Afgaanistaan: Erga Taalibaan aangoo fudhatee biyyattii keessatti jireenyi maal fakkaata?

Madda suuraa, EPA
Erga loltoonni biyyaa biraa hundi Afgaanistaan keessaa ba’anii booda jireenyi biyyattii keessatti maal fakkaata? Bulchiinsotaafi magaalota biyyattii afur keessaa namootni jiraatan BBC’n dubbise mirga bu’uura isaanii dhabanii jiraachuuf rakkachaa akka jiran himu.
Nageenya isaaniif jechaa maqaan isaanii tokko tokko geeddarameera.
Mazar-i-Shariif
Mazar-i-Shariif magaala guddoofi wiirtuu daldalaa taatee kaaba Afgaanistaanitti argamtu fi daangaa Tajikistaanifi Uzbeekistaan irra jirtudha. Erga buufati mootummaa kufeetii, to’annoo Taaliban jala Hagayya 14 galte.
Majiib mana nyaataa keessaa hojjataa ture. Amma garuu nyaata argachuufuu rakkachaa jira. Bilbilaa viidiyoon Mazar-I-Shariif irraa yemmuu haasa’u, gamoo jijjigee keessa lafa kosiin guute keessa uffata qorraa lafa ta’e agarsiisaa, kun ammaaf bakka jireenyaa isaa akka ta’e hima.
Majiib akkuma namoota miiliyoona walakkaa bara kana sababa waraana Taalibaniifi mootummaa amma aangoo irraa kaafamee jidduutti uumameen qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, magaalittii kan seene torbanoota muraasa dura.
Waggooti 10 ol dura abbaan isaa Taalibaaniin akka ajjeefame hima. Amma “guyyaa guyyaan nama reebaa jiru” waan ta’eef “gadi ba’uun sodadhaa,” jedha.
Viidiyoon torban darbe Mazar-i-Shariif keessatti warabee, yemmuu namootni hedduu korojoofi larikiitti mi’a isaani qabatanii, abdii biyyittii keessaa baqanna jedhuun yeroo atoobisii gara magaala gudditti Kabuul keessa seenan mul’isa.
Guyyoota darbe keessatti erga humnooti waraanaa US biyyaattii keessaa ba’anii garuu namootni hedduu Kaabul irraa gara Mazar-i-Shariifitti imaluun, karaa daangaa Uzbeekitaan biyyattii keessaa baqachuu akka yaalan Mazaar nii hima.

Madda suuraa, EPA
Majiibis baqatee ba’uu barbaadus, nan milkaa’a jedhee hin yaadu. “Taaliban as jiru, akka namootni biyyattii keessaa ba’an hin barbaadani,”jedha.
Lashikaar Gaah, Bulchiinsa Helmaand
Bullchiinsa kibbaa irraa jirtu Helmaand keessa, yeroo waraanaatti loltoonni Biritish buufatanii kan turan ta’us, magaalattiin Hagayya 13 irratti Taalibaniin to’atammte.
Keenyan waajjira Dr Viktoor Uroseviic irra korojoon laastikii tiqqaa rasaasaan baatee fannifame jira. “Kana keenyan qaanii keenyaa jenna,” jedha. Baayyeen isaanii dargaggoota rasaasichaan miidhaman keessaa kan baafamedha.
Dr Urosevic hospitaala Lashkaar Gaah keessaa hojjeta. Amma waraanni waan dhaabbateef, akka torban tokko duraa hospitaalichi namootaan kan guute miti. Bombii fi raasaasii akka duraa waan hin dhukaafamneef daandileen tasgabbaa’oodha.
“Baayyee waan haaraadha, waggootii hedduuf as jiraadheera, garuu akkas callisee hin beeku, “ jedha. “Buubbee dura callisaadha akka jedhamuttiin ilaalaa jira, dhugaa utuu ta’uu baatee natti tola, garuu mee laalla.”
Lashkaar Gaa keessatti gamoolee fi maneen hedduun boombiin barbaada’anii, maatileen yeroo waraanaatti achii baqatan yeroo deebi’an manni isaanii diigamee argatu jedha Dr Uroseevik.
