EU, UK fi US mootummaa haaraa Taalibaan ijaaraa jiru beekamtii dhorkatan

Madda suuraa, Getty Images
Torbanoota dura Afgaanistaaniin kan to'ate Taalibaan mootummaa haaraa ijaaruuf wayita jirutti EU fi UK'n mootummaa haaraa Taalibaaniin ijaaramuuf beekamtii hin kenninu jechuun ejjennoo US deeggaraniiru.
Gamtaan Awurooppaa mootummaa haaraa Afgaanistaanitti Taalibaan ijaaraa jiruuf beekamtii hin kennuu jechuun reefuu beeksise. Amma dura US dursitee ejjennoo ishee kana beeksifteetti.
Hoogganaan haajaa alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel hariiroon taasifamu kamuu eeggannoo jabaan ta'a, kaayyoon isaas lammiilee Afgaan gargaaruudha jedhan.
Ministirri haajaa alaa UK Domeniik Raab ibsa kennaniin biyyi isaanii akkuma US fi Gamtaa Awurooppaa mootummaa Taalibaniin beekamtii dhorkachuu ibsaniiru.
Raashiyaa fi Chaayinaan garuu mootummaa Taalibaan haaraa kanaaf faara wayyoo qabu agarsiisaa jiru.
''Haala qindaayeen hojjechuuf murteessineerra...yoo haaldureen nageenyaa guutame'' jedhan Boorel walgahii ministiroota haajaa alaa miseensota gamtichaan Islooveeniyaatti ta'aame irratti.
Gamtichi dhimma Afgaanistaan kana gurmaa'insa akka G7, G20 fi biyyoota ollaa waliin qindoomuun akka hojjetus ibsaniiru.
Doominiik Raab gama isaaniin biyyi isaanii mootummaa Taalibaan beekamtii kan dhorku ta'us karri ishee haasa'aadhaaf banaa ta'uu himan.
Biyya ollaa Afgaanistaan taate Paakistaan irraa ibsa kennaniin qondaalli kun lammiilee Afgaan biyyaa bahuu barbaadan akka gargaaruu fedhan beeksisaniiru.
Wantootni ifa gochuu hin feene jiraachuu himanii, warra Taalibaan waliin marii gochuun akka barbaachisu dubbatan.
UK'n ''gaafatama namoomaa ishee ni bahattis'' jedhaniiru.
Mootummaan haaraan Afgaan Taalibaan ijaare yoom ifa godhama?
Rooyitarsi maddeen Taalibaan keessa jiran eeruun akka gabaasetti hundeessitoota Taalibaan keessaa tokko kan ta'an Mullaah Baradar mootummaa haaraa Taalibaan ijaaru kana hoogganu.
Waajira siyaasaa Taalibaan hoogganaa kan jiran Baradar ilma hundeessaa gartuu kanaa kan turan Mullaah Mohaammad Yaaqoob fi Sheer Mohaammad Abbaas Istaanekzaayiin aangoo olaanaatti miiltoo godhatu jedhameera.
Taalibaan mootummaa haaraa ijaare kana Sanbata dhufu ifa gochuu akka danda'u dubbii himaan dhaabichaa himaniiru.
Mootummaa kana ni hoogganu jedhamee namootni maqaan isaanii gabaafamaa jiru garuu bu'uura hin qabu jedhan.
Taalibaan erga humnootni alaa fi pireezidantiin biyyattii biyyaa bahanii booda tasa osoo hin qophaayiin masaraa mootummaa to'achuu danda'an.
Kanarraa kan ka'ees karooraafi imaammata mootummaa bal'inaan qopheessanii akka hin turre xiinxaltootni ni ibsu.













