Paakistaan: Dargaggoo 'amantii arrabsuun' himatamee dhaddacharratti rasaasaan ajjeefame

Dargaggoo Paakistaanitti ajjeefame

Kaaba Paakistaan magaalaa Peshawaar jedhamtu keessatti namtichi 'amantii arrabse' jedhamee dhaddacha mana murtiitti dhiyaate dhaddachumarratti rasaasaan dhawamee ajjeefame.

Namni Xaahir Ahmad Naseem jedhamu, bara 2018 jalqaba kan himatame raajii jedhee of waamuu isaatiin amantii arrabsite jedhamuun ture.

Roobii ganamaan dhaddacha mana murtiirratti otoo himannaan irratti dhiyaate dhaga’amaa jiruu ajjeefame.

Viidiyoon reeffasaa teessoo mana murtiirra ciisu agarsiisu miidiyaalee hawaasarratti qoqqodamaa ture.

Namtichi itti dhukaase ajjeese achumatti qabame hidhame.

Viidiyoon biraa gadhiifame namtichi dhukaasee ajjeese harki isaa hidhamuu kan agarsiisu wayita ta’u, ‘’diina Islaamaati’’ jedhee dheekkamee iyyaa ture.

Jalqabarratti 'amantii arrabsite' jedhee kan himate barataa madarasaaa magaala Peshawaar Awayis Maalik wayita ta’u, Xaahir Ahmad Naseem Ameerikaa wayita jiru namticha isa himatu kana wajjin toora intarnetiin waliin haasa’aa ture.

Maalik BBC tti akka himetti, booda gamoo daldalaa magaalaa Peshawaar keessatti argamu tokkotti erga wal arganii booda ilaalcha inni amantaarratti qaburratti waliin haasa’aniiru.

Sana booda poolisii wajjin ta’ee himannaa irratti bane jedhee ture. Waan dhaddacharratti ta'es, waa’ee ajjeechaa raawwatame kanaas ani hin beeku, quba hin qabu jedhe.

Namni mana murtii keessatti dhukaasee Xaahir ajjeesuun shakkame Kaalid jedhama.

paakistan
Ibsa waa'ee suuraa, Erga ajjeefamee booda dhaddacharratti suuraa kaafamee ture

Amantii arrabsuu ykn 'Blasphemy' akka seera paakistaanitti du’aan nama adabsiisa haa ta’u malee, namni du’aan adabame hin turre. Himannaan akkasi yeroo dhiyaatu garuu haleellaa hordofsiisuun barameera.

Namtichi dhukaasee ajjeese akkamittiin qawwee qabatee mana murtii akka seene sirriitti hin beekamu.

Raajii ykn ergamaa rabbiiti ofiin jedhee Youtube irratti gadi dhiiseera kan jedhu hoogganaan hawaasaa tokko 'rakkoo fayyaa' qabaachuu hin oolu jedha.

Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman, Paakistaan seera amantii arrabsuu yakka taasisu hawaasa lakkoofsaan muraasarratti akka qiyyaafatamuu fi haleellaan akka irra qaqqabu jajjabeeessiti jechuun himatan.

Dhiyeenyaatti namoonni amantii arrabsan jedhamanii himataman hiriirtota dheekkamanii fi hidhattootaan ajjeefamaniiru.

Ergasii dhimmi amantii arrabsuu jedhamee lubbuun namaa darbu miidiyaa hawaasaarratti mata duree namoota haasofsisaa jiru ta’eera.