Afgaanistaan: Biyyoota jiraachuu Taalibaaniif wabii ta'an Tarkiifi Qaataar

Dursaan garee Taalibaam Abdul Gaaniin (bitaarraan) osoo gara Afgaanisaanitti hin deebiyiin dura Qaataar keessa ture.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dursaan garee Taalibaam Abdul Gaaniin (bitaarraan) osoo gara Afgaanisaanitti hin deebiyiin dura Qaataar keessa ture.

Biyyoonni gama Lixaa torban kana keessa Afgaanistaaniin gadhiisanii yeroo bahan Taalibaanonni gammachuu isaanii ibsachuuf magaalaa Kaabul dhukaasaan raasan.

Lammileen Afgaanistaan miliyoonaan lakkaa'aman ammoo fuuldurri isaanii maal ta'uu akka danda'u ifatti kan hin beekamne jireenya haaraatu isaan eeggata.

Taalibaanis taanaan sirni bulchiinsa isaa guutummaa addunyaa irraa kan adda isa baasu ta'uu anda'a.

Warri Taalibaan kun gara aangootti deebiyuu isaanii hordofee biyyoonni aunyaa dhiibbaa taasisuuf carraaqaa jiru. Adeemsa kana keessa biyyoonni addunyaa Arabaa irraa ta'an araarsistootaafi qindeessitoota ta'uun gahee ijoo qabatanii dhiyataniiru.

Biyyoonni kunneenis Tarkiifi Qaataar.

Biyyoonni kunneen lamaan hariiroo Taalibaan waliin qaban dhiyeenya kana cimsachaa jiru. Iji biyyoota lamaanii carraawwan jiranis ilaalaa jira. Kunis morkii Baha Gidu-galeessaa keessatti ol-aantummaa qabaachuuf jiru daran cimsuu danda'a.

Tarkiifi Qaataar sochii Islaamummaa naannawaa sanaatti dhiyoo yoo ta'an, Masirii, Sa'u Arabiyaafi UAE ammoo humnoota jiran waliin mudama keessa yeroo seenan mul'atu.

Biyyoonni kunneen [Masirii, Sa'u Arabiyaafi UAE] sochiiwwan akka kanaa akka yaaddootti waan ilaalaniifiha.

Taalibaan gara aangootti deebiyuun falaasama siyaasaa bu'uura seera Islaamaatiin mootummaafi ummata bulchuu deebisanii fiduudha. Kun yeroof kan kibba Eeshiyaa keessa jirudha.

Namoota Taalibaan bakka bu'uun mariyatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota Taalibaan bakka bu'uun mariyatan

Marii Taalibaan waliin

Baroota 1990n yeroo Taalibaan aangoorra ture keessa isaan waliin hariiroo idilee kan qabaachaa turan biyyoota sadii qofa. Isaanis, Paakistaan, Sa'ud Arabiyaafi UAE.

Erga haleellaan Fulbaana 11/2001 Ameerikaa irratti raawwatamee booda Sa'ud Arabiyaafi UAE hariiroo idilee Taalibaan waliin qaban huna aaan kutan. Haata'u malee, namoota dhuunfaa Sa'udiirraa deeggarsi maallaqaa dhoksaan taasifamu waggootaaf itti fufuun gabaafameera.

Aanga'oonni Sa'udii deeggarsi maallaqaa idileen Taalibaaniif taasifamu hin jiru jechuun haalanii kan turan yoo ta'u, deeggarsa maallaqaa dhaabsisuudhaaf tarkaanfiiwwan ciccimoon turan jedhanii turan.

Loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessatti argamuu isaanii lammilee Ameerikaa biratti jallatamuu dhabuun isaa yeroo dabalu, biyyoota hojii dippilomaasii hojjechuu barbaadaniif karri banamae.

Qaataariifi Tarkiin Talibaan waliin wal-arguudhaaf karaa gara garaa filataniiru.

Bulchiifni Pireziant Obbaamaa waraana sana dhaabuuf carraaquu isaanii hordofee Qaataar bara 2011 irraa irra kaastee marii nagaa buusuurratti gaggeessitoota Taalibaan keessummeessiteetti.

Adeemsichi ammoo falmisiisaa ture. Magaalaa Dohaa miidhaguu qarqaratti alaabaan Taalibaan fannifamee argamuunis namoota hedduu dheekkamsiiseera.

