Afgaanistaan: Taalibaan lammiilee isa mormuuf hiriira ba'an irratti dhukaasuun bittimse

Lammiileen Afgaanistaan hedduun hiriira ba'uun mirgi dubartootaa akka kabajamu, akkasumas dhaadannoo Taalibaan fi Paakistaan abaaru wayita dhageessisan, hookkarri hamaan magaalaa Kaabul keessatti uumame.
Warri Taalibaan lammiilee hiriira ba'an irratti dhukaasuun bittimsaniiru.
Lammiileen hiriira mormii ba'an kunneen Paakistaan garee Taalibaan gargaaruu akka dhaabuu fi mirgi dubartootaa akka kabajamu akkasumallee bulchiinsa Taalibaan mormaniiru.
Ollaa Afgaanistaan kan ta'e Paakistaan himata Taalibaan deggera jedhu haaleera.
Viidiyoon BBC'f ergame wayita hidhattoonni Taalibaan samiitti qabanii dhukaasan agarsiisa.
Gareen kun erga yeroo darbe dhukaasa gammachuu haala kanaan dhuka'aa tureen namoonni hedduun lubbuu dhabanii as gochi akkanaa akka irra hin deebi'amne ibsee ture.
Garee gaazexeessitootaa BBC dabalatee gaazexeessitoonni taatee kana gabaasuurraa ittifamaniiru.
Ogeessi kaameeraa miidiyaa biyyattii Tolo News jedhamuu gaazexeessitoota hedduu fi hojjettoota biyya alaa waliin hidhamuun barameera.
Dubartoonni torbee darberraa eegalanii hiriira mormii gaggeessaa kan turan yoo ta'u, Kibxata har'aa ammoo dhiironni itti dabalamuun walqixxummaa fi nageenyummaan dubartootaa akka kabajamuuf gaafachuu eegalan.
Hiriirri mormii kun erga namni garee Taalibaaniin mormu hoogganu Ahmad Massoud mormii biyyaalessaaf waamicha dhiyeessee guyyaa tokko booda gaggeeffame.
Hiriirtonni hedduun garee kanaaf deggersa qaban ibsaa turan, gareen kun ammallee sulula Panjshir keessatti Taalibaan waraanaa jira jedhanii amanu.