“Daandiirraa fi masjiidota fuldura rafaa jiru,” jedha. “Mana isaanii deebisanii ijaarrachuuf maallaqa isaa hin qabani, kanaaf daandirraa ykn firootta isaanii bira jiraachuuf dirqamaniiru.”
Nyaata argachuu waan dadhabaniif maatileen hedduu hiyyummaa keessa akka jiran hima. Ammatti baankileen cufamanii waan jiraniif maallaqa argachuu dhabuun rakkoo kana hammeesseera.
Hojjattoonni gargaarsa kanneen namootaaf gargaarsa keennaa turan erga Taalibaan aangoo qabatee booda, biyyatti gaadhisanii ba’aniiru. Lammiin Serbiyaa Dr Uroseviik, namoota biyyatti keessatti hafan keessa tokkodha.
Badakashaan
Bulchiinsa hiyyeeyyi Afgaanistaan keessaa tokko keessa tokko kan taate Badakashaan, Kaaba bahaa biyyattiitti argamti. Taaliban bulchiinsicha kan to’ate Hagayya 11 irrattidha.
Abdul Badakashaan keessatti ogeessi fayyaadha. Yeroo kanaan dura Taalibaan biyyatti bulchaa turan barataa ture.
“Yeroo sanatti haalli isaanii hamaa ture, ammas amalli isaanii akkuma duriidha,” jedha. “Jijjiiramaa homaa hin argu.”
Hospitaala naannicha jiru kan amma Taalibaaniin eegamaa jiru keessaa Abdul suuralee hedduu BBC’f ergeera.
“Guyyaa guyyaatti ijoolleen hedduu hanqina nyaataan miidhamaa jiru,” jedha.
Akka UN jedhutti ijoollee waggaa shanii Afgaanistaan jiran keessaa walakkaa ol, bara dhufu hanqina nyaataan hedduu ni miidhamu jedhamee tilmaamama,
Mirgi dubartootaas bayyee sarbama jedhee akka sodaatu Abduul ni ibsa. Hojjattoonni fayyaa hojii itti fufuuf eeyyama argatanis, dubartoonni hedduu garuu hojii isaanii irraa dhorkamniiru.
Dubartoonni kutaa 6ffaa ol jiran, barnootarraa dhorkamaniiru, jedha Abdul. “Namootni egeree isaaniif abdii hin qabu,” jedha. “Namootni Badakishaan keessa jiraatan carraa hin qabani.”
Heraat
Daangaa Iraanirra kan jirtu magaalaa Heraat, Afgaanistaan keessatti magaalaa walabummaa qabdu jedhamti ture. “erga loltoonni US biyyattii keessaa ba’anii, jiraattoonni magaalatti hedduun daanditti ba’uun deeggarsa Talibaaniif qaban ibsaniiru, kaan garuu sodaatanii manatti hafani.
“Magaalatti guutuutti Taalibaan qawwee qabatanii dhabbatanii jiru, “ jedha Guul. “Amma dureessootti, dubartootaa fi shammarraan hedduu daandirratti hin agartu, sababiinsaa Taalibaaniin waan sodaataniifi.”
Haati warraa Guul, Afsoon amma utuu dhiiri ishee gaggeessu utuu hin jiraatiin manaa ba’uu hin dandeessu, akkasumas burqa fuula ishee haguuguu uffachuu qabdi. “Egeereen ijoolleekoo dubaraa maal akka ta’u hin beeku,” jetti.
Obboleettin Guul, ogeetti fayyaa turte, erguma hoggantoonni Taalibaan dubartoonni hojii fayyaa keessa jiran hojjachuu danda’u jedhaniiyyu, torban muraasaaf kilika isheerra akka fagaattuf gaafatamteetti, jedha.
Guul fi maatiin isaa ammayyuu Afgaanistaan keessaa ba’uu barbaadu, “eessayyu ni deemna. Ameerikaa, Jarmanii, Firaans, eessayyuu deemuu barbaanna.”














