gara hospitaalaa kan deeme, haleellaa kadhata Jimaataa booda haalli achi ture hamaa akka ta’e ibsa.
“Ambulaansiin hedduu reeffaa deddeebisuuf bakka balaan kun uumametti daddeebi’aa turani,” jechuun AFP’tti himeera.
Yeroo haleellaan kun raawwatetti namootni 300 ol kadhata Jimaataa irratti hirmaachaa akka turan, qondaalota nageenyaa naannichaa eeruun Tolo News gabaaseera.
Hanga ammaattii haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhatee jiraachuu baatus, haleellaa gartuun IS-K hagayya keessa buufata xiyyaaraa Kaabul iratti gaggeesse waliin wal fakkaata.
Gartuun kun irra daddeebiin kanaan dura hawaasa Shiyaa Afgaanistaan irratti xiyyeeffachuun of-wareegdotaan masjiidota, wiirtuulee ispoortii fi manneen barnootaa irratti haleellaa gaggeessaa tureera. Torbanoota dhiyoo keessatti, IS haleellaa hedduu Taalibaan irratti raawwachaa tureera.
Dilbata darbe IS, sirna kadhata awwaalchaa kan hoggantoonni Taalibaan oolaanoo irratti argaman irratti halleellaa gaggeessee ture, dabalataaniis bakka duraan olaantummaan qabatee ture naannoo Nangarhaar fi Kunaar keessatti haleellaa xixiqqaa gaggeessaa tureera.
Lammileen Afgaan hedduun bulchiinsi Taalibaan abbaa irree ta’u, hanga tokko nagaa nii fida abdii jedhu qabu ture.
Ta’us garuu gartuun IS, waadaa nageenyaa foyya’aa Taaliban kenne irratti yaaddoo kan uumaniiru.














