Paakistaanitti namichi Qur'aana gubuun himatame jumlaan reebamuun ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images
Giddugala Paakistaanitti namichi fuula Quraanaa keessaa gubuun himatame, jumlaan ajjefame. Kunis waan amantii arrabsuu jedhamuun haleellaa dhiyoo qaqqabe keessaadha.
Gochaan kuni bulchiinsa Khaanewaal, ganda Punjaab jedhamutti kan raawwate wayita tahu, ajjeechaa nama kanaan wal qabatees namoonni 80 caalan to’annoo jala oolaniiru.
Akka gabaasoti jedhanitti namoonni otoo butanii hin fudhatiin dura shakkamaan kuni eegumsa poolisii jala ture. Reeffi isaas maatiif kennamee awwaalchi gaafa Dilbataa raawwateera.
Ministirri mummee Paakistaan Imraan Khaan, dhimmi kuni ’’seera jabaa tahe jalatti qabama,’’ poolisoota lubbuu nama kanaa oolchuu hanqachuun komataman irraa immoo ibsa nan barbaada jedhan.
Mootummaan keenyi jedhan, ‘’seera harka ofiin raawwachiisuu irratti obsa tokkollee hin qabu.’’

Madda suuraa, Getty Images
Qondaalli poolisii Munaawaar Huseen akka jedhanitti, poolisoonni gaafa qaqqaban namni ganna 40moota keessa jiru kun of wallaalee, mukatti hidhamee ture.
‘’Namoonni naannoo shimala, qottoo fi feerroodhaan dhufan ajjeesanii mukarratti isa fannisan,’’ jechuun Huseen Rooyitarsitti himaniiru.
Munaawaar Gujaar, hogganaa buufata poolisii iddoo gochaan kuni raawwatee yoo tahan, namni haala kanaan ajjeefame kuni, ‘’waggoota 15 darbaniif fayyaa sammuu hin qabu ture,’’ jechuun APtti himan.
Taatee kanaan baatii lama dura hogganaan warshaa lammii Siriilaankaa, naannoo Punjaab keessatti sababii amantii arrabsuu jedhuun jumlaan ajjeefamee ibiddi itti qabsiifameera.
Seerri Paakistaan dhimma amantii arrabsuu/ganuu irratti jiru, nama amantii Islaamaa arrabseef du’aan adabsiisuu kan danda’udha. Qeeqxonni seerichi hordoftoota amantii sab-xiqqoo qaban ari’achuu faayidaarra ooleera jedhu.
Akka gareeleen mirga namoomaa jedhanitti seerri kun dubbii amantii wajjin wal-hin qabnerratti fa’i faayidaa dhuunfaaf himannaa mo’achuu fa’iif faayidaarra ooleera.













