Paakistaan: Lammiin Sirilaankaa amantii arrabse jedhamee haala sukaneessaan ajjeefamuun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, EPA
Paakistaanitti lammiin Sirilaankaa amantii arrabsuun shakkame daboodhaan haala sukanneessaan Jimaata darbe reebamee erga ajjeefamee booda reeffa isaatti ibiddi qabsiifame.
Ajjeeffamuun namticha kanaa biyyoota ammoo Paakistaanifi Sirlaankaatti hiriira mormii kakaase.
Hoggaanan Paakistaan namoota hokkorri kun akka uumamuuf ka’umsa ta’an balaaleffatan.
Piriyantaa Diyawadanagee nama umriin isaa ganna 48 ta'e magaalaa Siyalkot jedhamtutti hogganaa warshaa tokkoo ture.
Ajeechaa isaatiin walqabate hanga yoonaatti namoonni 100 ol hidhamaniiru jedhan MM Paakistaan Imiraan Kaan.
Imiraan Kaan haleellaa kun,’’biyyattiif qaaniidha’’ jedhanii ibsan.
Maatiin namticha ajjeeffame kana Sirilaankaa jiraatan ‘abdii kutannaa jabduu keessa jirra’ jechuun BBCtti himan.
Haati warraa namticha ajjeeffamee Nilushi Dissanayaka, mootummoonni Paakistaaniifi Sirilaankaa qorannoo cimaa gaggeessuun’’abbaa warraan koofi ijoolleen koo lamaan akka haqa argatan gochuu qabu,’’ jette.
‘’Halleellaa irra qaqqabe intarneetii gubbarrattin arge.. haleellaa gara jabummaan kan guutame," jette.
Viidiyoon ajjeecha namticha amtiin arrabsuun shakkame kanaa agarsiisu sambattan lamaan miidiyaalee hawaasarra deddeebi’aa ture.
Viidiyoo sanarratti namoonni dheekkaman Aab Diyawadanage iddoo hojiisaatii harkisanii baasuun reebanii wayita ajjeesan agarsiisa.
Sana booda reeffa isaa ni guban.
Kana malees, namoota walitti sassaabaman keessaa kanneen reeffa Aab Diyawadanage biratti suura of kaasanillee turaniiru.
Maaltu hokkora kakaase?
Hokkorri kan eegale Diyawadanageen postarii maqaa Nabii Mohaammad qabu ciruudhaan gocha amantii xiqqeessu raawwate hamiin jedhu tamsafamuu hordofuun raawwate jedhe qondaalli poolisii naannicha tokko.
Haata’u malee, hiriyaan Diyawadanagee lubbuu hiriyaasaatti oolchuu garasitti muddamaan deemaa ture Asooshetid Pireessitti akka himetti, gamoo qulqulleeffamuuf wayita jedhutti poostarii maxxamfame qofa buqqise.
Haati warraan isaalle himannaan amantii arrabsuu abbaa warraa isheetti dhiyaate dhara jette.
‘’Abbaan warraa koo warshaa keessatti poostarii ciree gabaasni jedhu fudhatama hin qabu, abbaan warraa koo nama nagaadha,’’ jechuun BBCtti himte.
‘’Paakistaan keessa wayita jiraata turetti baayyee of eeggata. Biyya Muslimaati. Waan raawwachuu qabuufi hin qabne ni beeka, ganna 11 achii hojjateera,’’ jette.
Ajjeechaa sukanneessa Jimaata darbe sanarratti namoota dhibbaan lakka’amaniitu hirmaate-halleellaan kun biyyattti keessatti naasuu uume namootni akka morman dammaqseera.
MM Imiraan Kaan halleellaa sana‘’namoota seeran tarkaanfiin fudhatanitu haleellaa sukanneessa sana qaqqabsiise’’jedhan.
Itti dabaluun,‘’namoonni haleellaa kana qaqqabsiisan seeraan itti gafatamu’’ jedhan.
Paakistaanitti namni amantii Islaamaa arrabse du’aan adabama.
Seerri amantii arrabsuu/xiqqeessu ilaachisuun biyyattiin baafte yaa’ii amantiifi walitti buhamu, iddoo awwaalcha eeyyama malee seenuu, amantii arrabsuu ykn itti yaadanii iddoo kadhannaa ykn mi’a kadhannaaf namoonni itti tajaajilaman mancaasuu dhorka.
Beektota amantii Islamaa arrabsuun yakkaadha. Bara 1982 ‘itti yaadanii’ Qura’aana aarrabsuun hidhaa umrii guutuun akka nama adabsiisu seerri ajaju seera biyyattii keessatti dabalameera.
Bara 1986 immoo Nabii Mohaammad arrabsuun du’aan ykn hidhaa umrii guutuun akka nama adabsiisuu seerri ajaju biraan dabalame.
Paakistaanitti himannaan sobaa mormii kaasu danda’a, daboodhaan nama yakka dalaguun shakkame irratti tarkaanfii fudhatu.
Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman gareewwan lakkoofsaan muraasa irratti himannaan akkasii qiyyaafachuu yeroo dheeraaf qeeqaa ture.