Biyyi Iraaniifi Sa'u Arabiyaa gidduutti argamtu Qaataar hawwii hojii dippilomaasii hojjechuu bara dheeraa qabdu akka gabbifattu ishee gargaareera.

Afgaanistaan waliin hariiroo seena-qabeessaafi gosaan wal-keessaa kan qabdu Tarkiin akka miseensa NATO tokkotti jila loltoota hin taane garasitti bobbaasuun biyyattii keessa tursiifteetti.

Akka ibsa xiinxaltootaatti, carraan kun milishoota Taalibaan waliin hidhata qaban waliin hariiroo basaastummaa cimaa akka qabaattu Tarkii gargaareera jedhu. Tarkiin dabalataan, biyya mana barumsaa warri Taalibaan itti baratan taate Paakistaan waliinis michuudha.

Roobii Buufanni Xiyyaaraa Kaabuul muddama keessa yeroo turetti Tarkiin aanga'oota Taalibaan waliin saatii sadiif marii taasisaniiru.

Marii taasisaa turan keessaa tokko adeemsa hojii buufata xiyyaaraa loltoonni Tarkii waggoota ja'aaf eegaa turan kan ilaallatu ture. 'Weerarri' Afgaanisaan akka xumuramuuf loltoonni Tarkii humnoota alaa biroo waliin akka ba'aniif Taalibaan cimsee gaafatee ture.

Torban darbe garuu marii Tarkiifi Taalibaan kanatu qaama ajandaa bal'aa ta'ee ture jedhu xiinxaltoonni.

Pirezidaantii Tarkii Erdoogaan

Madda suuraa, Reuters

Pirezidant Filiip Xayyib Erdoogan ergaawwan gaggeessitoota Taalibaan irraa ergameef, "bifa of-eeggannootiin abdii ifaa akka qabutti" ilaalla jechuun ibsaniiru. Qeequmsa hariiroo garee kana wliin qabaachuun isaanirratti dhiyaate yeroo gaafatamanis eenyu waliin akka mariyatan, "eenyurraayyu hayyama hin barbaadu" jedhan.

"Kun dippilomaasiidha," jedhan yeroo ibsa gaazexaaf kennan.

Itti dabaluunis, "Tarkiin tokkummaa Afgaanistaaniif gargaarsa waan hundaa taasisuuf qophiidha. Ta'us garuu karaa of eeggannoo qabuun taasifti," jedhaniiru.

Kaabuliin erga to'atanii kaasee biyyoonni hedduun keessumaa karaa Qaataar Taalibaan waliin hariiroon itti fufuu yaalaniiru. Yaaddoon kan guutame ta'ullee Tarkiin biyyoota qabatamatti hariiroo cimaa waliin uummachuu barbaadan keessaati.

Qaataar ilaalchisee ammoo gahee jaarsummaa isheen atakaaroo Galoo Galaanaa waggootaaf ture hameessuurra akka hir'isu aanga'oonni ni abdatu.

Qaataar marii araaraa walitti bu'insa gurguddoo garee Baha Giddu-galeessaa keessatti wal-morkatanii baayyee dura bu'ummaan gaggeessiteetti. Warraaqsa Arabaa hordofee garuu Galoo Galaanaa keessatti warri wal-morkatan leellistoota Islaamummaatiif loogdeetti jechuun himatu.

Bara 2017 Sa'ud Arabiyaa, UAE, Masiriifi Baahireen Iraan waliin baayyee walitti dhiyaachuu Qaataar eeruun karaa buufata TV to'annoo mootummaa jala jiru Aljaziiraa tasgabbii dhabuu babal'isteetti jechuun hariiroo ishee waliin qaban addaan kutaniiru. Boodarra garuu hariiroon adaan citee ture deebiyeera.

Lammilee Afgaanistaaniif egereen isaanii maal akka ta'e yeroo hin beekamiin jiru kanatti Qaataariifi Tarkiin biyyoota adunyaa Taalibaan waliin dubbahcaa jiran keessaatti.

Gara fuula duraattis Chaayinaafi Raashiyaanis hariiroo Taalibaan kana keessatti ni dorgomu.

Dubbiin warri Taalibaan gara aangootti deebiyuun kaase reefuu jalqabaa jira. Lammileen Afgaanistaan miliyoonaan lakkaa'aman egereen isanii maal akka ta'u tilmaamuun rakkisaa ta'a.