Afgaanistaan: Taaliban lafa hidhattoota biroon qabamee ture to'atee, dhukaasni gammachuu nama 17 ajjeese

Madda suuraa, Getty Images
Afgaanistaan keessatti Taalibaan hidhattoota sulula Panjshir to'atanii turan waraanee naannicha to'achuu hordofee magaalaa guddoo Kaabuul keessatti dhukaasa gammachuuf dhukaafame keessa namni 17 ajjeefame.
Maddeen Taalibaan Afgaanistaan keessatti bakki to'annoo isaanii jala hanga ammaa hin galiin ture Panjshir, hidhattoota finxaaleyyii jalaa bahuu yoo himan, hooggansi hidhattoota sanii garuu naannichi harka isaanii akka jiru himu.
Oduun naannichi to'atameera jedhu Jimaata battala dhagaahametti magaala Kaabul keessatti dhukaasni meeshaa waraanaa gammachuuf dhukaafamaa ture yoo xiqqaate lubbuu namoota 17 galaafachuu Rooyitarsi gabaaseera.
Miidiyaan biyyattii Shamshaad jedhamu dhukaasa kanaan namootni 17 du'uufi 41 kan ta'an madaahuu gabaase. Maddi oduu biyyattii biroon Tolo jedhamus gabaasuma walfakkaatu baase.
Kutaalee biyyattii biroo keessattis namootni gammachuu keessa rasaasaan rukutamanii hospitaala galaniiru.
Dubbii himaan Taalibaan Zabihullaah Mujahiid ''samiitti dhukaasuu dhiisaatii rabbi galateeffadhaa'' jechuun gaafataniiru.
Ergaa tiwiitara gubbaa maxxansaniin "rasaasni nama nagaa miidha, osoo hin barbaachifne hin dhukaasiinaa'' jechuun gaafatan.
Bakki dhumaa warri Taalibaan to'anne jedhan sululli Panjshir, kutaa biyyaa xiqqaa uummata 15,000-200,000 ta'antu keessa qubata.
Lafa fiixee gaara jala jiru kana hidhattoota finxaaleyyii faallaa Taalibaan ta'antu bulchaa ture.
Garee kana kan hoogganu Ahimad Masuud, yoo ta'u abbaan isaas duula warra Sooviyeet irratti baroota 1980 fi 1990'oota keessa finiinee ture hooggana turan.
Pireezidantiin itti aanaa duraanii Afgaanistaan kana amma miseensa hidhattoota faallaa Taalibaan ta'an kana Amrullaah Saaleeh ergaa viidoo BBC'f erganiin weeraramuu fi lolli guddaan gaggeefamaa akka jiru ibsaniiru.
Itti dabaluunis ''harka hin laannu, Afgaanistaaniif dhaabanna'' jedhan.
Taalibaan kutaalee biyyattii hunda to'atee kan jiru guyyoota keessatti mootummaa ijaare ibsuuf jira.













